Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'Raashiyaan meeshaa haaraa fayyadamuun waraana Yukireen hin jijjiiru, deeggaruurraa duubatti nu hin deebisu' -NATO

Raashiyaan balastik misaa’elii ardii qaxxaamuru Yukireen irratti dhukaasuu yaaluun isaa kallattii haala waraana kanaa hin jijjiiru jedhe NATOn. Dubbi-himaan humna waloo kanaa Faaraah Daaklaalaah akka jedhanitti, gochi Raashiyaa kun michoonni Yukireen NATO keessa jiran Kiiv gargaaruurraa duubbatti hin deebisu.

Guduunfaa

  • Ameerikaan maaliif Yukireen misaa'ela akka dhukaastu eeyyamte?
  • Baayidan 'abiddatti boba'aa naqan' jechuun Raashiyaan mufii ibsite
  • Yeroo dheeraa booda US misaa'ela fageenya dheeraa Yukireeniif eeyyamte
  • Israa'el hogganaa miidiyaa Hezbollaa ajjeefte
  • Iloon Maask akka qoratamu senaataroonni US lama gaafatan
  • Raashiyaan haleellaa 'bal'aa' Yukireenirratti raawwatte
  • Fiigichi Guddichi Itoophiyaa Finfinneetti dorgomame
  • Toora tamsaasa kallattii isa darbe

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Doonaald Tiraamp Baayidan wajjin Waayit Haawusitti wal arguuf Filooredaarraa ka’aan

    Pirezedantii haaraa ta’uun kan filataman Doonaald Tiraamp iddoo jireenyaasaanii Filooredaarraa Roobii ganamaan ka’aniiru.

    Pirezedant Joo Baayidan Tiraamp Waayit Haawusitti kan affeeran yoo ta’u ‘’aangoo karaa nagaan dabarsuuf kutannoo qabna’’ jedhan.

    Waayit Haawusitti wal arguun kun Ameerikaatti yeroo dheeraaf kan barame fi karaa aangoo walitti dabarsaniidha.

    Tiraamp otoo Waayit Haawus hin qaqqabiin dura Kongireessi Ameerikaa daawwatu. Kongireessitti Seenetaronni Ameerikaa nama hoggansa Rippaabilikaanotaa hogganu filatu.

  2. Tiraamp gaafa Waayit Haawus seenu guyyaa jalqabaa maal hojjeta?

    Tiraampii fi paartiin isaa Rippabilkaan Kongireensii US dhuunfachuuf hawwii guddaa qabu.

    Imalli isaanis kanuma akeeka. Tiraamp Amajji 20 bara 2025 akkuma kakuu galee hojii isaa jalqabeen saffisa adda taheen ‘’hojii mataa na bowwaafachiisu hedduu hojjedha’’ jedhe.

    Gareen Tiraamp murteewwan adda tahan dabarsuuf qophiidha. Torban jalqaba aangoo fudhatanitti waajjira isaanii ‘Oval Office’ irraa aangoo pirezidaantichaan murteewwan haaraa darban hojiirra ooluu jalqabu.

    Ogeeyyiin imaammataa fi seeraa murteewwan Tiraampi adda tahanii fi kan Baayiden diigan dabarsuuf qophaa’aa jiran dursanii ibsaa turan.

    Falmitoonni mirga namoomaa fi bulchitooni paartii Dimokiraatotaa murtee Tiraamp dabarsu garii isaallee falamnii hambisuuf qophiitti jiru.

  3. ‘Ijaarsi Israa’el daangaa Sooriyaarratti ijaarte waliigaltee dhukaasa dhaabu biyyoota lamaanii sarba’’ jedhe UN

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhetti, ijaarsi Israa’el daaangaa Sooriyaa, iddoo humnoonni hidhatan itti bobbaafamuu hin qabnetti ijaarte waliigaltee dhukaasa dhaabuu waggoota 50’f biyyoota lamaan giddu ture sarba.

    Kun ammoo naannoo gaara Golanitti muddama biyyoota lamaan gidduu jiru ittuu kan hammeesu malu jedheera.

    Suurri saatalaayitii bo’oo tarsimoo waraanaa fi haaraa qotame agarsiisera.

    BBC’n ijaarsa naannoo magaalaa Majdal Shamsitti gaggeeffamaa ture waraabera.

    Ijaarsi Israa’el kun iddoo hundatti daangaa kan darbu miti garuu, da'oon waraana tarsimoof qotame muraasni daangaa darbeera jedha jedha dhaabbanni UNDOF jedhamu.

    Israa'el addatti bara 1981 gaara Golan qabatte. Tarkaanfin Israa'el sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii hin qabu, Ameerikaan garuu bara 2019 adddatti beekamtii laatte.

    Israa’el gaara Golan erga qabattee asitti qubattoonni Israa’el dhalattoota Sooriyaa 20,000, kanneen irra caalaan isaanii dhalattoota Diruze naannicha jiran waliin jiraatu.

  4. Filannoo Somaalilaand 2024 eenyu akka mo'ate yoom barama?

    Akka biyya walabaa taateetti kan of ilaaltu Somaaliilaand filannoo pirezidantummaa gaggeeffachaa jirti.

    Filannoo kanarratti kaadhimamtoota sadiitu wal dorgomaa jira.

    Pirezidantiin Somaaliilaand yeroo ammaa Musee Bihii marsaa lammaffaatiif bulchuudhaaf paartii isaanii Kulmiyee bakka bu’uun dorgomaa jiru.

    Abdurahamaan Mohaammad Abdullaahii (Irroo) namni jedhaman ammoo kaadhimamaa paartii mormituu Waadaanii jedhamu bakka bu’uun dorgomaa jiru.

    Gareee mormituu UCID Paartii bakka bu’uun ammoo Faayisel Alii Waraabee dorgomaa jiru.

    Namoonni barii ganamarraa ka’uun hiriira qabatanii filachaa kan jiran yo ta’u, guyyaa filannoo eeggachaa yuran kanarratti argamanii sagalee isaanii kennuun akka isaan gammachiise BBCtti himaniiru.

    Filannoon kun galgala sa'aatii 12:00 irratti kan xumuramu yoo ta’u, isaan booda sagalee lakkaa’uutti akka darbamu komishiniin filannoo himeera.

    Dursaan koree filannoo Somaaliilaand Musee Hasan Haji-Yusuuf akka jedhanitti, bu’aan filannoo sadarkaa aanaaleefi buufataaleen filannootti guyyoota lamaan itti aanan keessatti beeksifamu.

    Filannoo Somaaliilaand 2024 kana taajjabdoonni idil-addunyaa irratti argamuun taajjabaa jiraachuus miidiyaaleen gabaasaa jiru.

  5. Filannoo Somaalilaand 2024 suuraan

    Guyyaa har'aa jiraattonni bulchiinsa Somaalilaand pirezidantii haaraa filachuuf sagalee kennaa jiru.

    Somaalilaand waggoota 33 dura Somaaliyaarraa walabummaa labsatte. Garuu beekamtii idil-addunyaa hin qabdu.

    Akka Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa Somaalilaand jedhetti taanaan filannoo kanaaf namoonni miiliyoona tokko ol galmaa’aniiru.

    Nama pirezidantii ta’e isaan bulchu akkasumas paartiis filatu.

    Pirezidantii ta’uf namoota sadiitu dorgomaa jira. Sadanuu filannoo 2017’n kanneen dorgomanidha.

    Waggoota shanan dhufaniif namni pirezidantii Somaalilaand ta'u sagalee har'a kennamuun murtaa'a.

    Namoonnis sagalee kennaa jiru.

