Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Gorsaan Tiraamp Hamaas guyyoota 30 keessatti hidhannoo akka hiikkatu itti hime

Gorsaan olaanaa fi soddaan pirezidantii US Doonaald Tiraamp Jaared Kushner tarkaanfiin hidhattoota Hamaas hiikkachiisuu gara fuula duraatti deemaa jiraachuu himuun akkaataa waliigaltee nagaa Gaazaatiin ji'a itti aanu keessa jalqabamuu danda'a jedhe.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. MM UK dubartii sobaan 'ani itti gaafatamtuu waajjira Tiraamp' jetteen waliin ergaa wal jiijjiiraa turuu himame

    MM UK Andii Barnhaam dubartii sobdee 'ani itti gaafatamtuu waajjira Pirezdantii US Donaald Tiraamp' jette faana ergaa barreeffamaa wal jijjiiraa turuu gabaafame.

    Waajjirri masaraa UK Downiing Istreet qaama nageenya odeeffannoo kana ilaalchisee yaada kennuurraa of qusate.

    Websaayitiibn oduu kanaa Politico akka gabaasetti Barnhaam nama ani Susii Wiils jettuun waliin hanga "ishee shakkee nama sirrii akka hin ta'in barutti waliin dubbachaa turuu"fi "ergaawwan muraasa qofa" wal jijjiire.

    Dubbii himaan mootummaa "Dhimma nageenya biyyaalessaa irratti deebii hin kenninu" jedhe.

    Ergaan Barnhaamii fi nama sobee itti haasawu kanaa kan barreeffamaa ta'uu fi dubbiin biraa akka hin turre ni barama.

    "Ergaan hiika guddaa qabu" hin turre, ergaa barreeffamaa qofa, shakkiin uumamnaan immoo "ergaan kun qaama dhimmi ilaaluuf gabaafame"jedhe maddi.

    Diwniing Istreet waayee ergaa kanaa homaa hin jenne, baay'inasaa, tooftaa kamiin akka ta'es hin ibsine.

    Waayit Haawus BBC'tti akka himetti "taateen kun bilbila Wiils butame waliin wal hin qabatu."

    BBC as dura akka gabaasetti FBI bilbila Wiils haak ta'ee ture qorataa ture. Kun Caamsaa bara darbe keessa.

  2. Dooniin tokko Ulaa Hormuuz keessatti haleelamte

    Abbaan Taayitaa Hojii Daldala Galaanaa UK akka jedhetti, dooniin tokko Ulaa Hormuz keessa osoo darbaa jirtuu haleellaa qilleensaa hin beekamneen haleelamuu ishee gabaasa argate.

    Dhaabbatichi itti dabaluudhaan taatee kun kutaa motora doonii irratti miidhaa kan geessise yoo ta'u, miseensi hojjettoota doonii tokko ammoo du'uu ibseera.

    Akka gabaasa kanaatti, Eegdonni Galaana Omaan yeroo ammaa hojjettoota doonii hafan baraaruuf tattaaffii taasisaa jiru.

    Taatee kun kan mudate yeroo imallee galaanaa ulaa Hormuz jeequmsa guddaan mudachaa jirutti yoo ta’u, lakkoofsi dooniiwwan ulaa kana fayyadamanii baay’ee gadi bu’eera.

    Waraana Ameerikaa fi Israa’el Iraan irratti banan dura guyyaa guyyaan dooniiwwan 130 ol keessa darbaa turan.

    Kanaan dura preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Waayit Haawusitti gaazexeessitoota waliin haasa’uun waliigaltee yeroo Iraan waliin qaban dheeressuuf karoora akka hin qabne ibsaniiru.

    Akkasumas Teehiraan waliigaltee barbaachisaa ta’ee irra ga’uuf ammallee qophii akka hin taane akka amanan dubbataniiru.

  3. Raashiyaan Yukireeniif diroonota kenniteef jechuun UK akeekkachiifte

    Raashiyaan waraanni Yukireen akka hammaatuf "ta'e jettee hojjetti" jechuun UK himatte. Biyyattiin kana kan jette Raashiyaa haleeluuf dirooniwwan UK hojiirra ooluu isaaniin mirkanaawuu booda.

    Imbasiin Raashiyaa UK jiru ibsa baaseen akka jedhetti, "UK yakka dhiiga dhangalaasaa jiruu fi michuu shororkeessituu ta'aa jirti" jette.

    "Gochi Landan deebii barbaadu kun balaa qabaachuun isaa waan hin oolle jedhe. UK'n hirmaannaan isheen waraana kana keessatti qabdu haguma dabale gatiin isheen kaffaltus ni dabala jedhe.

    Himannaa Raashiyaan dhiyeessiteef deebii kan kennan, dubbii himaan Ministeera Ittisaa Yuunaayitid Kingidam (UK) n "Yukireen waliin akka dhaabbattu" BBC'tti himaniiru.

