Humni waraanaa kun akka jedhutti, warshaan qulqulleessituu boba'aa haleellamee kun "waggaatti boba'aa toonii miiliyoona 11" oomishuuf kan danda'u yoo ta'u, diizilaa fi beenzila Moskoo keessaa kan "%40-50" ta'u kan dhiyeessudha.
Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Dhimma Alaa Sa’uudii Faayisal Biin Farhaan gara (bitaa) fi Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa biyyattii Mosaad Bin Mohammad Al-Aibaanis walgahii kana irratti kan argaman
Amma nu gahe, Lakkoofsi namoota haleellaa diroonii Moskoorratti gaggeeffameen du'anii dabale
Mootummaan DR Koongoo hooggantoota hidhattoota jalqaba bara kanaa kutaa baha biyyattii gara caalu qabatanii sadi to'achuuf adamsaa jira. Kanarratti qaama isa gargaareef badhaasa doolaara miiliyoona shan akka kennu ibseera.
Duraan hoogganaa komishinii filannoo DR Koongoo kan ture Korneel Naangaa amma jaarmiyaa riphee loltootaa Kongo River Alliance jedhaman hooggana. Hidhattoonni M23 jedhaman as keessatti argamu.
Lammiileen Keeniyaa erga Ruutoon bara 2022 filatamanii as daballii gibiraa walduraa duubaan taasifameen aaraa jiru.
Liqaa guddaa mootummaa duraanii irraa dhaale kaffaluuf akka isa barbaachise kan dubbatu yoo ta'u, lammiileen Keeniyaa hedduun garuu jalqaba qisaasama ummataa fi malaammaltummaa furuu qaba jechuun falmu.
Bara darbe, dambalii mormiin guutuu biyyattiitti umamee ture, Ruutoon Labsii Faayinaansii dhiyeessee ture kan daballii gibiraa walduraa duubaan of keessaa qabu akka dhaabuu dirqisiiseera.
Yooyyaa!
Tamsaasa kallattii eegalleerra. Odeessaalee baha giddugaleessaa- Sooriyaa fi Gaazaa, US fi dhimma Yukireen fi Raashiyaa akkasumas odeessaalee kutaalee addunyaa hundarraa akkasaan mudataniin bakka kanatti argattu.