    Filannoo pirezidantummaa afraffaa kanarratti kaadhimamtoonni sadii dhihaataniiru.

    Pirezidantiin Somaalilaand Musee Bihii Abdii marsaa lammataaf bulchuuf ni dorgomu.

    Guyyaa har'aas sagalee kennaniiru.

    Morkataan isaanii ijoo Abdirraahimaan Mohaammad Abdillaahi jedhamu.

    Maqaa masoo ‘’Irro’’ jedhamuunis beekamu. Paartiin isaanii Wadaanii jedhama. Filannoo bara 2017 mo’ameera.

    Waggoota 11 darbaniif af-yaa’ii mana maree biyyattii ta’un kan tajaajilan Obbo Abdirraahimaan bulchiinsi isaanii beekamtii idil-addunyaa akka argattu akka hojjetan waadaa seenaniiru.

  6. Dureessi addunyaa Elon Maask aangoo murtessaarratti Tiraamp muude maal hojjetaaf?

    Duuressi addunyaarratti tokkoffaa ta’e Eloon Maask oolmaa duula filannoo Doonaald Tiraamp cimsee deeggareef amma deebii argateera.

    Tiraamp dureessa kana bakka murteessaadha jedhame hojii bu’a-qabeessummaa waajjiraalee mootummaa gamagammuurratti isa muudeera.

    Abbaan qabeenyaa X, Tesla fi SpaceX waajjira haaraa Qajeelcha Bu’a-qabeessummaa Mootummaa [Department of Government Efficiency] jedhamu gaggeessa.

    Dhaabbanni haaraan kun caasaawwan mootummaan baramanirraa walaba ta’ee hojjeta waan jedhameef lafarratti qabatamaan maal akka hojjetu ammatti ifatti hin beekamu.

    Tiraamp garuu dubbii dubbateen, Waayit Hawusiifi Waajjira Manaajimentiifi Baajataa waliin ta’uun “mootummaatiin ala ta’ee gorsaafi qajeelfama” kenna jedheera.

    Maask, deeggaraa cimaa Tiraamp kan ta’e Viveek Ramaaswaamii waliin ta’uudhaan hanga Waxabajji 4, 2026tti rakkoo biirookiraasiifi baasii daran hir’isuurratti “karaa saaqa”.

    Tarkaanfiin kun ammoo mootummaa federaalaa keessaa hojiin baayyee akka cufamu taasisa. Maask ammoo dhimma kana kanaan dura dubbatee ture.

    Kana gochuudhaan baajata mootummaa dolaara tiriiliyoona lama qusachuun ni danda’ama jedheen yaada jedhee ture.

  7. Tiraamp ambaasaaddaroota muudeen ejjennoo Baha Giddu-galeessaarratti qabu mul'ise

    Doonaald Tiraamp bulchaa duraanii Arkansaas Maayik Hukaabii ambaasaaddara Israa’el gochuuf filate.

    Maayik Hukaabiin ammoo nama Israa’eliin akka malee deeggaruun beekamudha.

    Kana malees, Tiraamp abbaa qabeenyaafi misooma riil isteetiitiin [hojii ijaarsa manneeniin] beekamu Istiiv Witkoof ergamaa Addaa Baha Giddu-galeessaa gochuuf filateera.

    Aanga’aan duraanii ministira dhimma alaa tokko akka jedhanitti, bakkeewwan kanneen irratti jalqaba ce’umsaarratti namoonni filataman beeksifamuun Tiraamp nageenya biyyaalessaarratti xiyyeeffachaa akka jiru ergaa dabarsa.

    Namoonni amma bakka aangoo kanneeniif filamanis deeggarsa Tiraampiif godhaniif dugda deebisuudha ykn oolmaa deebisuudha.

    Witkoof Tiraampiin maallaqaan kan deeggare yoo ta’u, michuu isaa golfiitis.

