Hogganaa olaanaa haaraan Iraan Mojtaabaa Kaamenii ibsa yeroo duraaf kennaniin dhaadatan
Ergaan hogganaa Olaanaa kun BBC Pershiyaadhaan hiikame Kameeniin Iraan "carraa Ulaa Hormuz cufuu" hojiirra oolchuu itti fufuu qabdi jedha.
Guduunfaa
- Waa'ee diroonii Iraan Giddugala Bahaafi US yaaddorra buuse maal beekna?
- Iraan dirooniidhaan Kaalifoorniyaa haleeluu akka dandeessu FBI akeekkachiise -Gabaasa CBS
- Iraan gatiin boba'aa baarmeeliin tokko doolaara 200 galuu akka danda'u akeekkachiiste
- Ulaa Hormuz fi naannoo sanatti haleellaan hammaate, Israa'el haleellaa haaraa Libaanositti eegalte
- Biyyoonni miseensa Ejensii Inarjii Idiladdunyaa (IAE) boba'aa yeroo rakkoof kuusan keessaa baarmeelii miiliyoona 400 fayyadamuuf waliigalan
- Hogganaan Olaanaa Iraan eessa jiru? Maaliif ummatatti hin mul'anne?
- Hogganaan Olaanaa Iraan madaa'anillee 'nagaa qabu' - Ilma Pirezidantii Iraan
- Israa'el haleellaa bifa haaraan Libaanos fi Iraan irratti eegaluu ibsite, Iraan ammoo haleellaawwan hedduu Israa'el fi wiirtuuwwan humna waraanaa US Baha Giddu Galeessaa jiran irratti raawwachuu ibsite
- US dooniiwwan waraanaa Iraan kanneen dhootuuwwan galaana keessa awwaalan 16 barbadeessuu himte
- Tiraamp akka Iraan ''dhootuuwwan Ulaa Hormuz keessa hin keenye'' akeekkachiisuu booda US tarkaanfii fudhatte
- Qondaalli poolisii Iraan namni mootummaarratti mormii dhiheessuu yaadu kamuu ''waan diinni arge arguuf deema'' jechuun akeekkachiiseera
- MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu ''lammiileen Iraan sirna Ayaatollaa ofirraa kuffisuu qabu,'' jedhe
- Tamsaasa kallattii kanaan duraa
- Odeessaalee keenya karaa marsariitii, YouTube, Facebook fi WhatsApp keenyaa bal'inaan ni argattu
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Omaan keessatti haleellaa Iraan raawwatteen taankeriin boba'aa yeroo boba'utti Galoo Galaanaa keessatti haleellaan dooniiwwan irratti raawwatamu hammaate

Madda suuraa, Reuters
Haleellaan Israa'el kutaalee Libaanos garagaraa keessatti raawwattu hammaateera. Wayita kanatti Galoo Galaanaa keessatti haleellaan dooniiwwan irratti raawwatamus babal'ateera.
Aanga'oonni Iraaq handaara buufata Umm Qasr magaalaa Basra keessatti argamutti lubbuun namaa darbuu fi namoonni 38 baraaramuu ibsan.
Omaan ammoo namoota 20 doonii alaabaa Taayiwaaniin socho'aa turte keessa turan baraaruu ibsite.
Biyyoonni addunyaa jajjaboon boba'aa kuusaa keessaa qaban gadhiisuuf murteessanis gatiin boba'aa akkuma dabaletti jira.
Miseensonni Ejensii Inarjii Idiladdunyaa (IAE) boba'aa yeroo rakkoof olkaa'anii turan keessaa baarmeelii miiliyoona 400 fayyadamuuf waliigalaniiru.
Haata'u malee gabaa Eeshiyaatti boba'aan jikitaa dhibbeentaa 9n dabaluun baarmeeliin tokko doolaara 100 ga'eera.
Iraan ulaa murteessaa boba'aan irra geejjibsiisfamu, Hormuz irratti haleellaa akka cimsitu kakatteetti, sababa kanatti gatiin boba'aa baarmeeliin tokko doolaara 200 ga'uu akka danda'u akeekkachiisteetti.
Gama kaaniin Israa'el ammoo halkan keessa Libaanos haleelaa turte.
Israa'el misaa'eloota Iraan fi Hezboollaan dhukaasan qolachuus himtetetti.
Ministeerri dhimma alaa Iraan gamasaan misoomaawwan bu'uuraa biyyattii kanneen akka baankii fi kaan xiyeeffannaa haleellaa Israa'el fi US ta'uu ibsuun, kanas akka haaloo ba'u akeekkachiise.
