Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, UAE’n daldala Iraan waliin taasiftu hunda dhaabde

Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) daldalaafi maallaqa Iraan waliin sochoostu hunda hanga guyyaan isaa hin beekamneetti dhaabuu beeksifte.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Maallaqa biyyoota Afrikaa 23 keessaa gatiin birrii dadhabaa ta'uu Bloomber gabaase

    Akka gabaasa Bloombergitti gatiin birrii bara kana dhibbeentaa 3.2n kan hir'ate yoo ta'u, qorannoo bara darbe maallaqa biyyoota Afrikaa 23 irratti gaggeesseen hundaa gadi ta'ee argameera.

    Erga bara 2024 deeggarsa Dhaabbata Maallaqaa Idiladdunyaatiin gatiin sharafa alaa birrii gabaarratti hundaa'uun akka murtaa'u taasifamee as maallaqa biyyattii kun kufeera.

    Doolaarri tokko gabaa baankii biyyattiin birrii 162tti sharafamuun gatiin birrii akkaan gadi bu'uu mul'isa jedha gabaasi kun.

    Baankii Standard Chartered jedhamutti ogeettii diinagdee kan taate Saaraa Baayinton Gileen ''rakkoon sharafa alaa Itoophiyaa kan mudate biyyattiin kan argatturra kan baastu caaluusaati,'' jetti.

    ''Itoophiyaan biyya boba'aa alaa galchituudha. Kanaafuu wayita gatiin boba'aa dabalu birriin dhiibbaa jala gala.''

    Gabaasi Bloomberg gabaa seeraan alaarratti doolaarri tokko birrii 180 ga'uu fi kan seera qabeessa dhibbeentaa 15 caaluu mul'ise.

    Saaraa Baayinton Gileen ji'oota dhufan birriin dandamachuu akka hin dandeenye ykn akkaan gadi bu'aa akka ta'u eegdi, xumura bara kanaatti doolaarri Ameerikaa tokko birrii 163 ga'uu akka danda'u tilmaamti.

    Jaarmiyaa dhimma biizinasii fi maallaqaa irratti gorsa kennu Pragma Advisory jedhamu kan hoogganan Mariid Fiqreyohaannis baankiiwwan Itoophiyaa ammayyuu doolaara tokko birrii 163tti sharafuu eegalaniiru jedhan.

    Bara haaraa kanatti namoonni doolaara baayyinaan waan barbaadaniif gatiin sharafa alaa dabaluu danda'a jedhe.

    Itoophiyaan doolaara meeqa akka qabdu hin ibsine, garuu gabaasi IMF Adoolessa darbe baase biyyattiin doolaara biiliyoona 5.9 akka qabdu ibse.

    Bloomberg waa'ee kufaatii birrii fi kuufama doolaaraa Itoophiyaa irratti gaaffii Baankii Giddugaleessaaf dhiheesseef akka deebii hin arganne ibse.

    Mootummaan Itoophiyaa bara bajataa kana keessa hanqinni akka mudatuu fi kunis daafoo waraanaa Iraaniin gatiin boba'aa dabaluudhaan hammaachuu akka danda'u ibseera jedha gabaasi Bloomberg.

    Jaarmiyaa Citigroup Inc. jedhamu damee Afrikaatti ogeessa diinagdee kan ta'e Daaviid Koowaan dhuma bara kanaatti doolaarri tokko birrii 185 hanga 195 ta'uu danda'a jechuun tilmaame.

    Aanga'oonni biyyattii akka 200 hin geenye tarkaanfii fudhachuun xiyyeeffannaan hojjechuu qabu jedhe.

  2. Balaa helikoopteraa Keeniyaatti dhaqqabeen namoonni torba du'an

    Keeniyaatti helikoopterri turistoota qabatte kuftee caccabuun namoonni torba du'an.

    Balaan kun kan dhaqabe naannoo gaara Ololokwe jedhamutti yoo tahu paayileetii fi turistoonni jaha waliin imalaa turan balichaan du'aniiru.

    Dippaartimantiin Qorannoo balaa Xiyyaaraa keeniyaa namoonni du'an lammiilee biyya kamii akka tahe adda baasaa jiraachuu hime.

