Pirezidant Doonaald Traamp Afaan Ingilizii afaan biyyaalessaa
Ameerikaa taasisuuf ajaja hojii raawwachiiftuu mallatteessan.
Ejansiiwwan mootummaa fi dhaabbileen maallaqa federaalaa kanneen
fandii federaalaa argatan, sanadootaa fi tajaajila afaanota Ingiliffaatiin ala
ta'een dhiyeessuu fi dhiisuu isaanii filachuu danda'u jechuudha.
Imaammata qaamoleen akkasii kunneen namoota Afaan Ingilizii hin
beekneef gargaarsa afaanii akka kennan gaafatu kan pirezidantiin duraanii Biil
Kiliintaniin bara 2000tti mallatteeffame haqa.
"Afaan Ingilizii akka afaan hojiitti raggaasisuun kominikeeshinii
sirreessuu qofaaf osoo hin taane, duudhaawwan biyyaalessaa waliin qabnu cimsuu,
hawaasa walitti hidhame fi hawaasa gahumsa qabu ni uuma," jedha ajajni
kun.
Kunis erga biyyattiin waggoota 250 dura hundeeffamtee as US
yeroo jalqabaatiif sadarkaa federaalaatti afaan biyyaalessaa kan moggaafte.
Ajaja kana keessatti ejensiiwwan duraan gargaarsa akkasii kennan
kamiyyuu jijjiiruu, haquu ykn dhiyeessuun akka hin barbaachifne hubatameera.
"Lammiilee Ameerikaa haaraa simachuu keessatti imaammanni
afaan biyyaalessaa keenyaa akka barataniifi fudhataman jajjabeessuudhaan
Ameerikaa mana waliinii akka taatu gochuufi lammiilee haaraa abjuu Ameerikaa
galmaan ga'uuf humna kan kennu ta'a," jedha ajajni kun.
"Afaan Ingilizii dubbachuun balbala dinagdee banuu qofa
osoo hin taane, namoonni haaraa dhufan hawaasa isaanii keessatti akka bobba'an,
duudhaa biyyaalessaa irratti akka hirmaatan, deebisanii hawaasa keenyaaf akka
kennan gargaara."
Akkasumas "duudhaa baroota dheeraa lammiilee Ameerikaa
afaanota hedduu dubbatan kanneen Afaan Ingiliffaa baratanii dhaloota dhufuufi
ijoollee isaaniif dabarsan" kabaja jedha.
Jiraattota biyyattii miliyoona 340 ta'an keessaa kan gara
miliyoona 68 ta'an Afaan Ingiliziin alatti afaan biraa akka dubbatan Biiroon
Lakkoofsa Ummataa Ameerikaa ibseera.
Kunis afaanota dhalattoota Ameerikaa 160 ol kan hammatudha.
Afaan Ispaanish, afaanota Chaayinaa adda addaa fi Afaan Arabaa
Afaan Ingiliffaa itti aanuun afaanota baay'inaan dubbataman keessaa ta'uu
Biiroon Lakkoofsa Ummataa beeksiseera.
Rippablikaanonni kanaan dura Afaan Ingilizii akka afaan hojii
US ta'ee akka raggaasifamuuf yaalanii kan turan yoo ta'u, bara 2021tti
miseensota mana maree seera baasaniin hin milkaa'iin hafe.