Maallaqa biyyoota Afrikaa 23 keessaa gatiin birrii dadhabaa ta'uu Bloomber gabaase
Akka gabaasa Bloombergitti gatiin birrii bara kana dhibbeentaa 3.2n kan hir'ate yoo ta'u, qorannoo bara darbe maallaqa biyyoota Afrikaa 23 irratti gaggeesseen hundaa gadi ta'ee argameera.
Erga bara 2024 deeggarsa Dhaabbata Maallaqaa Idiladdunyaatiin gatiin sharafa alaa birrii gabaarratti hundaa'uun akka murtaa'u taasifamee as maallaqa biyyattii kun kufeera.
Doolaarri tokko gabaa baankii biyyattiin birrii 162tti sharafamuun gatiin birrii akkaan gadi bu'uu mul'isa jedha gabaasi kun.
Baankii Standard Chartered jedhamutti ogeettii diinagdee kan taate Saaraa Baayinton Gileen ''rakkoon sharafa alaa Itoophiyaa kan mudate biyyattiin kan argatturra kan baastu caaluusaati,'' jetti.
''Itoophiyaan biyya boba'aa alaa galchituudha. Kanaafuu wayita gatiin boba'aa dabalu birriin dhiibbaa jala gala.''
Gabaasi Bloomberg gabaa seeraan alaarratti doolaarri tokko birrii 180 ga'uu fi kan seera qabeessa dhibbeentaa 15 caaluu mul'ise.
Saaraa Baayinton Gileen ji'oota dhufan birriin dandamachuu akka hin dandeenye ykn akkaan gadi bu'aa akka ta'u eegdi, xumura bara kanaatti doolaarri Ameerikaa tokko birrii 163 ga'uu akka danda'u tilmaamti.
Jaarmiyaa dhimma biizinasii fi maallaqaa irratti gorsa kennu Pragma Advisory jedhamu kan hoogganan Mariid Fiqreyohaannis baankiiwwan Itoophiyaa ammayyuu doolaara tokko birrii 163tti sharafuu eegalaniiru jedhan.
Bara haaraa kanatti namoonni doolaara baayyinaan waan barbaadaniif gatiin sharafa alaa dabaluu danda'a jedhe.
Itoophiyaan doolaara meeqa akka qabdu hin ibsine, garuu gabaasi IMF Adoolessa darbe baase biyyattiin doolaara biiliyoona 5.9 akka qabdu ibse.
Bloomberg waa'ee kufaatii birrii fi kuufama doolaaraa Itoophiyaa irratti gaaffii Baankii Giddugaleessaaf dhiheesseef akka deebii hin arganne ibse.
Mootummaan Itoophiyaa bara bajataa kana keessa hanqinni akka mudatuu fi kunis daafoo waraanaa Iraaniin gatiin boba'aa dabaluudhaan hammaachuu akka danda'u ibseera jedha gabaasi Bloomberg.
Jaarmiyaa Citigroup Inc. jedhamu damee Afrikaatti ogeessa diinagdee kan ta'e Daaviid Koowaan dhuma bara kanaatti doolaarri tokko birrii 185 hanga 195 ta'uu danda'a jechuun tilmaame.
Aanga'oonni biyyattii akka 200 hin geenye tarkaanfii fudhachuun xiyyeeffannaan hojjechuu qabu jedhe.