Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa waajiraaleen mootummaa miindaa hojjattootasaaniirraa miseensummaa paartii siyaasaatiif ''kallattiin'' kutuudhaan paartiiwwaniif akka hin galchine dhorkuudhaaf wixinee seeraa qopheesseera.
Wixinee labsii Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa dhiyeesse kanarratti dhimmoota haaraa paartiilee siyaasaa
ilaalchisuun hammate keessaa tokko, madda galii paartiilee siyaasaa kan
ilaalatudha.
Seerri hojiirra jiruus ta’e kan fooyya’insi
taasifameefis dursaan kan eeran maddi galii paartilee siyaasaa galii miseensootarraa waliitti qabamu akka ta’e eeru.
Buusiin akkasii kun kan miseensoonni fedhii
isaanitiin paartiilee siyaasaatiif buusaniidha. Hojjattoonni waajiraalee
mootummaa keessa hojjataniifi miseensa paartii biyya bulchuu ta’an ammoo buusiin
kun kan kaffalamu kallatiidhaan mindaa hojjattootaarraa waajiraalee keessa
hojjataniin muramudhaan.
Yeroo tokko tokko ammo hojjattoonni mootummaa
fedhiisaanii malee buusiin kun mindaasaanii irraa akka citu yeroon komii itti
dhiyeessaan jiraachutu himama.
Wixineen fooyya’insa labsii amma boordiin
filannoo dhiyeesse kun waajiraaleen mindaa hojjattootaa irraa biisuu
miseensummaa akka hin kunnee dhorka.
Wixineen kun dhorkaan madda irra kaa’ee kana
qofaa miti. Kaadhimamaan paartii siyaasaa ‘‘kennaa ykn deeggarsa nama kamiinuu kennamuuf’’ dhuunfaadhaan akka hin fudhanne dhorkeera.
Deeggarsa ykn kennnaa akkasii fudhachuu kan
danda’an ’’karaa paartiitiin’’ jedha wixineen kun.
Kaadhimamaan haala akkanaatiin deeggarsa
fudhatan ‘‘gochaan raawwatamee ykn gochiichi raawwatamuu baree sa’aatii 48
keessatti’’ Boordii Filannootti beeksiisuu fi ‘‘waa’ee kennaa ykn deeggarsichaa
paartii kaadhimummaan isa dhiyeesseef kenname’’ akka qabu wixinichi ibseera.
Akkasumas, wiixineen seeraa kun haaluma walfakkaatuun bakka hundatti filannoon biyyaaleessaa gaggeefamuu bakka hin danda'amneetti filannoo 'yeroo garaagaraatti' gaggeeffamuu akka danda'u labsa.
Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa dhimmoota kanneen kan beeksiise wixinee fooyya'insa labsii filannoo Itoophiyaa, galmee paartiiwwan siyaasaa fi naamusa filannoo mariidhaaf dhiyeesse irrattiidha.
Baatii Amajii darberraa eegalee wiixineen qaamoolee dhimmisaa ilaallatu garaagaraa waliin mariin irratti taasifamaa kan jiru yoo ta'u, kunis kan labsii filannoo fi paartiilee siyaasaa waggoota shaniif hojiirra ture kan bakka bu'udha.
Bulchiinsi Ministira Mumee Abiy erga aangoo qabateen booda kan fooyyeeffame seerri hojiirra jiru Onkololeessaa ALi 2012tti ture.
Wixiineen fooyya'insa dambii filannoo haaraa kutaalee sagalii fi boqonnaawwan 177n caaseeffame kun filannoo, akkasumas galmee paartiilee fi dhimmoota sochii ilaalatan irratti jijjirama taasiseera.
Dhimmoota wixineen labsii fooyya'insa filannoo, galmee paartiilee siyaasaa fi naamusa filannoo haaraan kun hammatu keessaa tokko naannoolee hundatti yeroo walfakkaatuutti yeroo filannoon biyyaaleessaa gaggeessuun hin danda'amnetti filannoo dheereessuu raawwachuu kan ilaallatu keessatti argama.
Filannoon waliigalaa bakka bu'oota ummataa fi miseensoota mana-maree naannoolee filachuuf taasifamu waggaa shaniin biyyattii guuttuutt haala wal fakkaatuun akka gaggeeffamu wixinee seeraa kanarra taa'eera.
Haata'u malee, filannoo waliigalaa haala walfakkaatuun bakka bundatti gaggeessuuf haalli hin dandeessine uumamuu akka danda'u wixineen kun kaaseera.
Isaan keessaas ''haalawwan dhimmota nageenyaa, weerara, balaa umamaa.fakkaatan'' jedhamuun eeramaniiru.
Wayita haalli akkasii mudatuutti boordiin filannoo mana-maree bakka bu'oota ummataa waliin mari'atuun ''filannoon yeroo garaa garaatti gaggeeffamu'' akka danda'u kaa'eera.
Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa sababoota nageenyaatiin filannoo waliigalaa eddoowwan garaa garaatti yeroo adda addaa gaggeessaa turuunsaa ni yaadatama.