    Hukaabiin ammoo Kiristaana warra wangeelaan beekamaa ta’edha. Jarri kunneen lamaan milkaa’ina siyaasa Tiraamp keessatti murteessoo turan.

    Muudamni Tiraamp lamaanuu Tiraamp akkuma dubbatame deeggarsa Israa’eliif qabu agarsiisu.

  8. Tiraamp dureessa addunyaa Elon Maask bakka ijoo ta’etti muude

    Dureessi addunyaarratti yeroo ammaa tokkoffaa ta’e bulchiinsa Doonaald Tiraamp ijaarracha ajiru kessatti waajira haaraa “Qajeelcha Bu’a-qabeessummaa Mootummaa” jedhamurratti dursaa ta’ee muudame. Muudamni Elon Maask kun muudama Doonaald Tiraamp dhiyeenya kenne keessaati.

    Tiraamp akka jedhetti, dureessi kun waajira haaraa kana kaadhimamaa pirezidantii duraanii warra Rippabilikaanii Viivek Ramaaswaamii waliin ta’uun gaggeessu.

    Kun ammoo hanga ammaatti bifa akkamiitiin kan jedhu ifatti beekamuu baatullee “mootummaatiin ala gorsaafi qajeelfama kennuudhaan birokiraasii mootummaa dhabamsiisuun” baasii hir’isuun gargaara.

    Kana malees, Doonaald Tiraamp qopheessaa Fox News fi loltuu buleessa kan ta’e etee Hegeseez sekireetaarii ittisaa, Joon Raatikiliif ammoo daarektara intelejensii biyyaalessaa gochuun muudateera.

  9. Buruunoo Fernaandez balalii xiyyaaraa irratti lubbuu nama tokkoo oolche

    Taphataan Maanchister Yuunaayitid biyya isaa Poorchugaaliif dorgommii Awurooppaa Neeshinsi Liig jedhamu irratti taphachuuf imalarra ture.

    Isa waliin miiltoon isaa Maan Yuunaayitid keessatti waliin taphatan Deegoo Daaloo imalaa ture.

    Daily Mail akka gabaasetti, Buruunoon xiyyaara keessa osoo jiruu taa'uma gara duubaa irraa nama kufee lubbuun darbuuf jedhu tokko arge.

    Buruunoo`n imalaan kun dhibee tasaan akka lubbuu dhabaa jiru hubachuun dafee dhaqqabuun keessummeesitoota gargaarsa fayyaa kennan iyyee waame.

    Hangasitti namicha dhaabachuu hin dandeenye hirkisee qabuun taa'umsa isaa irratti qabee gargaaraa ture.

    Imalaa dhibame sanaaf gargaarsi kennameefii erga wayyaa'ee boodas Buruunoon waliin turee akka bayyaannate hubateera. Suuraas waliin ka'eera.

    Gara daqiiqaa kudhanii hanga tahu erga gargaaree gara taa'umsa isaatti kan deebi'e Buruunoon waa'ee maqaa isaafi beekkamtii isaaf yaaduu homaa irraa hin mul'anne.

    Nama gargaaruu malee waa'ee isaa agarsiisuuf yeroo yaalu irraa hin mul'atu jechuun imaltoonni waliin turan dinqisiifataniiru.

  10. Chaaayinaatti namtichi konkolaataa namoota walitti qabanirra baase lubbuu namoota 35 dabarse

    Namoota istaadiyeemii Zuhaayiitti Wixata ispoortii hojjataa turanirra konkolaataan bahee yoo xiqqaate namoota 35 ajjeesuun, namoota 43 madeessuu qondaalonni biyyattii himan.

    Namticha ganna 62 maqaa masoo Faan jedhamuun waamamutu konkolaataa giddugala ispoortiitti namootarra baase.

    Poolisiin biyyattii haleellicha’’ haleellaa suukaneessaa fi hamaadha’’ jechuun ibse.

