Naannoo Beenishaangul Gumuuz heera mootummaa naannichaa fi labsiiwwan baay'ina bakka bu'oota mana maree naannichaa fooyyeessan ''kan hin turre, kan hin labsamiin akka jedhamanii'' fi ''hojiirra akka hinoolfamneef'' gaaffiin heera mootummaa irra dhiyaateera.
Gaaffii hiikaa kan qorattoota dhimmoota heera mootummaa biyyattiitti kan dhiyeessan miseensoota mana marii naannichaa sadi kanneen paartii mormituu Dimokiraatawa Booree irraa filatamaniidha.
Miseensonni kunneenis labsiiwwan lama kan manni marichaa torban lamaan dura sagalee caalmaatiin raggaasise ''faallaa heera mootummaa, kan hin turre, kan hin labsamiin akka jedhamanii fi hojiirra akka hin oolfamne jedhamuun akka murteeffaman'' gaafatan.
Labsiin jalqabaa murtoon irratti gaafatame ''labsii baay'inni mana maree bakka bu'ootaa ittiin murtteessuuf'' bahee fi kan heera naannichaa irra deebiin fooyyessuuf baheedha.
Labsiin baay'ina miseensota mana maree naannichaa fooyyessuuf torban lamaan dura bahe kunis teessoo mana marichaa duraan 99 ture gara 165tti ol guddiseera.
Jijjiramni teessoo mana maree kunis fooyyaa'insa heera mootummaa naannichaa keessattis calaqqisifameera.
Labsiin heera mootummaa ''Baay'inni waliigala miseensota mana maree 100 ol hin caalu'' jedhu haqameera.
Bakka isaattis ''baay'inni miseensota mana maree waliigalaa 165 caaluu hin qabaatu'' keewwata heera mootummaa jedhu haaraan bakka bu'eera.
Fooyya'insi taasifames baay'inni bakka bu'oonni naannoo filannoo tokkoo filatamanii 5-11 akka ta'an kan taasise yoo ta'u, kanaan dura seera tureen baayyinni bakka bu'ootaa naannoo filannoo tokko irraa dhufan 4-6 ture.
Teessoon 165 mana maree naannoo ''kan baayyina ummataa hubannoo keessa hin galchine'' ta'uu eeruudhaan hiika heera mootummaa qaamooleen gaafatan, ''adeemsi naannooleen filannoo duraa itti diigamuun naannooleen filannoo haaraan itti hundeffaman kan heera mootummaa cabsee'' ta'u kaasaniiru.
Kana malees, ''loogiin kan guutameefi kan aangoo boordii filannoo biyyaaleessaa fi mana maree federeshinii cabseedha'' jedhan.
Iyyanni komii torban darbe guyyaa Jimaata qorattoonni yaa'ii heera mootummaatti dhiyaatees, ''naannichi saffisaan gara heera mootummaa fooyyeessuutti galuunsaa marii biyyaaleessaa kan dhiibuudha'' jedhan.
Kanneen iyyata dhiyeeffatanis labsiiwwan naannoo haaraan lamaanu sababii afuriif hiika heera mootummaa akka kennamuuf gaafataniiru.
Sababiin jalqabaa labsiin baay'iina miseensoota mana maree ittiin murteeffame kan naannoolee filannoo duraan turan diiguun filannoo haaraa dabalachuusaati.