Erga qondaalli immgireeshinii US dubartii tokko ajjeesee Miniyaapoolisitti mormiin hammaate

Dubartiin umrii waggaa 37 qondaala immigireeshiniin haala suukanneessaan erga ajjeefamtee booda Miniyaapoolis keessatti hiriirri mormii ba'ameera.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxala BBC'f WhatsApp, Facebook, YouTube fi marsariitii keenya hordofaa
  • Iraanitti wayita hookkarri hammaatetti biyyattiin mariifis waraanaafis qophii ta'uu ibsite
  • Tiraamp biyyoota Iraan waliin daldalan irra taarifa dabalataa dhibbeentaa 25 kaa'e
  • Jawaar waa'ee ulaa galaanaa maaltu fala jedhe?
  • Bulchiinsi Tiraamp humna dabalataa gara Minesotaa erguufi
  • Ispeeshaalistii Indiyaatti kaansariirraa tiruu obboleessi arjoomefiin fayye
  • Tiraamp dafii walii gali jechuun Kuubaaf dhaaman

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoophiyaa fi UAEn nageenyaa fi tasgabbii akkasumas walabummaa daangaa irratti ibsa waloo baasan

    Pirezidantii UAE Sheek Mahammad bin Zayid fi MM Itoophiyaa Abiy Ahmad

    Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia

    Wayita Ministirri dhimma alaa Yunaayitid Arab Emirteetis (UAE) Sheek Shaakbuut bin Nahyaan Al Nahyaan Itoophiyaa daawwatanitti biyyoonni lameen dhimmoota nageenyaa, walabummaa daangaa fi hariiroo cimsuun dantaa biyyoota lameenii mirkaneessuurratti ibsa waloo baasaniiru.

    Biyyoonni lameen hariiroo duraanuu gidduusaanii ture daran cimsuu irratti akka xiyyeeffatan ibsaniiru.

    Nageenya mirkaneessuu, birmadummaa daangaa walii eeguu fi dantaa diinagdee waliisaanii mirkaneessuurrattis qindoominaan akka hojjetan ibsaniiru.

    Walga'iin Itoophiyaa fi UAE kun fooyya'iinsa gama nageenyaa fi tasgabbiin naannochaa fi naannochaan ala jiru gamaggamuufis carraa akka ta'e ibsan.

    Ammas waliin ta'uun nagaa fi tasgabbii itti fufiinsa qabu mirkaneessuurratti akka hojjetan ibsaniiru.

    Wayita korri Gamtaa Afrikaa 2025 gaggeeffamu akkaataa ummanni Sudaan itti deeggarsa namoomaa argatu irratti mari'achuu kan ibsan biyyoonni lameen ammas dhukaasi dhaabbatee uummanni gargaarsa akka argatu gaafataniiru.

    Haleellaa gareen Sudaan keessatti wal waraanaa jiran uummata nagaarraan ga'aa jiran kan balaaleffatan biyyoonni lameen, waraana kana dhaabuuf dirqamni jalqabaa warra wal waraanan irra jiraachuu ibsan.

    Waraanni dhaabbatee deeggarsi namoomaa kutaalee Sudaan hunda akka qaqqabuuf akkasumas bulchiinsa siiviliitti akka ce'amuuf haalli akka mijatuuf qaamoleen lameenuu akka dhukaasa dhaaban gaafataniiru.

    Nageenya naannawaa fi addunyaa irratti waliin hojjechuun cinaatti kora jijjiirama qilleensaa Itoophiyaan gaggeessuuf jetturrattis akka wal tumsan ibsaniiru.

    Itoophiyaan COP32 gaggeessuuf filatamuushee UAEn gammachuun simatti jedha ibsi kun.

    Ibsi kun dabaluun UAEn korri Itoophiyaan dursitu akka milkaa'uuf mootummaa Itoophiyaa faana qindoominaan ni hojjetti jedha.

    Kora dhimma bishaanii UN xumura bara 2026 gaggeeffamu irrattis akka wal tumsan ibsaniiru.

    Korri kun qindoomina UAE fi Senegaaliin qophaa'a akka ibsa kanaatti.

    Biyyoonni lameen nageenya mirkaneessuu, rakkoowwan tasgabbii naannawa kanaatti qormaata ta'an furuu fi hariiroo tarsimaawaa gidduusaanii daran cimsuurratti kutannoon akka hojjetan ibsaniiru.

  2. Yaaliin gaggeessaa Burkiinaa Faasoo ajjeesuu fashaluu mootummaan ibse

    Kaapteen Ibraahiim Tiraawuree

    Madda suuraa, Anadolu/Getty Images

    Yaaliin gaggeessaa Burkiinaa Faasoo Ibraahiim Tiraawuree ajjeesuuf taasifame fashaluu mootummaan biyyattii beeksise.

    Kaapteen Ibraahiim Tiraawuree ajjeesuuf karoora cimaafi wal-xaxaa kan qopheesse qondaala waraanaa duranii Leetinaant Koloneel Pool Henrii Damiibaa jedhamu ta'uu kan ibse mootummaan Burkiinaa Faasoo, tajaajilli tikaa biyyattii dursee odeeffannoo argachuurraa kan ka'e yaalichi fashaluu beeksise.

    "Tajaajilli Tikaa keenya oppireeshinii kana sa'aatii dhumaatti fashalsan. Gaggeessaa biyyattii [Ibraahim Tiraawuree] ajjeessuf karoora qabu turan, itaansuun dhaabbilee ijoo ta'an haleeluuf turan," jechuun ibsan mininstiira nageenyaa kan ta'an Mahaammaduu Saanaa.

    Ibraahiim Tiraawuree erga Burkiinaa Faasoo erga aangoo humnaan qabatee as yoo xiqqaate si'a lama yaaliin ajjeechaa irrati gaggeeffamuutu ibsame.

    Gama biraan ammoo biyyattii keessatti hidhattoonni JIhaadistii haleellaa gaggeessaniin namoonni miliyeenan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'uun qormaata itti ta'eera.

  3. Tiraamp maaliif Giriinlaand barbaada? NATO'dhaaf hiika akkamii qaba?

    Donaaldi Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Donaald Tiraampiifi gorsitoonnisaa dhihootti Giriinlaand fudhachuuf mari'ataa jiruu jedha Waayit Haawus.

    Pireezidantiin US kuni dhimma nageenya Ameerikaaf fayyadudha jechaa jiru.

    Fedhii pireezidantichaa hogganoota Giriinlaandiifi miseensa Nato kan taate Deenmaark fudhatama dhabsiisaniiru.

    Giriinlaand eessa jirti? Tiraamp ammoo maal fayyadama?

  4. Jala bultii Ayyaana Dhaloota Kiristoos Addabaabayii Masqalaatti adeemsifame

    Farfattoota

    Madda suuraa, Aelafat zemarie

    Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaanota Itoophiyaatti sirna ho'aan kabajaman keessaa tokko Ayyaana Dhaloota Iyyesuusi

    Sirni weedduu kumaa kitilaa (ye ayilaafaat zimmaaree) Batasakaana Ortoodoksii Itoophiyaa jalatti qophaa'u baranas Addabaabaayii Masqalaatti adeemsifameera.

    Sagantaan hafuuraa Addabaabaayii Masqalaatti adeemsifame kuni kantiibaa magaalaa Finfinnee dabalatee namoota baayyee kaaniin dinqisiifatameera.

  5. Raashiyaan taankarii boba'aa US gaaddu tiksuuf dooniiwwan bobbaafte

    Doonii waraanaa guddaa halluu gurrachafi daalacha daandii ofirraa qabu

    Madda suuraa, Hakon Rimmereid via Reuters

    Raashiyaan garba Atlaantiik irratti taankarii boba'aa humnooti waraanaa US gaadan tiksuuf dooniiwwan waraanaa bobbaafte.