Biyyoonni Galoo Galaanaa kanneen akka Sa'uudii Arabiyaa, Qataar, Kuweet fu Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) haleellaa qilleensarraan irratti raawwatame ofirraa qolachuu ibsaniiru.
US haleellaa mana-barumsaa shamarranii Iraan irratti gaggeessiteef itti gaafatamuu dandeessi -Darektara duraanii CIA, Dimokiraatonni halellaa mana-barumsaa shamarranii Iraan irratti raawwatameef deebii barbaadna jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Daarektarrii CIAfi Komaandara Ajaja Giddugaleessaa US duraanii Jeneraal Daaviid Petiraawus, waa'ee haleellaa mana-barumsaa shamarranii Iraan Kibbaa irratti raawwatamuun akka aanga'oonni Iraan jedhanitti lubbuu 168 galaafate jedhanitti gaheen US maal ta'uu danda'a jedhamee gaafatameera.
Jeneraal Petiraawus BBC News Chaanaalitti akka himetti, ragaa qorannoof dhiyaataa jiru kallattiin argu baatus, kana nama "gaddisiisu misaa'ela Tomahawk waraana kana keessatti fayyadamuu kan danda'u nu qofadha" jedhe.
"Ragaan durii akka agarsiisutti, waggaa ta'e dyra gamoon kun addatti qaama mooraa humna galaanaa Iraan isa guddaa waan ture fakkaata."
Akka bu'aa qorannoo jalqabaa US'tti michuu BBC kan ta'e CBS agrsiisetti, US haleellaa lubbuu galaafate kanaaf carraan itti gaafatamtuu akka taatu agarsiisu jira. Haata'u malee, mana-barumsaa kana ta'e jettee osoo hin taane dogoggoraan rukkutte.
Gama kaaniin, Dimokiraatonni halellaa mana-barumsaa shamarranii Iraan irratti raawwatameef deebii barbaadna jedhan.
Dimokiraatonni Seeneetii US keessa jiran xalayaa Ministira Ittisaa Pee hegeseeziif ibarreessaniin yeroo waraanni kun jalqabe haleellaa mana-barumsaa shamarratii Iraan irratti raawwatamee daa'imman 110 dabalatee namoota 168 ajjeeseef deebii barbaadna jedhan.
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ragaa osoo hin dhiyeessiin Iraanitu raawwate jedhee akka amanu dubbateera. haata'u malee, viidiyoon akka agarsiisetti misaa'el US Tomahawk buufata waraanaa iraan mana-barumsaa kana cinaa jiru yoo haleleu agarsiiseera.
Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Misaa'eliin US Tomahawk jedhamu yeroo buufata waraanaa Iraan mana-barumsaa cinaatti argamu haleleutti Iraan dirooniin Kaliforniyaa haleeluu akka dandeessu FBI akeekkachiise -Gabaasa CBS

Madda suuraa, Getty Images
Odeeffannoo keessaa FBI'n seera kabachiistota Los Anjalas (LA) jiraniif torban darbe erge tokko Iraan Kaalifoornyaa irratti dirooniin "osoo hin eegamiin haleellaa tasaa" raawwachuu dandeessi jechuun akeekkachiisuu isaa Ameerikaatti michuu BBC kan ta'e CBS gabaaseera.
Qondaalonni tikaa seera kabachiistota US fi Kaalifoorniyaa miidiyaa kanatti akka himanitti, odeeffannoo keessoo ergame kanarraa yaaddoo haleellaan yaadame kun geessisuu malu wanti beekame hin jiru.
Ergaan akeekkchiisaa kun osoo waraanni Iraan hin jalqabuun dura kan ergamedha.
Bulchaan Kaalifoorniyaa Gaaviin Niwsom X irratti akkas jedhe: "Ammatti yaaddoon qabatama jiraachuu isaa hubachuu baannus, isteetii keenya keessatti waan tasa uumamuu danda'uuf qophoofnee eegdna".
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp buufata xiyyaaraa Jooyint Beez Andiriiwus keessa osoo jiruu gaafatamee, "Qoratamaa jira, garuu waan baayyee ta'aa jiru qabna waan ta'eef wanti gochuu dandeenyu akkuma isaan dhufanitti simachuudha."
Yooyyaa!
Akkam jirtu hordoftoota keenya?
Tamsaasa kallattii kanaan dhimma waraana US-Israa'el fi Iraan irratti xiyyeeffanna. Dhimmoota addunyaa fi odeeffannoo biyya keessaas karaa kanaan isiniif dhiheessina.
Nu hordofaa!
Tamsaasa kallattiin armaan duraa:
