Mariin waraana dhaabuu 'adeemaa jira', Iraanis waan ' fudhatama qabu' dubbataa jirti - Tiraamp

Mariin waraana dhaabuu yeroo ammaa ''adeemaa jira'' jechuun Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp dubbatan. Mariin milkaa'uu akka danda'au gaafatamnaan ''waraana injifanneerra'' jedhan.

Guduunfaa

  • Dhimmoota shan waa'ee waraana Baha Gidduugalaa itti fufe jiruu
  • 'Iraan dhukaasa yeroof osoo hin taane bifa fulla'aan dhaabbatu feeti' - Abbaas Araagchii
  • Paakistaan marii Iraanii fi US keessuummeessuu akka feetu ibsite
  • Israa'el waajira olaanaa IRGC, Iraan ammoo buufatalee waraanaa US sadii rukunne jedhan
  • Tiraamp Iraan waliin marii barbaadus waan milkaahu miti- Anga'oota Israa'el
  • Israa'el lafa tokko kurnaffaa Libaanos to'achuuf
  • Kataar jaarsummaa US fi Iraan keessa hin jiru jette
  • Marii nagaa irratti qondaalonni USfi Iraan yaada wal-dhiitu kennaa jiru
  • Tiraamp Iraan waliin mari'achuu dubbatan, Iraan garuu marii quba hin qabu jette

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Baahireen Manni Maree Nageenyaa UN ulaa Hormuuz akka bansiisu wixinee dhiyeessite

    Ulaa Hormuuz

    Madda suuraa, Reuters

    Baahireen Manni Maree Nageenya Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ulaa Hormuuz akka bansiisu wixinee qopheessite.

    Wixineen Baahireen biyyootni miseensa ta'an ula san bansiisuuf ''maloota jiran hunda'' akka fayyadaman kan gaafatuudha.

    Jechi ''maloota jiran hunda'' jedhu afaan dippiloomasiin waraana jechuudha.

    Wixinee kana Rooyitarsi kan argate yoo ta'u, dippiloomaatiin tokko ammoo biyyootni Arabaa kan Galoo Galaanaa fi Amerikaan wixinicha deeggaraniiru. Haata'u malee, wixinichi sagalee caalmaa argatee darbuunsaa shakkisiisaadha.

    Tarkaanfiin Bahireen kun haleellaan Iraaniifi to'annoon ulaa Hormuz hangam takka naannicha tasgabbii akka dhorke agarsiisa.

    Iraaniif ulaa itti boba'aan addunyaa harki tokko shanaffaan keessa darbu to'achuun dhiibbaa uumuun dantaashee kabachiisuuf barbaachisaadha.

    Wixineen kun Rippaablikni Islaamaa Iraan daldaltootaafi dooniiwwan daldalaa ulaa Hormuuz keessa darban atattamaan haleeluu akka dhaabdu gaafata.

    Dippiloomaatni Awurooppaa fi biyyoota Lixaa walumatti sadii ta'an hireen wixineen kun mana marichaa keessatti milkaahuuf qabu xiqqaadha jechuun Rooyitarsitti himaniiru.

    Wixineen kun Mana Maree Nageenyaa UN miseensota 15 of keessaa qabu keessatti darbuudhaaf sagalee caalmaa sagaliifi Raashiyaa, Chaayinaa, US, Biriteen, fi Faransaay sagalee sagaleen kuffisuu dhiisuu qabu.

  2. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.

    Tiraamp dhimma Waraana Baha Giddu Galaa ilaalchisee Iraan waliin mariitti jirra jedheera. ammayyuu ajandaa ijoo idiladdunyaa ta'ee itti fufeera.

    Odeeffannoo biyya keessaafi idiladdunyaa, dhimma Waraana Baha Giddu Galaa dabalatee, duuka buunee isin biraan geenya.

    Karaa WhatsApp, Facebook, fi YouTube argachuu dandeessu.

    Tamsaasa kallattii asiin argachuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!