Kaaba Maqdooniyaatti abidda mana shubbisaa halkaniitti mudateen 59 du'an

Qondaalonni Kaaba Maqdooniyaa akka jedhanitti balaa abiddaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 59 du'uun alatti 155 kan caalan miidhamaniiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Yukireen haleellaa dirooniin Mooskootti warshaa boba’aa qulqulleessu rukutuu himte

    Haleellaa diroonii halkaniitiin booda naannawa Mooskootti miidhaan qaqabuun ganama keessa gabaafame

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa diroonii halkaniitiin booda naannawa Mooskootti miidhaan qaqabuun ganama keessa gabaafame

    Haaluma qaama haleellaa dirooniin halkan darbe Raashiyaa irratti raawwateen, waraanni Yukireen ''dandeettii oomishaa warshaa boba'aa Moskoo'' dabalatee, ''eddoowwan tarsiimoo hedduu haleelleera'' jedha.

    Humni waraanaa kun akka jedhutti, warshaan qulqulleessituu boba'aa haleellamee kun "waggaatti boba'aa toonii miiliyoona 11" oomishuuf kan danda'u yoo ta'u, diizilaa fi beenzila Moskoo keessaa kan "%40-50" ta'u kan dhiyeessudha.

    Waraanichi ibsa baaseen itti dabaluudhaan, buufata oomishaa Orlov keessatti argamu haleeleera. Kunis dhiyeessii ujummoo boba’aa buufata galaanaa Seent Piiteersbarg keessaatiif murteessaadha jedheera waraanichi.

  2. Siwiidin Raashiyaan nageenya isheetiif balaa guddaa ta'uu himte

    Tajaajilli nageenyaa Siwiidin akka jedhetti, sochiin Raashiyaa irra caalaa walitti hidhamiinsa Naatoo diiguu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibseera

    Madda suuraa, Getty Images

    Raashiyaan sababii ilaalcha hamaa biyyoota lixaarratti qabduun Siwiidiniif balaa guddaa akka taatu tajaajilli nageenyaa biyya Iskaandinaaviyaa (Saapoon) beeksiseera.

    Siwiidin gamtaa waraanaa Naatootti makamuun ishee nageenyashee kan cimse yoo ta'u, sochiin basaasaa Raashiyaa akka dabalu taasiseera jechuun gabaasa waggaashee irratti barreessiteetti.

    Raashiyaan garuu badii kamiyyuu hin raawwannee jechuun waakkatti.

    Saapoon akkasumas haalli nageenyaa Siwiidin hamaa ta'uu kan dubbate yoo ta'u, humnoonni alaa karaa baayyee sodaachisaa ta'een, waraana walmakaa, taateewwan gara jeequmsa finxaaleeyyii waliin socho'aa jiru jedhe.

    Hogganaan dhaabbata Saapoo, Shaarlote Voon Essen, haala tilmaamuun rakkisaa ta'uu danda'uun, ''balaa qabatamaan haalli nageenyaa kana caalaa daran hammaachuu danda'a'' jedhan.

    Siwiidin bara darbe miseensa NATO kan taate yoo ta’u, kanas erga Raashiyaan Guraandhala bara 2022 weerara guutuu Yukireen irratti raawwatte booda akka wabii hundarra gaarii ta’uutti fudhate.

    Amajjii bara sanaatti ammoo ministirri ittisa siiviiliishee sababa weerara Raashiyaatiin yeroo dhiyootti "Siwiidin keessatti waraanni jiraachuu akka danda'u" akeekkachiiseera.

    Saapoon Kibxata darbe akka jedhetti, sochiin basaasaa Raashiyaa adda durummaan walitti hidhamiinsa miseensota Naatoo gidduu jiru diiguu, deeggarsa biyyoonni lixaa Yukireenif taasisan mormuu fi qoqqobbii irra kaa’ame jalaa miliiquu irratti kan kaayyeffate ta’uu ibse.

    Sochiiwwan kunniin Raashiyaan ittisa Siwiidiin fi kanneen Awurooppaa bal'aa keessatti ijaaramuusaatiin ''haleellaa fi balaadhaaf saaxilamuu ishee dabalaa akka jirtu agarsiisa jedheera.

    ''Tajaajilli nageenyaa fi basaasaa Raashiyaa yeroo odeeffannoo walitti qaban qabeenya bal'aa fi waltajjiiwwan adda addaa fayyadamu,'' jechuun ejensichi kan barreesse yoo ta'u, isaan kun qondaaltota basaasaa ari'uudhaan daangeffamuu isaanii ibseera.

  3. Yukireen haleellaa 'cimaa' Raashiyaarratti raawwachuuf humna qabdi - Yukireen

    Yukireen Mariin Kiiv fi Waashiingtan jidduutti Sa’uudii Arabiyaa keessatti itti fufee jiru kanatti, miseensi paarlaamaa Yukireen Oleksii Goncharenko haleellaan halkan darbe Moskoo irratti raawwatame biyyattiin haleellaa “baay’ee cimaa” Raashiyaa irratti raawwachuuf dandeettii akka qabdu agarsiisuudha jedhan.

    Kiiv irraa BBC'f yeroo dubbataniitti, "kun ergaa yoo xiqqaate kaardii qabna" jedhuudha jedhan.

    (Doonaald Tiraamp dhiheenya kana marii nagaa kamiyyuu keessatti Raashiyaan "kaardii" qabdi jedhee akka amanu dubbachuu isaanii eeruun ta'u mul'isa).

    Gonchareenko walgahii Jiddaatti gaggeeffamaa jiru irratti, erga Zeleniskii fi Tiraamp jidduutti Waajjira Ovaal keessatti wal jijjiirraa jecha cimaa mudateen booda mariin ammaa kun US fi Yukireen gidduutti amantaa akka deebisee ijaaru abdii akka qaban dubbatan.

    Itti dabaluudhaanis, galmi Yukireen walga’ii kana irratti tokkummaa daangaa, abbaa biyyummaa fi wabii nageenyaa biyyattii mirkaneessuu akka ta’e dubbatan.

  4. Jilli Yukireen fi Ameerikaa marii nagaarratti wal argan suuraadhaan

    Qondaaltonni Ameerikaa fi Yukireen waraanni Yukireen akka dhaabbatuuf mari’achuuf yeroo walga’an suuraawwan haaraa Sa’uudii Arabiyaa Jiddaa irraa isiniif dhiyeessine kunooti.

    Qondaaltoota Yukireen

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Dhimma Alaa Yukireen Andirii Syibihaa (bitaa) Andrii Yermaak (giddugaleessa), itti gaafatamaa waajjira Zeleninskii fi Ministira Ittisaa Yukireen Rustam Umeroov kan gara (mirga) taa'an walgahii Sa'udii Arabiyaa irratti
    Jila Ameerikaa

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo fi Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Maayik Waaltz (bitaa) jila Ameerikaa Jiddaatti argamu bakka bu’uun
    Qondaaltoota Saawudi Arabiyaa walgahicharratti argaman

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Dhimma Alaa Sa’uudii Faayisal Biin Farhaan gara (bitaa) fi Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa biyyattii Mosaad Bin Mohammad Al-Aibaanis walgahii kana irratti kan argaman
  5. Amma nu gahe, Lakkoofsi namoota haleellaa diroonii Moskoorratti gaggeeffameen du'anii dabale

    Har'a yeroo USfi Yukireen nagaan haala itti bu'uu danda'urratti mariidhaaf taa'aa jiranitti haleellaa diroonii cimaa Yukireen Mooskoo dabalatee naannoolee Raashirratti raawwatte.

    Haleellaa diroonii kana hordofuun namni sadaffaan du'uu isaa itti gaafatamaan kutaa Domodedovo Moskoo miidiyaa hawaasaa irratti himan.

    Kanaan dura haleellaa diroonii ''cimaa'' Moskoo irratti raawwatamee kanaan booda namoonni lama du'uu isaanii gabaasnee turre jedhu qondaaltonni.

    Miidiyaaleen Raashiyaa akka jedhanitti, namoonni lamaan ajjeeffamanis kan umuriin isaanii waggaa 38 fi 50 yoo ta'u, buufata konkolaataa dhiheenya xiyyaaraa Domodedovotti argamu keessa hojjechaa turan.

    Namni saddaffaan ajjeefames nama ganna 43 kan akkuma namoota miidhaman lamaaniitti kan dhaabbata nyaataa Miratorg jedhamu keessa hojjechaa ture ta'uu, Bulchaan Naannoo Moskoo Andiree Voroobiyoov miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreeffama maxxansaniin himaniiru.

  6. Yugaandaan mootummaa Saalvaa Kiir gargaaruf humna waraanaa Sudaan Kibbaatti bobbaaste

    Jeneraal Muhoozii Kaayinaarugaabaa

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Qondaalli waraanaa olaanaa Yugaandaafi ilma pirezidaantii Yugaandaa kan ta'e Jeneraal Muhoozii Kaayinaarugaabaa humni waraana Yugaandaa Sudaan Kibbaatti bobba'uu beeksise

    Mootummaa Pirezidant Saalvaa Kiir gargaaruuf Yugaandaan humna waraanaa Juubaatti bobbaasuu beeksifte.

    Bulchiinsi Saalvaa Kiir magaalaa guddoo biyyattii akka eegu gargaaruf humna waraanaa bobbaasuu ilma pirezidantii Yugaandaa Jeneraal Muhoozii Kaayinarugaabaa beeksisaniiru.

    Yugaandaan humna waraanaa Sudaan Kibbaatti bobbaasuunshee Pirezidant Saalvaa Kiiriifi ittaanaasaanii Miik Maachaar gidduutti muddamni cimuu hordofeeti.

    Ilma pirezidantii Yugaandaafi qondaala waraanaa olaanaa biyyattii kan ta'an Jeneraal Muhoozin "Saalvaa Kiir irratti lola kan banu kamuu Yugaandarratti waraana akka labsetti fudhatama" jechuun fuula X gubbaatti barreessan.

    "Akka biyya keenya tiksinutti daangaa Sudaan Kibbaa guutummaashee ni tiksina," jechuun dabaluun barreessan.

    Sudaan Kibbaatti pirezidaant Saalvaa Kiiriifi ittaanaasaanii Riik Maachaar gidduutti muddamni hammaachuu irraa kan ka'e gara waraana waliinitti deebi'uu malu sodaan jedhu dabalaa dhufeera.

  7. Haleellaan diroonii akkaan guddaa ta’e Mooskoorratti raawwatame - Raashiyaa

    Mana Mooskootti haleellaa Yukireen raawwatteen manca'e

    Madda suuraa, EPA

    Yeroo Yukireeniifi US marii nagaaf walga’uutti jiranitti haleellaan yeroo kamirrayyu guddaa ta’e Mooskootti raawwatamuu Raashiyaan ibsite. Haleellaa “jabaa” halkan guutuu gaggeeffamaa ture kanaan yoo xiqqaate namoonni lama ajjeefamuu aanga’oonni raashiyaa himaniiru.

    Namoota lamaan haleellaa kanaan ajjeefaman keessaa tokko waardiyyaa paarkii konkolaataa keessa hojjetu umurin isaa wagga 38 ta’e yoo ta’u, inni kaan ammoo ga’eessa umuriin wagga 50ti.

    Kun haleellaa Yukireen Mooskoofi naannawaasheetti raawwattee isa hunda caalaa guddaadha jedhameera.

    Kantiibaan Mooskoo Sergee Sobiyaaniin dirooniiwwan 73 magalaattiitti ergaman rukkutamanii kuffifamaniiru; buufatawwan xiyyaaraa Mooskoo afur ammoo yeroodhaaf hojii dhaabaniiru jedhe.

  8. ASHAMAA? Tamsaasa kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    ASHAMAA? Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Tamsaasa kallattiin oduu amma ta'e isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Asiin dhiyaadhaa!

  9. Zeleeniskiin Sa'udii seenaniiru

    Pirezidantii Yukireen imalaaf gara Sa'udii kan imalan

    Madda suuraa, Office of the President of Ukraine

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii Yukireen imalaaf gara Sa'udii kan imalan

    Pirezidantiin Yukireen Voloodimiir Zeleeniskii Ilma Mootii Sa’udii Arabiyaa waliin mari’achuuf Jiddaa jiru.

    Ta’us marii jila Yukireen fi US guyyaa Kibxataa mari’atu keessatti hin hirmaatan.

    Imalli isaanii daawwannaafi jedhameera.

    Mariin US fi Yukireen waliigaltee dhukaasa dhaabuu irratti xiyyeeffata jedhameera.

  10. Namoota balaa xiyyaaraa Itoophiyaan dhumaniif siidaan dhaabbate

    Balaa xiyyaara daandii Qilleensa Itoophiyaa ET 302 tiin namoota 157 lubbuu dhaban

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Balaa xiyyaara daandii Qilleensa Itoophiyaa ET 302 tiin namoota 157 lubbuu dhaban

    Balaa xayyaaraa bara 2019 Bishooftutti mudateen namoota 157 du'aniif siidaan yaadannoo ijaarame har'a eebbifame.

    Ministiirri Geejjibaafi Loojistikii Alamuu Simee (PhD) fuula miidiyaa hawaasaa isaanitti akka ibsanitti bakkichatti argamuun siidaa yaadannoo kana eebbisisaniiru.

    "Guyyaan kun namoota balaa kanaan haala suukaneessan du'an miira gadda guddaan yeroo itti yaadannu qofa osoo hin taane, nageenya geejjiba qilleensarraa miira itti gaafatamummaafi itti fufiinsan akka eegamu gochuuf cimnee cichoominee kan itti hojjannuudha," jechuun barreessan.

    Xayyaarri Daandii Qilleensa Itoophiyaa Boeing 737 Max-8 lakkoofsi balaliisaa ET 302 ta’e Bitootessa 10, 2019 Fifinnee irraa gara Keenyaatti osoo imaluu Bishooftuutti kufee caccabuun namoonni 157 du'uunsaanii ni yaadatama.

  11. Marii Yukireen waliin goonu waan gaarii fida jedheen yaada - Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaantin US Doonaald Tiraamp mariin Yukireenifi US Saawudiitti taasisuuf jedhan waan gaarii fidee akka dhufu dubbate.

    Biyoonni lamaan bori Saawudiitti wal-arguun akka marii taasisantu eegama.

    Tiraamp kaleessa miidiyaaletti yeroo dubbatu "bu'aan gaarii ta'e yeroo dhiyootti ni argama" jedhe.

    "Dhumarratti [Yukireenifi Raashiyaa gidduutti] nagaan bu'uu qaba," jedhe.

    Marii USfi Yukireen taasisuuf jedhan kanarratti gama lamaaninuu qondaalonni olaanon ni hirmaatu.

    US bakka bu'uun minitiirri dhimma alaa Maarkoo Ruubiyoofi gorsaan nageenya biyyoolessaa Maayik Waaltiz akkasumas Baha Giddu Galeessatti ergamaa addaa US kan ta'an Istiiv Wiitkoof ni hirmaatu.

    Yukireen garuu eenyummaa namoota bakka ishee bu'anii US waliin mariyachuuf jiranii ifa hin goone.

  12. Balaa konkolaataa shawaa Lixaan jaha du'anii hedduun miidhaman

    Balaa konkolaataa mudate

    Madda suuraa, FBC

    Godiina Shawaa Lixaa Aanaa Dandiitti balaa konkolaataa mudateen namoonni jaha yoo du'an hedduu madaa'uu miidiyaan biyya keessaa FBCn gabaase.

    Balaan kun kan mudate konkolaataan geejjiba ummataa Aanaa Gindabarat irraa ka'uun gara magaalaa Giincii deemaa ture bakka addaa Annannoo jedhamutti garagaluuni.

    FBCn Kominikeeshinii Aanaa Dandii waabeffachuun akka gabaasetti, namoota jaha du'aniin alatti namoonni 16 ammoo miidhaa qaamaa cimaafi salphaan irra gaheera.

    Kanneen miidhaman Hospitaala Giincitti yaalamaa akka jiranis ibsa gabaasichi.

  13. DR Koongoon nama hooggantoota riphee loltootaa to'achuurratti gargaareef miiliyoona 5 nan kenna jedhe

    Koorneel Naangaa magaalota hidhattoonni M23 to'atan keessatti haasawa taasise

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Koorneel Naangaa magaalota hidhattoonni M23 to'atan keessatti haasawa taasise

    Mootummaan DR Koongoo hooggantoota hidhattoota jalqaba bara kanaa kutaa baha biyyattii gara caalu qabatanii sadi to'achuuf adamsaa jira. Kanarratti qaama isa gargaareef badhaasa doolaara miiliyoona shan akka kennu ibseera.

    Duraan hoogganaa komishinii filannoo DR Koongoo kan ture Korneel Naangaa amma jaarmiyaa riphee loltootaa Kongo River Alliance jedhaman hooggana. Hidhattoonni M23 jedhaman as keessatti argamu.

    Hooggantoonni M23 Sulxaanii Maakengaa fi Beertiraand Bisiimwaa kanneen mootummaan to'achuuf barbaadaa jiru keessaati.

    Manni murtii waraanaa bara darbe hooggantoota riphee loltoota sadan kunneen bakka isaan hin jirretti murtee du'aa itti murteessee ture.

    Biyya ganuudhaan himataman.

    Mootummaan Dr Koongoo gaazexeessitoota biyya baqaa jiran lamas seeraan to'achuuf adamsaa jira, nama gaazexeessitoota kunneen qabuuf tumseef ammoo badhaasa doolaara miiliyoona afur qopheesseera.

    Namoonni mootummaan eere kunneen carraan qabamuusaanii baayyee dhiphaadha.

    Humni waraanaa mootummaa hidhattoota deeggarsa Ruwaandaa qabanii fi baha DR Koongoo iddoo albuudaan badhaadhe qabatanii jiraniin wal hin gitu.

    Hidhattoonni kunneen magaalota gurguddoo- Goma fi Bukavu to'atanii jiru.

    Pirezidantiin biyyattii Feliksi Tshisekedi hidhattoota kunneen loluu caalaa hawaasi idiladdunyaa Ruwaandaa irratti dhiibbaa akka uumuu fi qoqqobbii akka irra kaa'u gaafachuurratti xiyyeeffatanii jiru.

    Gabaasi UN bara darbe baase loltoonni Ruwaandaa 4,000 ta'an hidhattoota M23 DR Koongoo keessa socho'an waliin hojjechuu ibseera.

    Walitti bu'iinsa tureen kumaatamni du'aniiru, kuma dhibbaan kan lakkaa'aman qe'eerraa baqataniiru.

  14. MM Kaanaadaa ittaanan waraana daldalaa Tiraamp walinii injifachuuf waadaa seenan

    Maark Kaariinii

    Jastiin Turuudoon bakka bu'uudhaan minisira mummee Kaanaadaa ittaanaa kan ta'an Maark Kaariiniin yeroo biyya

    Maark Kaarnii kan Jastiin Tiruudoo bakka bu’ee ministira muummee Kaanaadaa ta’uuf injifatan, yeroo inni aanguu fudhatuutti biyyattii keessatti tasgabbii dhabuun cime kanatti, waraanaa daldalaa pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp injifachuuf dhaadatan.

    Bulchaan duraanii baankii giddugaleessaa Kaanaadaa kunis dorgommii hoggansa paartii Libaraal irratti dorgomtoota sadii injifachuun isaanii ni yaadatama.

    Kaarnii gaheessi ganna 59, haasaa injifannoo isaanii ilaalchisuun dubbatan keessaa harka caalu keessatti, Tiraamp Kanaadaa irra qaraxa kaa'uu fi biyyattiin bulchiinsa Ameerikaa 51ffaa gochuu akka barbaadu dubbachuurratti qeequun haasa'an.

    ''Ameerikaanonni dogoggora tokkollee raawwachuu hin qabdu,'' jedhan. "Akkuma dorgommii tapha hookii Kaanaadaatti daldalaanis ni injifatti."

    Kaarnii guyyoota itti aanan keessatti Ministira Mumme biyyattii ta’uun waadaa kan galan yoo ta’u, filannoo waliigalaa ittaanu irratti paartii Libaraalota ni hoogganu jedhamee eegama.

    Walgahiinn kunis torban dhufan keessatti ni waamama jedhamee eegama.

    Kanaan dura ministirri mummee filatamaan aangoowwan filannoo ummataatiin qabaman qabatanii hin beekan ture.

    Dorgommii filannoo paartii kun kan eegale Amajjii darbe keessa erga Turuudoon aangosaanii gara waggaa 10tti siquu irraa gadhiisuuf gaaffii dhiyeeffahuusaanii hordofeeti.

    Turuudii qaala'iinsa jireenyaafi rakkoo mana jireenyaatiin wal qabatee rakkoo mudateen fudhatamni isaan ummata biratti qaban waan hir'ateef aangoo akka gadhiisaniif paartii isaanii irraa keessoon dhiibbaan isaan mudatee ture.

    Filannoo Dilabata galagala gaggeeffameen Maark Kaarnii sagalee 85.9 dorgomaasaanii ministira maallaqaa duraanii Kiiristaa Fiiriilaandiin injifatan.

    Filannoo kanaan ummannii kuma 150 ta'u sagalee kennusaanii paartiinsaanii beeksiiseera.

  15. Yukireen dhukaasa dhaabuurratti waliigaluun 'mariif qophii ta'uu' US himte

    Loltoota Yukireen naannawa Karkiiv keessatti

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Yukireen naannawa Karkiiv keessatti

    Bulchiinsi Tiraamp Yukireen Raashiyaa waliin walitti dhukaasuu dhaabuun ''mariif dhihaachuu akka dandeessu,'' amana.

    Qondaalli gameessi ministira dhimma alaa US aanga'oonni Yukireen akkaataa US barbaadduun mariif socho'aa jiraachuu dubbatan.

    Qondaalonni US aanga'oota Yukireen waliin Sa'uudii Arabiyaatti walga'uun marii eegaluuf jedhu.

    Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo fi Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa US Maayik Waaltiz qondaalota Sa'uudiitti imalan keessaati.

    Achitti gitoota isaanii kan Yukireen waliin waa'ee waraana waggaa sadi ol lakkoofsisee irratti dubbatu.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp giti isaa kan Yukireen waraana Raashiyaa waliin gaggeessaa jiran akka dhaaban dhiibbaa uumaa jira.

    Kunis akka duraanii deeggarsa waraanaa Ameerikaan qofa ta'uu akka hin qabne Tiraamp sirriitti ibseera.

    Guyyaa kudhan dura qondaalonni lameen Waayit Haawusitti walitti bu'anii turan.

    Tiraamp Zeleniskiin waraana kana dhaabuuf qophii miti jechuun himate.

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Guraandhala 2022 Yukireen weerare. Yeroo ammaa Raashiyaan dachee Yukireen dhibbeentaa 20 ta'u to'attee jirti.

  16. Israa'el guutuu Gaazaatti dhiyeessii ibsaa adda kutuuf ta'uu ministirri dubbatan

    Gaazaatti dhiyeessitiin ibsaa adda cituudhaaf

    Madda suuraa, Reuters

    Israa'el Hamaas reeffa lammiilee Israa'el qabatee jiru akka gadhiisuuf dhiibbaa taasisuuf jecha guyyaa Dilbatarraa kaasee Guutuu Gaazaatti dhiyeessii ibsaa adda akka cituuf ajajje.

    Labsiin Ministira Annisaa Israa'el, Elii Kooheen kunis erga Israa'el dhiyeessii deeggarsaa Gaazaa bakka ummannii miiliyoona lamaa ol jiraatu hunda irraa torban darbe adda kutteen boodadha.

