Namichi kun erga gadhiifamee booda waggoota torbaaf mallattoo sochiisaa hordofuu ( ankle tag) akka kaawwatuuf gaafatamuudhaan, dhaabbata dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa keessatti akka hin hojjenne dhorkameera.
Amma nu gahe, Gaazexessitoonni hoteella mariin US-Raashiyaa itti eegaluuf jiruu akka bahan gaafataman
Madda suuraa, Getty Images
Mariin Ameerikaa fi Raashiyaa yeroo jalqabuuf jedhuutti gaazexeessitoonni hoteela keessaa akka bahan gaafatamusaanii gabaafame.
Gaazexeessitoonni hoteela Ritz-Carlton kan Riyaad keessaa kan bakka mariin US fi Raashiyaa gidduutti itti jalqabame keessaa akka gadhiisanii bahan gaafatamuun isaanii dhaabbanni oduu Taas gabaaseera.
Miidiyaaleen Taas fi al -Araabiyaan lamaan isaaniiyyuu mariin Ameerikaa fi Raashiyaa jidduu balbala cufaa dubbatti gaggeeffamaa akka jiru gabaasaa jiru.
Sawud Arabiyaa maaliif marii nagaa keessumeessuuf filatamti?
Madda suuraa, Getty Images
Kibxata kaleessaa aanga'oonni Ameerikaa fi Yukireen Sawud Arabiyaatti Raashiyaa waliin waliigaltee nagaa taasisuudhaaf haala dandeessisurratti marii eegalaniiru.
Biyyattiin marii nagaa kanaaf kan filatamte dursaan biyyattii mootii Mahaamad biin Saalmaan walitti dhufeenya cimaa pirezidantii Raashiyaa Puutiniifi pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin qaban irraa kan ka'eedha.
Paartichi kaadhimamaa kana filachuuf Dilbatatti kora taa'uuf saganteeffatee ture, garuu osoo sagantaan kun hin milkaa'in mootummaan nama siyaasaa kana hidhe.