Mootummaan Itoophiyaa , TPLF fi Ertiraan yoo lola seenan maaltu mudata?
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa YouTube
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad hooggansi TPLF ''qophii waraanaa bal'aa'', ''bittaa meeshaa'' fi ''duula waraanaa gochaa jira'' jechuun himatan.
Gama kaaniin, mootummaa Ertiraa irraa "waan gaarii argachuun kan hin yaadamnedha,'' jechuunis himataniiru.
Dubbiin isaanii kuni yeroo Itoophiyaafi Ertiraa akkasumas TPLF gidduu walitti bu'iinsi ka'uu mala jedhamee yeroo sodaatamutti dhagahame.
Dubbiin MM Abiy maal akeeka? Waraanni yoo ka'e maaltu mudata?










