Iraan Ulaa Hormuuz keessatti dooniiwwan akkamiin akka boombii awwaalamanirraa goranii darban himte

Madda suuraa, Islamic Revolutionary Guard Corps
Dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz darban toora akka filannootti jiru gargaaramuun ‘seera nageenyaa bakka dhootuun awwaalamanitti barbaachisu eeguun osoo boombii/dhootuu awwaalametti hin bu’iin” darbuu qabu jechuun ibsa Eegdonni Warraaqsaa baase eeruun miidiyaan Iraan gabaaseera.
Ibsi kun toorawwan filannoo jiru kaartaa agarsiisu waliin akka isaaniif kennamuuf jiru eereera.
Dooniiwwan karaa Galaana Omaan seenan gara Kaaba Odola Laaraakitti yabaluun, achirraa ammoo gara Galoo Galaanaa Pershiyaatti akka fufan ibseera.
Dooniiwwan kallattii biraan dhufan Galoo Galaanaa Pershiyaa keessaa bahu kan qaban yoo ta’u, karaa kibba Odola Laraak ba’uun kara Galaana Omaanitti qajeeluu qabu.
Oduu biroo kana waliin walqabatan:

