Senaaterri Filooriidaa Maarkoo Ruubiyoo akka Ministira Dhimma Alaa, US tahaniif Doonaaldi Tiraamp filaniiru.
Yoo muudamni kun Seeneetiidhaan raggaasifameef yeroo jalqabaaf Laatinoo keessaa nama aangoo kana argate taha.
Maarkoo Ruubiyoo bara 2016 Tiraampiin ''nama harki gabaabaa'' jechuun qeeqaa ture.
Tiraampi garuu inni waa'ee harka gabaabbachuukoo dubbate. Osoon gabaabaa tahee, silaa waan hundaakoo gabaabbata. Anaaf si gidduu rakkoon hin jiraatu'' jechuun deebiseef.
Ergasii garuu ''Maarkoo Xiqqaa'' jechuun torbaniif miiidyaa hawwaasaa isaa irratti qoccolaa ture. ''Nama lafarraa salphatu, falmii tokko irratti nama akka dhadhaa baquu fi dafqi areeda keessa yaa'u,'' jechuun dubbiin tuqaa ture.
Maarkoonis ''artistii burjaajjii'' jechuun qeeqe. Garuu milkaa'uuf hin dandeenye.
Maarkoon ergasii callisuun ture. Garuu booda keessa Tiraampiin deeggaraa ture. Kanaaf muudama kanas argate.
Ilaalchi isaa dhimmoota gurguddoo addunyaa irratti maal fakkaata?
Yuukireen: Waraanni Yuukireenii fi Raashiyaa dafee dhaabbachuu qaba jedha. Deeggarsa US, Yuukireeniif kennite Doolaara biliyoona jaha tahu mormee ture.
Chaayinaa; Ruubiyoon Beejiingi yoo ibsu, ''Morkattuu cimtuu Ameerikaa mudate,'' jedhe. Garuu akeekkachiiseera.
Taayiwaan: Walabummaa fi bilisummaa Taayiwaan nama ifatti deeggarudha.
Waraana Israa'elii-Gaazaa: Ruubiyoon waraanni Israa'el Gaazaa keessatti jalqabde dhaabbachuu hin qabu jedhee amana. Israa'el garee Filisxeem keessaa Hamaasiin akka balleessitu barbaada.
Iraan: Iraaniin ammoo ''shororkeessituu'' jedhee waama. Jalqaba waggaa kanaa yeroo Iraan Israa'el irratti misaa'ela dhukaastu tarkaanfii humnaa jabaa Iraan irratti akka fudhattuuf deeggaraa ture.