    Ibsa kanarraa warrabbii viidiyootiin Dilabata darbe dubbataniin, Kooheen ''namoota boojii'aman deebiisuudhaafi guyyaa waraanaatiin booda kaasee Hamaas Gaazaa keessa jiraachu akka hin dandeenye mirkanneessuuf meeshaalee harkaa qabnu hundatti fayyadamna'' jedhan.

    Murteen humna ibsaa addaan kutuu kun adda durummaan hojii warshaalee kannannee bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyeessuuf murteessoo ta’an irratti dhiibbaa qaba jedhamee eegama.

    Mootummaan dhiyeessii bishaanii addaan kutuu akka hin hafne ibseera.

    Ibsa isaa keessatti Koohen akka jedhanitti: "Ajaja humna ibsaa battalatti gara Gaazaatti erguun akka dhaabbatu amma mallatteesseen jira."

    Israa’el jalqaba waraana kanaarratti humna ibsaa guddaa gara Gaazaatti geessu harka caalu jedhamu addaan kuttee turte.

    Mariin dhukaasa dhaabuu laafaa ta'e dheeressuuf taasifamu, kan marsaan jalqabaa Bitooteessa 1 xumurame, Wiixata har'aa Kaataar keessatti deebi’ee eegala jedhamee eegama.

    Israa’el Hamaas dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa dheeratu akka fudhatu barbaaddi.

    Haata'u malee, Hamaas marii dhukaasa dhaabuu marsaa lammaffaa irratti marii jalqabuu barbaada. Kanaanis butamanii fudhatamanii hafan Gaazaa keessaa gadhiifamuu, humnoonni Israa’el Gaazaa akka ba’anii fi waraanni dhaabbataadhaan akka xumuramu kan taasisu ta’a.

    Hamaas namoota lubbuun jiran 24 akkasumas reeffa namoota biroo 35 qabatee jira jedhamee amanama.

  17. Bulchiinsi Sooriyaa kanneen dhiiga lammiilee nagaa dhangalaasan adabuuf waadaa seene

    Kutaa daangaa Sooriyaatti walitti bu'iinsi loltoota mootummaa fi hidhattoota Asaadiif amanamoo ta'an gidduutti hammaateera

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Kutaa daangaa Sooriyaatti walitti bu'iinsi loltoota mootummaa fi hidhattoota Asaadiif amanamoo ta'an gidduutti hammaateera

    Hoogganaan bulchiinsa yeroo Sooriyaa Ahmad al-Sharaa, erga loltoonni mootummaa hordoftoota amantii Alawite kanneen lakkoofsaan xiqqoo ta'an dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuun himatamanii booda, kanneen dhiiga namoota nagaa dhangalaasan adamsee akka adabu waadaa seene.

    Jaarmiyaan UK taa'ee haala mirga namoomaa Sooriyaa keessaa hordofu Syrian Observatory for Human Rights (SOHR) jedhamu haleellaa jumlaa loltoonni mootummaa hawaasa lakkoofsaan xiqqoo ta'an Alawite irratti Jimaataa fi Sambata raawwateen 830 kan ta'an ajjeefamuu gabaase.

    BBCn himannaa gareen mirga namoomaa kun mootummaa Sooriyaa irratti dhiheesse qaama walaba ta'erraa qulqulleeffachuu hin dandeenye.

    Hawaasi amantii Alawite hordofan lakkoofsaan xiqqoodha, ammaa biyyaa baqatee kan jiru Pirezidantiin duraanii Bashaar al-Asaad hundeensaanii bakka kana.

    Yeroo ammaa gosti isaa bakka kanaan dhibbaatamaan buqqa'aa jiru.

    SOHR haleellaan kun erga Asaad Muddee darbe aangoorraa ari'amee isa hamaadha jedhe.

    Walitti bu'iinsa kanaan loltoonni mootummaa 231 ta'anii fi hidhattoonni Asaad waliin michummaa qaban 250 ajjeefamuu SOHR ibseera.

    Kanneen dabalatee walumaagalatti walitti bu'iinsa gidduu kanaan namoonni 1,311 ajjeefamuu jaarmiyaan mirga namoomaa teessoon isaa UK ta'e kun gabaaseera.

    Ahmad al-Sharaa haasaa TV biyyattii irratti taasiseen hidhattoota Asaadiif amanamoo ta'an adamsuun akka adabu ibseera.

    Loltoonni isaa Muddee darbe pirezidantii duraanii Sooriyaa aangoorraa kan ari'an Ahamd al-Sharaa yeroo ammaa bulchaa bulchiinsa yeroo biyyattiiti.

  18. Deeggarsi Pirezedaantiin Keeniyaa mana amantaatiif kennan walitti bu'iinsa kaase

    Mormii kennaa Ruutoon waldaaf taasise hordofee ka'e

    Madda suuraa, Getty Images

    Poolisiin Keeniyaa mormitoota waldaa dhiheenya kana Pirezidaanti Wiliyaam Ruutoon deeggarsa guddaa kennameef dhuunfachuuf yaalaa turan bittimsuuf gaazii imimmaaneessaa itti dhukaasan.

    Kennaan shilingii miliyoona 20 ($155,000; £120,000) Waldaa Ministirii Mo'ataa Yesuus (Jesus Winner Ministry) kan naannoo magaalaa Roysambu Naayiroobiiti argamuuf kenname dargaggoota biyyattii kanneen qaala'iinsa jireenyaatiin rakkataa jiraniin haalaan qeeqame.

    Ruutoon kennaa taasisee falmuudhaan waldaa Eldoretiitti argamu tokkoofis kennaa walfakkaatu dhiyeessee jira.

    Bara darbe, dureewwan Kaatolikii fi Angilikaan Keeniyaa lamaan isaaniiyyuu waldaan kaayyoo siyaasaaf akka itti hin fayyadamne eeguun barbaachisaadha jechuun falmuudhaan arjooma kana didaniiru.

    Tibba walitti bu'insichaattis namoonni hedduun to'annoo jala kan oolfaman yoo ta'u, mormitoonnis waldaa cabsanii seenuudhaan ibidda itti qabsiisuu yaaluudhaan daandiiwwan dhiheenyatti argamu ammoo dhakaan cufanii ture.

    Haata'u malee tajaajilli waldichaa eegumsa cimaa jalatti gaggeeffamuu miidiyaan biyya keessaa gabaasan.

    Lubni Edwaard Mwaayi namoonni maqaansaanii hin ibsamne tajaajila waldaa jeequuf "kanneen jeequumsa uuman" kakaasan jechuusaanii marsariitiin ''Star'' gabaaseera.

    Hordoofaa amantaa Kiristaana wangeelaa kan ta'e Ruutoon kennaa taasiseef faluudhaan, manca'iinsa naamusa biyyattii furuuf yaalii godhamedha jedhe.

    "Keeniyaan namoota waldaa waliin wal qunnamuu akka hin dandeenye nutti himaa jiran akka qaana'aniif Waaqayyoon beekuu qabdi," jechuun marsariitiin Neeshiin waldaa biraa, Eldoreetiitti argamutti akka dubbate wabeeffate.

    Lammiileen Keeniyaa erga Ruutoon bara 2022 filatamanii as daballii gibiraa walduraa duubaan taasifameen aaraa jiru.

    Liqaa guddaa mootummaa duraanii irraa dhaale kaffaluuf akka isa barbaachise kan dubbatu yoo ta'u, lammiileen Keeniyaa hedduun garuu jalqaba qisaasama ummataa fi malaammaltummaa furuu qaba jechuun falmu.

    Bara darbe, dambalii mormiin guutuu biyyattiitti umamee ture, Ruutoon Labsii Faayinaansii dhiyeessee ture kan daballii gibiraa walduraa duubaan of keessaa qabu akka dhaabuu dirqisiiseera.

  19. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Odeessaalee baha giddugaleessaa- Sooriyaa fi Gaazaa, US fi dhimma Yukireen fi Raashiyaa akkasumas odeessaalee kutaalee addunyaa hundarraa akkasaan mudataniin bakka kanatti argattu.

    Odeessaalee duraan dabarsine tamsaasa kallattii kanaan duraa banadhaa dubbisaa!

    Nagaan oolaa!