    Dooniin gaadamaa jiru yeroo ammaa waan fe'e imalaa jiru qabaachuu baatus seenaa keessatti boba'aa Veenzuweelaa geejibaa kan ture yoo tahu gaafa Kibxataa daangaa Iskootilaandiif Ayiislaanditti mul'ateera.

    Pireezidant Donaald Tiraamp baatii darbe taankaroonni boba'aa fe'an akka gara Veenzuweelaa hin galleefi achii akka hin baane akka ''ugguraman'' ajajee ture, mootummaa biyyattis yeroos waan kana ''hanna'' jedheera.

    Tiraamp Maduuroo to'annoo jala oolchuun dura mootummaan biyyattii dooniiwwan fayyadamuun qoricha sammuu hadoochu gara US geejiba jedhe.

    Raashiyaan ''yaaddoo irraan kan ka'e haala naannoo doonii kanaa hordofaa jira,'' jette.

    Qondaaloti Ameerikaa lama yaada gaafa Kibxataa CBS News'f kennaniin humnooti Ameerikaa doonii kana akka dhidhimu gochuu mannaa to'achuuf karoorsaa akka turan himaniiru.

  6. Shawaa Kaabaatti hidhattoonni otobisiirratti haleellaa banan, namoota butan

    Nama meeshaa baatu

    Madda suuraa, Getty Images

    Konkolaataan deddeebisa ummataa magaalaa Finfinneerraa ka'ee gara Dabra Maarqos imalaa ture Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti hidhattootaan haleellaan itti banamuu dhaabbatichi beeksise.

    Bakki haleellaan itti baname kunis Ali Doroo akka jedhamuufi bakka irra deddeebiin hidhattooti haleellaa itti bananittidha.

    Hojii Gaggeessaan Tiraanispoortiii FM Obbo Ayikfaaw namootni afur butamaniiru jedhan.

  7. Venizuweelaa booda Tiraamp eenyu to'achuuf dhaadatan?

    Tiraamp pirezidantii Venizuweelaa erga to'atan booda dhihoommoo biyyoota biroo akeekkachiisaa jiru.

    Biyyoonni kuni kami. Daawwadhaa!

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

  8. Ameerikaan waraana dabalatee mala ittiin Giriinlaandi qabattu mari'achaa jirti - Waayit Haawus

    Waayit Haawus BBC'tti akka himetti Giriinlaandi (naannoo ofiin of bulchituu fi miseensa NATO Deenmaarkiin bultu ) eeguun ''aantummaan nageenya biyyaalessaa'' Ameerikaa ta'uu ibseera.

    Ibsi kun kan bahe hoggantoonni Awurooppaa Deenmaark deggeruuf ibsa waloo erga baasanii sa'aatii muraasa booda yoo ta'u, Deenmaark hawwii fi karoora Tiraamp odola Arktiik kana dhuunfachuuf qaban mormaa turte.

    Mormii karoora US
  9. Veenzuweelaan boba'aa barmeela miliyoona 50 ta'u USf dhiyeessiti jedhe Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidantiin US Doonaald Tiraamp biyyi humnaan Pirezidantii aangoorraa buusanii hidhaa galchan Venzuweelaan boba'aa barmeela miliyoona 50 kan gatiinsaa doolaara biliyoona 2.8 baasu USf kenniti jedhe.

    Boba'aan kun gatii gabaa idileetiin UStti gurguramaa jedhe.

    Ammoo maallaqa gurgurtaa kanarraa argamu akka toa'atuufi faayidaa uummata Veenzuweelaafi USf akka oolchu yaada miidiyaa hawaasaa gubbaa maxxanseen beeksise.