    Balichi kaawontii Sambuuruu keessatti har'a ganama dhaqabe.

    Suuraan qoodame aarri bakka balaan kun itti dhaqabee yeroo asii ol bahu agarsiisa.

    Waldaan Qaxxaamura Diimaa Keeniyaa bakkicha gahuun hin danda'amne garuu dirooniidhaan bakkicha hordofaa jirra jedhe.

  3. Sa'uudiin lammiilee Itoophiyaa fi Yamanii jimaa kiilogiraama 240 seeraan alaa dabarsuuf yaalan to'achuu ibsite

    Lammiileen Itoophiyaa lama yoo ta'an Bulchiinsa Asir jedhamutti Eegdota Daangaatiin to'atamuu miidiyaaleen Sa'uudii Arabiyaa gabaasaniiru.

    Namoonni kunneen osoo jimaa kiilogiraama 40 ta'u seeraan ala dabarsuuf yaalanii to'atamuu fuula X Eegdota Daangaa irratti ibsameera.

    Adeemsi seeraa jalqabaa shakkamtoota irratti eegalamuunis kana keessatti ibsameera.

    Namoonni kunneen, kontiraabaandii waliin qabaman waliin waajjira mootummaa dhimmi ilaallatutti dabarfamuun gabaafameera.

    Qaamoleen nageenyaa biyyattii lammiileen akkasumas jiraattonni hunduu gocha daddabarsa baala sammuu hadoochuu ykn daldala seeraan alaa fi daddabarsa namootaa irratti odeeffannoo qaban hunda irratti akka eeruu kennu dhaamaniiru.

    Bulchiinsota Makkaa, Madiinaa, Riyaad fi kutaalee Bulchiinsa Bahaa keessatti lakkoofsa bilbilaa 911 fayyadamuun akka eeruu kennan, akkasumas kutaalee kaan keessatti 999 ykn 994 fayyadamuun akka eeran ibseera.

    Gaazexaan Sa'uudii Arabiyaa Saudi Gazette jedhamu ammoo lammiileen Itoophiyaa fi Yamanii waliigalatti 14 ta'an jimaa kiilogiraama 240 ta'u osoo seeraan ala daddabarsanii to'atamuu gabaase.

    Akka gabaasa gaazexaa kanaatti taateen kunis kan mudate Bulchiinsa Asir keessatti.

    Godaantonni Itoophiyaa hedduun Sa'uudii Arabiyaatti manneen hidhaa garaagaraa keessatti kan argaman yoo ta'u, kanneen murteen du'aa irratti darbee fi murteen isaanii raawwatames jiru.

    Sa'uudiin godaantota du'aan adabde jimaa fi baala sammuu hadoochan biraa daddabarsaniiru jechuun himatte.

    Lammiilee Itoophiyaa dhimmi isaanii kanaan walqabatu 60 ta'an keessaa kanneen ajjeefaman 21 ga'uu Hiyuumaan Raayits Waach dabalatee jaarmiyaaleen mirga namoomaa idiaddunyaa hedduun gabaasaniiru.

  4. Sanadi qindaawaan bor bakka hirmaattonni kuma 4 argamanitti dhihaata- Komishinii

    Komishiniin Marii Biyyaalessaa adeemsi marii xumuramaa jiraachuu irratti ibsa kenneera.

    Komishinara Itti Aantuu komishinichaa kan ta'an Hiruut Gabrasillaasee ajandaawwan garaagaraa hirmaattota gareewwan saddeetii irraa walitti qabaman sanada tokkotti qindaa'uu ibsan.

    Gareen qindeessitoota ajandaa gareewwan saddeet irraa walitti dhufanii fi miseensota 120 qaban ajandaawwan bakka tokkotti qindeessaa jiraachuu kan himan Aadde Hiruut, garuu ajandaa qaaccessuun qixeessuun hojii of eeggannoo barbaadu waan ta'eef barfateera jedhan.

    Qixeessitoonni ajandaa kunneen hanga kaleessa galgalaatti qindoominaan hojjechuun sanada tokko kan yaada gareewwan saddeetii hunda of keessatti qabate qopheessuu danda'aniiru jedhan.

