Iraan keessatti lammiileen Biriteen lama, dhiiraa fi dubartiin, to'annoo jala ooluu Waajjirri Dhimma Alaa mirkaneesse.
Oduu hidhamuu isaanii jalqaba miidiyaalee mootummaa Iraan irraa kan dhufe yoo ta’u, isaanis yakka nageenyaa hin ibsamneen walqabateen himatamuudhaan magaalaa kibba bahaa Kirmaan keessatti to’annoo jala ooluu isaanii ibsaniiru.
Maqaa namoota to'ataman kanneenii kan hin dhoofne yoo ta'u garuu suuraa fuula isaaniirratti dhokfamee Roobii darbe waajjira abbaa alangaa Kermaan keessatti ambaasaaddara Biriteen Hugo Shortar waliin wayita wal arganii maxxanse.
Waajjirri Dhimma Alaa, lammiileen Biriteen fi kanneen lammummaa Biriteen-Iraan lamaanu ta'an ''balaa guddaa'' hidhamuu keessa jiru jechuudhaan, yeroo ammaatti imalli gara Iraan hunda akka dhaabbatuuf gorse.
"Aanga'oonni Iraan si to'achuudhaaf paaspoortii Biriteen qabaachuun ykn UK waliin walitti dhufeenya qabaachuun qofti sababa gahaa ta'uu danda'a," jedha gorsi kun.
Akkasumas walgahii lammiilee Biriteen fi ambaasaaddara UK gidduutti taasifame irratti abbaan alangaa Kerman Mehdi Bakhshi fi ittaanaa bulchaa waliigalaa dhimma nageenyaa fi seera kabachiisuu Rahman Jalali akka turan dhaabbanni oduu mootummaa IRNA gabaaseera.
Iraan waggoota darban keessa lammiilee Iraan kanneen lammummaa lama qaban ykn jiraattota dhaabbataa biyya alaa ta'an hedduu to’annaa jala oolchitee jirti. Isaan keessaayis irra caalaan isaanii himannaa basaasaa fi nageenya biyyaalessaatu irratti dhiyaate.
Namoota kanneen keessaa ammoo yoo xiqqaate 15 isaanii UK waliin hidhata kan qabaniidha.
Gareen mirga namoomaa yeroo baayyee qabannaadhaa'f kan to'ataman yoo ta'u, kan gadhiifaman yoo Iraan deebistee waan tokko argattu qofadha jedhu.
Bara 2023 Iraan nama ammummaa Biriteen fi Iraan qabu Alirezaa Akbaarii UK'f basaasaa ta'uun jettee himachuudhaan du'aan ajjeefte turte. Namni sunis himata kana haaluudhaan dararaa irratti raawwachuudhaan kaameeraa fuulduratti yakka hin raawwanne akka hamanuuf dirqisiifamuu dubbateera.
Dhuma bara sanaarratti, ogeessi naannoo Moraad Tahbaaz, kan lammummaa UK-US-Iraan qabu, namoota shan waliigaltee jijjiirraa hidhamtootaa Iraan fi US gidduutti taasifameen kan gadhiifaman keessaa tokko yoo ta’u, kunis maallaqni Iraan dhorkamee ture doolaara biiliyoona 6 (£4.8bn) Kooriyaa Kibbaa irraa dabarfamee ture.