Sudaan Kibbaatti xiyyaarri kufee caccabuun namoonni keessa turan hundi dhuman

Madda suuraa, Supplied
Abbaan taayitaa siivil aviyeeshinii Sudaan Kibbaa akka ibsetti paayileetii dabalatee namoonni 15 xiyyaara xiqqoo kana keessa turan hundatu dhuman.
Namoonni balaa xiyyaara kanaan dhuman kunneen 13 lammiilee Sudaan Kibbaa yoo ta'an lama lammiilee Keeniyaati.
Xiyyaarri kun kibba lixa magaalaa guddoo biyyattii, Jubaa, irratti kuftee caccabde.
Magaalattii seenuuf daqiiqaan 30 wayita hafu to'annoo tiraafika daandii qilleensaan ala taate.
Qondaalonni biyyattii garee sababa balaa kanaa qoratu iddoo balaan kun itti mudatetti bobbaaseera.
Qorannoon jalqabaa garuu sababa haala qilleensaa hamaa ta'een balaan mudachuu mul'ise.
Xiyyaarri Cessna 208 Caravan jedhamtu kun qabeenya kubbaaniyyaa CityLink Aviation Ltd jedhamuuti.
Biyyi addunyaarratti umrii xiqqoo qabdu Sudaan Kibbaa bu'uuraalee misoomaa geejjibaaf tolu hin qabdu.
Daandiin qilleensaa ishee mijataa akkasumas naga qabeessa kan jedhamu miti.
Sudaan Kibbaa erga bara 2011 walabummaashee labsachuun biyya of dandeesse taatee hundooftee as balaawwan xiyyaaraa 55 caalu biyyattii keessatti mudateera.
Balaa lubbuu namoota hedduu gaaga'aa jiruuf sababi ijoon ammoo daandiin qilleensaa biyyattii xiyyaara dulloomaa fayyadamuu fi to'annoonsaa laafaa ta'uudha.
Humnaa ol fe'uu, haala qilleensaa mijataa hin taanee fi dogoggora paayileetotaa waliinis wal qabata.
Amajjii 2025 xiyyaarri gara Jubaa deemaa ture tokko kufee caccabuun hojjettoonni boba'aa 20 ta'an dhumaniiru.
Biyyattii keessatti balaan xiyyaaraa hamaan kan mudate bara 2015 ture.
Handaara buufata xiyyaaraa Jubaatti xiyyaarri Antonov kufee caccabuun namoonni 41 dhuman.