    Sanada bakka tokkotti qophaa'e kana gareen kun gareewwan hundaaf dhiheessuu kan himan Aadde Hiruut, adeemsi kunis gareen hundi sanada qophaa'erratti yaadaa fi galtee dhumaa akka kennaniif yaadamee kan mijeeffamedha jedhan.

    Gareen 120 har'a sanada yaadaa fi galtee garee hundaa hammate qixeessanii xumuru jedhan.

    Bor ganama ammoo sanadi bakka tokkotti qophaa'e kun bakka hirmaattonni kuma afur argamanitti akka dhihaatu ibsan.

  5. Arsenaal taphataa sarara ittisaa Astoon Viilaa Koonsaa mallatteessifate

    Arsenaal taphataa sarara ittisaa Astoon Viilaa Ezrii Koonsaa paawondii miiliyoona 50n fudhachuuf waliigale.

    Taphataan Ingilaand kun gara Emireetis qajeeluu dura qorannoo meedikaalaa taasisa.

    Astoon Viilaan taphatichaaf Paawondii miliyoona 60 barbaada ture. Arsenaal amma paawondii miiliyoona 50n waliigaleera, garuu gatiin irra dabalu jira.

    Akkasumas Bayer Liiverkusan irraa Yaarel Kuwaanzaa gaafataa jiru. Kun garuu yoo kan Koonsaa hin milkaa'u tahedha jedhamee ture.

    Arsenaal Kiristoos Zoolis mallatteesisee sarara duraa isaa cimseera.

    Gidduu irratti Buruunoo Gimaaresh Niwkasil irraa mallattesiseera.

  6. Aangorraa kan kaafaman ministirri ittisaa Yukireen filannoon prezdaantummaa akka godhamu gaafatan

    Ministira ittisaa Yukireenii fi namni hedduu beekaman Maayikihaayiloo Fedoroov waraanuma jidduutti filannoon akka gaggeeffamu gaafatan.

    Kun pirezdant Zeleniskiif baay'ee qormaata guddaa dha.Weerarri Raashiyaa Yukireenirratti bante waggaa afurii fi walakkaa guute.

    "Dimookrasiin Raashiyaadhaan boojuu ta'ee hafuu hin qabu," jedhan Fedoroov yaada Yuutuubiui irratti Kibxata maxxansaniin. Yukireen lolachaa kan jirtu biyya birmaduu Awurooppaa taatee itti fufuu waan barbaadduufi jedhan.

    Yeroo waraanni eegalee, bara 2022 kaasee Yukireen bulchiinsa waraanaa jala jirti, jechuunis filannoon yeroof tursiifameera.

    Fedoroov, viidiyoo isaa keessatti maqaa Zeleneskii hin dhoofne. Ministeera Ittisaa ta'ee muudamee ji'oota jaha jidduutti ji'a darbe tasa aangorraa kaafame

    Zeleniskiin dubbii qondaala kanaarratti yaada kenna jedhamee eegama. Aangorraa kaafamuun isaa mormiii uummataa jabaa kaase.

    Mormitoonni 100 ta'an waajjra paarlaamaa Yukreen duratti Roobii kana mormiif bahan. "Fedoroov ministirummaa ittisaatti deebisaa" mormiin jedhu dhagahamaa ture. "Nuffineerra, marii nu barbaachisa."

    Fedoroov nama siyaasaa cimaa, dubbii danda'u, ministeera ittisaa dadammaqseefi malaammaltummaarratti qabsoo eegale jedhamee jajajama. Caasaa ministeera ittisaas haaromsuufi ceesisuunis teknolojii waraanaa haaraaf iddoo kennuunis maqaa horate.

    Walakkeessa Adoolessaa aangorraa kaafamuun isaa mormii jabaa uume.

  7. US haleellaa niwukilaraa yoo raawwatte, Iraanis deebii ni kenniti'-Miseensa Paarlama Iraan

    Miseensi paarlaamaa Iraan Ameerikaan meeshaa niwukilaraa Iraan irratti yoo fayyadamte Iraanis deebii wal gitu akka kennitu ibsan.