    Miidiyaaleen Chaayinaa akka gabaasanitti namoota miidhaman keessa ijoollee, maaanguddoonni fi ijoollee ol adeemootu jira.

    Namtichi Faan jedhamu otoo haleellaa qaqqabsiisee baqachuuf yaalu hidhamuusa poolisiin beeksiseera.

    Faan ofum isaatiif of madeessuun gaggabee of wallaaleera.

    Magaalichi agarsiisa waranaa fi sivilii sababa keessummeesuuf wayita eegums jabaatetti haleellaan kun qaqqabe.

    Poolisiin qorannoon marsaa jalqabaatiin ifoomse akka agarsiisutti, Faan erga gaal’ila diigee booda qoodinsi qabeenyaa raawwatameetti mufateera.

    Faan ammatti of walaalle waan jiruuf qondaalonni isa haasofsiisu hin dandeenye.

  11. Tiktokaroonni Yungaadaa maatii Pirezidant Museevenii arrabsan jedhaman hidhaman

    Lammileen Yugaandaa lama Yowerii Museevenii, haadha warraasaa Muhoozi Kaayinerugaba viidiyoo Tiktokiirratti arrabsan jedhamuun hiidhaman.

    Dargaggoonni ganna 21 Deevid Seengozii fi Ayizaa Seekagiri jedhaman mana murtiitti dhiyaataniiru.

    Dargaggoonni kun haasaa jibbaa fi odeeffannoo dharaa waa’ee maatii Pirezidanti Museevenii fi weellistoota paartii Yugaaandaa bulchaa jirutti hidhata qabanii tamsaasaniiru jedhamuun himataman.

    Dargaggoonni lamaan Wiixata mana murtiitti dhiyaatanii himannaa irratti dhiyaate haalaniiru.

    Dargaggoonni kunneen dargaggeessaa ganna 19 kanaan dura yakka walfakkaataan himatame Juuliyaas Tayebwaa waliin himataman.

    Abukaattoonni akka jedhanitti, odeeffannoo Tiktokiirratti maxxanfame ‘’maatii Pirezidanti Museevenii kan xiqqeessuu, jibbasaanii kan jajjabeessu’’ jedhan.

    Fulbaana darbe kana keessa Dubbi-himaan poolisii biyyatti Ruske Kituuma Pirezedantii biyyattii qoccoluun yakka jedhan.

    Qondaalli poolisii kun maqaa’’ Lucky Choice’’ jedhuun beekamu erga yakka kanaan walqabatuun akka qoratan erga dubbatanii booda Tiktokarichi kun hidhame.

    Dargaggoon kun viidiyoo Elba keessa maxxanseerratti maatii Pirezedanti Museevenii qeeqera.

    Dhaabbileen mriga namoomaaf falman Yugaandaan irra deddeebiin mirga namoomaa sarbuu fimirga bilisummaan yaada ofii ibsachuu sarbuun himatu.

  12. Raashiyaan loltoota 50,000 ol Kuurisik keessaa qabdi

    Pirezidaantiin Yuukireen Volodmir Zeleniskii, Raashiyaan naannoo Kuuriski keessaa loltoota 50,000 tahan qabdi jedhan.

    Ibsa guyya guyyaan uummata biyyattiif kennan irratti oppireehsiniin humna waraanaa Raashiyaa irratti gaggeessaa jiran humna Moskoon Yuukireen keessatti bobbaaste dadhabsiisaa jira jedhan.

    Zeleniksiin kun galma deebisanii waraanuu humna waraanaa Raashiyaa irratti gagggeessaa jiranii akka tahe himan.

    Biyyoonni Lixaa galma injifannoo Zeleniskiin kaawwatan irraa shakkii qabu ture.

    Akka dhaabbata miti-mootummaa waraana irratti qorannoo gaggeessu, US jiru tokkootti, yeroo Yuukireen daangaa Raashiyaa galuun haleellaa jalqabde, Raashiyaan loltoota 11,000 qofa Kuurishki keessaa qabdi ture.