    Yaadni Tiraamp kun kan dhagaahame indaastiriin boba'aa Venzuweelaa ji'oota 18 keessatti jabaa ta'a jechuun dubbachuu booda.

    Akka Tiraamp jedhutti dameen kun investimeentii guddaa gara biyyattiitti harkisa jedheera.

    Xiinxaltootni garuu Veenzuweelaan humna boba'aa omishuu dur qabdutti deebi'uuf doolaara biliyoona hedduufi waggoota 10 barbaada jedhu.

    Tiraamp yaada Truth Social gubbaa maxxanseen ''hooggansi yeroo ce'umsaa Veenzuweelaa boba'aa qoqqobbiin irra kaahame barmeela miliyoona 30-50 kan qulqullina olaanaa qabu Yunaayitiid Isteetsiif kan kennu ta'uu yeroon isinii ibsu gammachuu waliini'' jedhe.

    Veenzuweelaa biyya boba'aa qabdu qabaachuun USf gaariidha sababani isaas gatii boba'aa gadi nuu buusu jedhee ture.

  10. 'Hiriira mormii Iraan irratti namootni 36 ajjeefamaniiru'- Dhaabbilee mirgaaf falman

    Mormii Iraan

    Madda suuraa, BBC Persian

    Dhaabbatni Mirga namoomaaf dhaabatu tokko hiriira mormii Iraan guyyoota 10f gaggeefame keessa namootni 36 ajjeefamaniiru jedhe.

    Dhaabbatni teessoonsaa biyyaalaa ta'e Human Rights Activists News Agency (HRANA) jedhamu namoota ajjeefamuunsaanii mirkanaa'e keessaa 34 namoota nagaa, lama ammoo kanneen qaamolee nageenyaa wajjin hidhata qabaniidha jedhe.

    Aanga'oonni Iraan namoota ajjeefaman ilaalchisee lakkoofsi baasan hin jiru. Haata'u maleeqaamoleen nageenyaa sadii ajjeefamuu himaniiru. BBC Peerzhiyaa hanga ammaa namoota du'aniifi eenyuummaa namoota 20 mirkaneeffateera.

    HRANA akka ibsetti mormitoota 60 ol ta'anirra miidhaan gaheera. 2,067 kan t'an ammoo to'annoo jala oolfamaniiru.

    Mormiin kun daddaaqama diinagdee biyyattii mormuun kan gaggeeffame yeroo ta'u magaalota Iraan qabdu 31 keessaa 27 keessatti gaggeefamaa ture.

    Miidiyaan biyyattii akka gabaasetti Poolisiin tokko kan ajjeefame mormitootarraa itti dhukaafameeti.

  11. Cabbiin Awurooppaatti hammaate nama jaha galaafate, imala qilleensaa danqe

    Imaloota xiyyaaraa haqaman

    Madda suuraa, Reuters

    Caabbiin Awuroppaa keessatti hammaate imala qilleensaa hedduu gufachiiseera, sababa haala qilleensaa hamaa kanaan walqabateenis namootni jaha lubbuusaanii dhabaniiru.

    Namootni shan kutaalee Faransaay lama keessatti haala rakkisaa konkolaataa oofuuf hin mijanne keessa lubbuun isaanii darbe.

    Dubartiin tokkommoo magaalaa guddoo Boosniyaa Saraayevoo keessatti lubbuunshee darbe.

    Imalli xiyyaaraa dhibbaan lakkaa'aman danqamaniiru. Buufataalee xiyyaaraa Paarisiifi Amisterdaam imaltootaan dhiphaataniiru.

    Amisterdaam buufata xiyyaaraa Schiphol tti qofa imala xiyyaaraa 400 ta'utu haqame. Imalli guyyaa Roobiif qabame 600 ta'us haqameera.

  12. Ashamaa!

    Gabaasni kallattii keenya odeessaalee ho'aa fiixeewwan addunyaa maraa irraa isin biraan gahu eegaleera.