    Miseensi Komishinii Nageenyaa Biyyaalessaa fi Imaammata Alaa Paarlaamaa Iraan Fadaa Huseen Maalekii, Ameerikaan Iraan irratti meeshaa waraanaa niwukilaraa yoo fayyadamte, Iraanis deebii walgitu akka kennitu akeekkachiisan.

    Ameerikaan Iraan irratti haleellaa niwukilaraa raawwachuu akka dandeessu kan gaafataman qondaalli kun "Tiraamp tarkaanfii of eeggannoo hin qabne fudhachuu hin danda'u jedhee afaan guutee dubbachuuf na rakkisa, garuu tarkaanfiin akkanaa waraana balaa guddaa qabu addunyaa irratti fiduu danda'a jedhan.

    ''Tarkaanfiin balaafamaan akkanaa yoo fudhatame Rippabilikni Islaamaa Iraan deebii ni kenniti, deebiin kennamus gosa meeshaa waraanaa Iraan irratti fayyadamameen kan wal madaalu ta'a'' jedhan.

    Ameerikaan boombii niwukilaraa Iraan irratti yoo fayyadamte Iraan ni fayyadamti jedhamee kan gaafatamee Maalikiin, ''Ameerikaan waanuma fedhe yoo fayyadamte Iraan deebii gitu nikenniti'' jedhan.

    Qondaalli kun Iraan meeshaa niwukilaraa qabdi jedhanii afaanii baasanii hin dubbanne.Yeroo Ameerikaan meeshaa waraanaa kamiiyyuu fayyadamte, Iraan deebii walfakkataa akka kennitu qofa dubbatan.

    Gama biraatiin, Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Tiraamp mariin Iraan waliin gaggeeffamaa jiru ykn mariin haaraan karoorfame akka hin jirre dubbatan. Waliigaltee Ameerikaa fi Iraan gidduutti uumamuu dhabuunis walitti bu'iinsa isaanii itti fufsiiseera.

    Maalekiin, Ameerikaan dirqamoota waliigaltee duraan fudhatte yoo hin kabajin, Iraan gara mariitti hin deebitu, ulaan Hormuzis banaa hin ta'u jechuun akeekkachiisan.

  8. Huutiin warshaa Saawudii boba’aa calalurratti xiyyeeffachuu beeksise

    Gareen loltoota Huutii Yaman, Kibxata kaleessaa dhaabbata boba'aa Aramkoo kan Jizaan keessatti argamurratti haleellaa diroonii hedduu raawwachuu isaanii himan.

    Hanga ammaatti, Sa'ud Arabiyaan haleellaa kana hin mirkaneessine.

    Gama biraatiin, Yaman keessatti daa’imni tokko haleellaa dirooniin madaa’uu isaa AFP gabaasera. Haleellaan kun naannoo Al-Mashaa, kibba Al-Hudaydaa keessatti raawwatame jedhame. Gabaasni sun haleellaa kana gareen Huutii raawwachuu ibsa.

    Guyyaa tokko dura, Huutiin buufata waraanaa Sa'ud Arabiyaa qarqara galaanaa Al-Mukhaa irratti haleellaa raawwachuu isaanii beeksisanii turan.

    Miidiyaaleen Huutii deeggaran akka jedhanitti, haleellaan isaanii kun karaalee dhiyeessii Saawud Arabiyaa gufachiisuu fi sochii humnoota Saawud Arabiyaan deeggaraman danquudha.

    Haleellaa biraan kkaleessa doonii fe’umsaa tokko Al-Mukhaa irraa gara kibba-bahaatti wayita imalaa turte meeshaa waraanaa hin beekamneen rukutamuu Ejansiin Hojii Daldala Galaanaa Briteen beeksisera. Dooniin kun guutummaatti barbadaa’eera. Gareen kun haleellaa kana eenyu akka raawwate hin himne.

    Rakkoon kun erga Huutiin baatii Adoolessa darbe keessa Saawud Arabiyaa irratti uggura galaanaa kaa’uu isaanii beeksisanii booda hammaachaa jira.