    New York Times akka gabaasetti erga Yuukireen daangaa Raashiyaa keessatti haleellaa bantee Moskoon loltoota ishee naannoo Kuurishki osoo hin baasiin achumatti dabalaa turte.

    Qondaalonni US fi Yuukireen akka jedhanitti loltoonni Kooriyaa Kaabaa waraana Raashiyaatti dabalaman gara 10,000 tahu. Kana Raashiyaan hin amannes hin haalles.

  13. Xiyyaarri qubachuuf osoo yaaluu itti dhukaafame keessummeessituun isaa miidhamte

    Erga xiyyaarri Ameerikaarraa ka’ee imaltoota baatee gara Haayitii imalaa ture itti dhukaafame keessumeessituun xiyyaaricxha keessa turte miidhamte. Kana hordofee ammoo daandiileen qilleensaa biroo balalii gara Haayitii dhaaban.

    Xiyyaarri magaalaa guddoo Haayitii qubachuuf ture itti dhukaafamnaan bakka jijjiiruun Dominikaan Rippablikitti imaluun achitti qubateera.

    Xiyyaara itti dhukaafame kana keessaa keessummeessituun tokko miidhamtuus imaltoota keessaa namni miidhame hin turre.

    Kuni torban sadii keessatti haleellaa lammataa xiyyaara magaalaa Haayitii gubbaa balali’uurratti dhukaafamedha.

    Taateen kuni yeroo biyya wanbadoonni raasaa jiran keessa ministirri muummee haaraa mudamanitti uumame.

    Kaayyoon isaanii ijoo ‘’nagaa tasgabbeessuu’’ akka ta’e MM haaraa Haayitii Aliix Didiyeer Fils-Aimé AFP’tti himaniiru.

  14. Namni Tiraamp ministira dhimma alaarratti muuduuf yaadan Maarkoo Ruubiyoo eenyu?

    Doonaald Tiraamp bara bulchiinsa isaa marsaa lamaffaa Waayit Hawusitti deebiyu kanatti Maarkoo Ruubiyoo ministira dhimma alaa gochuuf yaadaa jiru.

    Namni hiddi dhaloota isaa Kuubaa ta’e kun bulchiinsa Tiraamp keessatti aangoo hanga kana olaanaatti filatamuun isaa hedduu biratti kan hin yaadamnedha.

    Bara 2016 yeroo umuriin isaa waggaa 40 Ruubiyoon hirmaannaan siyaasa isaa baayyee cimee ture.

    Bara 2010 irraa kaasee ammoo Seenetii US keessatti teessoo qaba. Siriin isaa warra Kuubaarraa godaane ta’uun isaa namoota siyaasaa Rippabilikaanota keessaa adda isa taasisa.

    Bara 2016 yeroo filannoon pirezidantummaa US gaggeeffamaa turetti Ruubiyoon namoota Doonaald Tiraampiin cimsanii qeeqan keessaa tokko ture.

    Yeroo sana jarri lamaan-Ruubiyoo fi Tiraamp gadi bu’anii hanga maqaa walitti baasuurra gahanii ture.

    Tiraamp Ruubiyotiin ‘Ruubiyoo mucaa xiqqoo’ jedhee yoo waamu, Ruubiyoon ammoo Tiraamp ‘harka xixiqqaa’ jechuun wal qeeqaa turan.

    Haata’u malee, filannoo Rippablikaanota bakka bu’uutiin Tiraamp mo’achuu hordofee Ruubiyoon isa qeequurraa gara deeggaruutti ce’e.

    Akkuma Tiraamp aangoo qabateen ifatti dhiifama wal gaafataniis waliin hojjechuu itti fufan.

  15. YOOYYAA!

    YOOYYAA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Toora tamsaasa kallattii haaraa jalqabneerra.

    Nu hordofaa!