    Itti dabaluudhaan, "Mootummaan finciltoota Raashiyaan Yukireen, UK fi michoota keenya irratti raawwatAa jirtu ka'umsa godhachuun akka dura dhaabbattu Raashiyaan shakkuu hin qabdu," jechuun ejjennoo isaanii ibsa kanaan beasisaniiru.

    Dabalataanis, "UK'n weerara seeraan alaa [Pirezidaantii Raashiyaa Viilaadimiir Puutiin] Yukireen irratti banerraa of ittisuuf meeshaalee ishee dandeessisan dhiyeessuuf kutannoo qabdi," jedhaniiru.

    Ministeerri Ittisaa baatii Eeblaa keessa, meeshaalee fageenya dhihoo fi dheeraatti furguggifaman dabalatee, diroonota kuma kurnaniin lakkaa'aman akka dhiyeessu beeksisee ture.

    Diroononni Biriiteen keessatti kaampaanota adda addaa lamaan hojjetaman kunniin, Raashiyaa keessatti tarkaanfiiwwan waraanaa bal'aa fi milkaa'oo ta'an, akkasumas lafa boba'aa, kuusaawwan meeshaa fi kaampaanichaa toora daldalaa oonlaayinii kan ta'e Wildberries dabalatee, qiyyaafannoo indasitiriiwwan adda addaa rukutuuf dhimma itti bahameera.

  4. Turkiin marii Ameerikaa fi Iraan itti qooda fudhachuuf qophiidha'-Erdogaan

    Pirezidaantiin Turkii Recep Tayyip Erdoğan, Pirezidaantii Ameerikaa Donaald Tiraamp waliin bilbilaan haasa’uun, muddama Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru karaa marii fi dippilomaasii furuu akka barbaachisu gaafatan.

    Erdogaan, Turkiin marii kana itti fufsiisuuf tattaaffii taasifamu keessatti qooda fudhachuu fi deeggarsa kennuuf qophii ta’uu Tiraampitti himaniiru.

    Waajjirri Pirezidaantii Turkii akka beeksisetti, haasaa bilbilaa kana keessatti Erdogaan Ankaraa tattaaffiiwwan nagaa deeggaruuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

    “Muddama Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru keessatti dippilomaasiin filmaata olaanadha. Mariin itti fufuu akka danda’u ni abdanna; Turkiinis tattaaffiiwwan nagaa kamuu ni deeggarti'' jedha ibsi Waajjirri Pirezidaantii Turkii kun.

    Ankaraan yeroo ammaa Ameerikaa, Iraan, akkasumas biyyoota gidduu-seentummaa taasisaa jiran kanneen akka Paakistaanii fi Qataar waliin qunnamtii cimaa qabduun kanneen marii fi araaraaf jaarsummaan gahee bahuu danda'an keessaa tokko taatee jirti.

    Mariin Ameerikaa fi qaamolee mootummaa Iraan garaagaraa gidduu jiru yeroo ammaa yeroo kamiyyuu caalaa cimaa ta’uu akka danda'u Ameerikan ibsiteerti.

  5. Gorsaan Tiraamp Hamaas guyyoota 30 keessatti hidhannoo akka hiikkatu itti hime

    Gorsaan olaanaa fi soddaan pirezidantii US Doonaald Tiraamp Jaared Kushner tarkaanfiin hidhattoota Hamaas hiikkachiisuu gara fuula duraatti deemaa jiraachuu himuun akkaataa waliigaltee nagaa Gaazaatiin ji'a itti aanu keessa jalqabamuu danda'a jedhe.

    Kushneer Wixata Teel Aviivitti erga Ministira Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu waliin dubbateen booda, guyyoota soddoma keessatti bu'aa akka argan kaasuun kun ammoo Gaazaa keessaa meeshaa waraanaa baasuun jalqaba jedhe.

    "Hamaas guyyoota 60 hanga 90 keessatti meeshaa waraanaafi ulaa lafa jalaa qabu darbasee kan kennu taanaan, shakkii tokko malee yaaddoon Israa'el ni hafa. Yoo ammoo waadaa isaanii hin raawwanne, garaa isaaniirraa nagaa akka hin barbaadne hunduu ni arga waan ta'eef Israa'el Ameerikaafi kanneen biroorraa deeggarsa argattee hojii hafe xumuruu dandeessi."

    Ibsi kun Kushneer fi Netaaniyaahuun Hamaas hidhannoo hiikkachuu isaa kan mirkaneessu Jeneraala Waraanaa US ta'uurratti waliigaluun boodadha.

    Netaaniyaahuun hanga Hamaas hidhannoo hiikkatutti humnoonni Israa'el Gaazaa Istriip keessaa akka hin baane dubbachaa tureera.

  6. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Toora odeeffannoo kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Odeessaalee keenya karaa Instagram, Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu.

    Odeeffannoo kanneen:

    Gorsaan Tiraamp Hamaas guyyoota 30 keessatti hidhannoo akka hiikkatu itti hime jedhaniif kaan ni aergattu.

    Dhiyaadhaa!