  9. “Abjuu Tiraamp waa’ee Ulaa Hormuuz qabu yeroo dhiyootti sirreessina,” - Iraan

    Doonaald Tiraamp Ulaan Hormuuz “kutaa bulchiinsa haaraa Ameerikaati” jechuu isaa hordofee ministirri dhimma alaa Iraan Kaazim Gaaribaabaadii “abjuudha” jechuun Tiraampiin qeeqe.

    “Doonaald Tiraamp akkuma Galoo Galaanaa Peershiyaa sirriitti barreessuu barate, waa’ee Ulaa Hormuuz abjuu inni qabu yeroo dhiyootti ni sirreessina,” jechuun barreesse.

    Tiraamp fakkii miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social jedhurratti Ulaa Hormuuz itti maree “Kutaa bulchiinsa haaraa Ameerikaa” jechuun barreesseera.

    Ministirri itti aanaa dhimma alaa Iraan fakkii kana irra deebiin qoodeera.

    Gama kaaniin afayaa’iin paarlaamaa Mahaammad Bagaar Galibaaf gamasatiin Ameerikaan waliigaltee Iraan waliin taasifte hojiirra oolchuu baannaan Ulaan Hormuuz akka hin banamne beeksiseera.

    Odeeffannoo biroo dabalataa kana waliin deeman:

  10. Humni waraanaa Iraan michoota Ameerikaa Galoo Galaana akeekkachise

    Humni waraanaa Iraan biyyootni galoo Galaana Persiyaa humnootni Ameerikaa Iraan irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuuf lafa isaanii akka hin fayyadamne akeekkachiiste.

    Daarektarri Olaanaan Humnoota Waraanaa Iraan Ali Abdullaahiin,, ergaa marsariitii X irratti maxxansaniin, buufataalee waraanaa biyyoota naannichaa keessatti xiyyaaronni waraanaa, Ameerikaa keessumaa xiyyaaronni boba’aa dabarsan, baay’inaan argamuu eeran.

    Itti dabaluunis Iraan gargaarsi ykn haalli hojii waraana Ameerikaaaf mijeessuun kamiyyuu tumsa waraana Ameerikaa waliin taasifame fi Iraan irratti duulametti fudhannaa jedhan.

    Yeroo waraana Israa’elii fi Ameerikaa fi Iraan gidduutti geggeeffametti Iraan irra deddeebiin buufataalee biyyoota Galoo Galaana Pershiyaa Ameerikaa keessummeessan haleelaa turte.

  11. Tiraamp kaartaa 'Ulaan Hormuz naannoo haaraa Ameerikaati' jedhu qoodan

    Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Trump, suuraa ulaa Hormuz maxxansuun, irratti jecha "Lafa daangaa Ameerikaa haaraa (New US Territory) jedhu barreessanii, gama miidiyaa hawaasa isaanii 'Truth Social' qoodaniiru.

    Kunis ulaa Hormuz kan Ameerikaa taasisuuf akka yaadan duraan dubbatan kan cimsu dha.

    Gama biraatiin Tiraamp yeroo ammaa Iraan waliin mariin gaggeeffamaa jiru ykn mariin haaraan eegamu hin jiru jedhan. Kanaafis qoqqobbiin dooniiwwan buufataalee galaanaa Iraan irratti Ameerikaan kaa'e ammallee itti fufeera jechuun ibsaniiru.

    "Ulaan Hormuz banaadha. Akka idileetti hojjechaa kan jiru yoo ta'u, fanjiin galaanaa Iraan awwaalte hundi buqqifameera ykn dhoo'eera" jedhan.

    AFPn madda Ameerikaa tokko wabeeffachuun akka gabaasetti, Tiraamp gareen isaanii yoo Tehran ejjennoo Ameerikaa waliin walitti dhihaatu agarsiifte malee mariin akka hin jalqabne gaafataniiru.

    Gama Iraaniin, Itti-aanaan Ministira Dhimma Alaa Kazem Gharibabadi, yaada Trump kanaaf deebii kennuun, "Abuu (dogongora) Tiraamp kana yeroo dhiyootti sirreessina," jechuun ibsan.

    Iraan hanga Ameerikaan waliigaltee yeroo Iraan waliin taasifte, uggura humna galaanaa fi qoqqobbii kaasuun, akkasumas qabeenya Iraan dhorkamee ture gadhiistutti ulaan Hormuz cufamee akka turu ijannoo qabaachuu ibsiteerti.

  12. Faransaay guyyoota dhufanitti dippiloomatota Iraan lama akka ariitu beeksifte

    Faransaay guyyoota dhufanitti dippiloomatota Iraan lama akka ariitu ministirri dhimma alaa biyyattii beeksisan.

    Faransaay taatee Adoolessa keessa Imbasii Faransaay Teehran keessatti dippiloomaatota ishee lama mudate hordofee dippiloomaatota Iraan lama akka ariitu beeksifte.

    “Taateen kun kan hin obsamneefi balaa akka hordofsiisu himeen ture. Akkasuma ta’es. Dippimoomaatonni Iraan lama dhiyootti Faransaay keessaa ni ari’amu,” jedhan Ministirri dhimma alaa Faransaay Jiinn-Noo’el Baarot fuula X isaanii irratti ergaa dabarsaniin.

    Baaron taatee mormii Paariis keessatti mudate hordofee Adoolessa 19 Itti aanaa ambaasaaddaraa Iraan Faransaay jiru waamuun dubbisuu

    Ergaan Baaron kun ministeerri dhimma alaa Iraan hojjettoonni imbasii Faransaay lama kan wal dura dhaabbannaa dipplomasii Teehran keessa ture keessaa harka qaban gara Iraan deebi’uun hin heyyamamuuf jedhee guyyaa tokko booda.

    Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Ismaa’el Baaghee hojjettoonni Imbasii Faransaay lama seeraa fi mirga addaa ergama diplomaatii kan eegu, waliigaltee Veenaa sarbuun, sochii hawaasaa siviilii Iraan deggaruu keessatti hirmaatan jedhe.

    Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Pascal Confavreux ergaa dabarsaniin “aangawoonni Iraan dubbii sobaatiin ejentoota keenya himatu” jedhan.

  13. Odeessaalee keenya karaa Instagram, Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu

    Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) daldalaafi maallaqa Iraan waliin sochoostu hunda hanga guyyaan isaa hin beekamneetti dhaabuu beeksifte.

    Maddeen oduu akka gabaasanitti, Ministeerri Dhimma Alaa UAE murtee kanarra kan ga’ameef muddamni nagaafi tasgabbii naannichaa yaaddoo keessa galchu dabalaa waan dhufeef ta’uu beeksiseera.

    Saatii muraasa dura, Ministeerri Ittisaa UAE Iraan misaa’el bakka fagoo qaqqabu lama biyyattiitti dhukaastee, tokko daangaarra qarqara bishaan UAE’tti yoo kufu kan lameessoo ammoo qama bishaanii daangaa biyyattii keessa jiru keessatti kufeera jedhe.

    Haata’u malee, dubbi-himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan himannaa UAE’n dhiyeessitu kana waakkachuun biyyattiin misaa’elii hin dhukaasne jedhe.

    Ismaa’il Beqaa’I ibsa kenneen, “himannaan UAE’n dhiyeessaa jirtu kan bu’uura hin qabnedha,” jedheera.

    Erga US-Israa’el waliin ta’uun Israa’el irratti waraana bananii, UAE’n biyyoota Baha Giddugaleessaa keessaa addatti Iraaniin irratti xiyyeeffatamee haleelamaa turteetti.

  14. ASHAMAA

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa? Toora tamsaasa kallattii kan har'aa jalqabneerra.

    • Prof. Hisqeel Gabbisaa dhuguma Oromoon waa'ee gaaffii abbummaa Finfinnee kaasuu hin qabu jedhanii?
    • Kophee Warqee mo'achuurratti morkattoota Haalaand baranaa
    • Oduu tamsaasa kallattiin asiin duraaf ...
    • Tarkii, Saawudi Arabiyaafi Paakistaan humna 'NATO biyyoota Musiliimaa' hundeessaa jiruu?

    kanneen jedhaniifi kaan ni argattu.

    Odeessaalee keenya karaa Instagram, Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu.

    DHIYAADHAA!