Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Loltoonni Sooriyaa lammiilee nagaa 745 ajjeesuun himataman

Jaarmiyaan UK taa'ee haala mirga namoomaa Sooriyaa keessa jiru hordofu loltoonni Siiriyaa lammiilee nagaa hawaasa Alawite dhibbaan lakkaa'aman ajjeesaniiru jedhe.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Loltoonni Siiriyaa lammiilee nagaa dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuun himataman
  • Haleellaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwatteen 25 ajjeefamanii hedduun madaa'an
  • Lammiileen Itoophiyaafi Ertiraa 32 Meditiraaniyaaniitii baraaraman
  • Xalayaan Zeleeniskiin Tiraampiif ergan maal hima?
  • Somaaliyaan gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaaf deebii kennuu dandeessii?
  • Itoophiyaa fi Ertiraan walitti bu'iinsatti qajeeluu maluu?
  • Ameerikaan hidhattoota Huutii tarree shororkeessaa jala keesse
  • Tamsaasa kallattii duraanii asii argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp Zeleniskiitiin akka ‘dinqisiifatu’ Kongirasiitti hime

    Tiraamp Yukireen “hanga danda’ametti saffisaan” marii nagaa jalqabuudhaaf qophiidha jedhan.

    Akkuma kanas Raashiyaanis mariidhaaf fedhii guddaa qabachuu himan.

    Wayita Kongiresiif ibsa kennanitti, pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, xalayaa Pirezidantii Yukireen Volodmiir Zeleniskiirraa fudhatan kan ergaa inni fuula X irratti barreesseen wal fakkaatu qabu sagalee ol fuudhuun dubbisan.

    “Xalayaa kana erguu isaatiif nan dinqisiifadha,” jedhan Tiraamp.

  2. Ministirri ittisaa UK gara Waashingitanitti qajeelan

    US, Yukireen fi Raashiyaan sadan isaaniituu marii nagaa jalqabuudhaaf fedhii qabaachuu agarsiisanilleen garuu, dippilomaasiin sadarkaa ol'aanaa torbanoota muraasa darbaniif gara duubaatiin itti fufee jira.

    Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa UK, Joon Heeliin gitasaanii Ameerikaa Paat Heegseet waliin Kamisa wal arguuf har'a gara Waashingitan DC deemaa jiru.

    Waraana Yukireeniitti xumura gochuun ajandaa olaanaa yoo ta'u, sababiin isaas UKn Awurooppaa fi US waliin waliigaltee nagaa irra ga'uudhaaf hojjechuu itti fufteetti.

    Imalichaan dura kanaan dura Biriteen fi Awurooppaan nageenya isaanii cimsuun ''murteessaa'' ta'uu kan himan Heeliin, hariiroon Ameerikaa fi UK akkuma yeroo kamiyyuu cimaa ta'uu dubbataniiru.

  3. Amma nu gahe, Maakroon Zeleniskiifi Istaarmar waliin DC daawwachuuf yaadaa jiru - dubbi-himtuu

    Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon gara Waashingitan deebi'anii pirezidantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii fi Ministira Mummee UK Kiir Istaarmar waliin mari'achuuf yaadaa akka jiran dubbi himtuun mootummaasaanii Sofiiye Pirimaas ibsa gaazexeessitootaaf masaraa Élysée keessatti kennaniin dubbatan.

    Ibsa har'a gara ganamaa kennaniin, Pirimaas Faransaay Kiiv hariirooshee US waliin qabdu deebiftee akka hundeeffattu gargaaruuf waadaa galte irra deebi'ee ibsiteetti.

    Odeeffannoodhaaf: Hoggantoonni sadanuu torban darbe pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin mari'achuuf yeroo garaa garaatti Waayit Haawus daawwachuunsaanii ni yaadatama.

  4. Uffanni Zeleeniskii falmii kaase hangam akka ta'e beektuu?

    Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleeniskii torban darbe Pirezidantii US Donaald Tiraamp waliin walitti dheekkamaniiru.

    Keessumaa dhimmi uffata isaanii yeroodhuma masaraa Ameerikaa Waayit Haawus dhaqqaban eegale. Daawwadhaa!

  5. Xalayaan Zeleeniskiin Tiraampiif ergan maal hima?

    Pirezidantiin US Donaald Tiraamp Pirezidantii Yukireen Voloodimiir Zeleeniskiirraa xalayaan ergamuufi dubbatan.

    Xalayaan kuni waliigaltee raawwachuuf fedha qabaachuu isaanii akka ibsu himan.

    ‘’Xalayaa erguu isaaf nan galateeffadha,’’ jechuun Tiraamp yeroo Kongirasiitti dubbatan himani.

    Tiraamp kana kan dubbatan erga miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti Zeleeniskiin ‘’hooggansa cimaa’’ Tiraamp jalatti nagaa waaraa fiduuf akka dalagan barreessan boodadha.

    Wanti Tiraampiinis ta’e Zeleeniskiirraa dhagahame erga torban dura walitti dheekkamaa dubbatan booda isaan gidduutti dubbiin tasgabbaa’aa akka jiru akeeka.

    Tiraamp yoo dubbatan ‘’xalayaa guddaa’’ Zeleeniskiirraa gaafa Kibxataa isaaniif ergamuu dubbatan.

    Xalayaa kanarratti waan barraa’e jedhan keessaas muraasa dubbisaniiru.

    ‘’Xalayichi nagaa waaraa Yukireenitti fiduuf Yukireen atattamaan waliigaltee raawwachuuf qophii ta’uu ibsa.

    ‘’Lammiilee Yukireen caalaa kan nagaa barbaadu hin jiru,’’ jedha jedhan.

    Kan dubbisan irratti wanti ibsame kan Zeleeniskiin miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti ibsan wal fakkaata.

    Gaafa Jimaataa dureewwan lamaan walitti dheekkamaa adda bahuun osoo waliigaltee hin raawwatiin hafanii turani.

    Akkasumas Zeleeniskiin albuuda gatii qaalii biyyi isaanii qabdu Ameerikaatti gurguruuf waliigaluu Tiraamp ibsaniiru.

    Yukireen garuu dhimma kanarratti waan jette hin qabdu.

  6. Isloot Liivarpuul yoo waancaa dhabe, siinan komadha naan jedhe - Olivar

    Leenjisaan Liivarpuul Arnee Isloot yoo kilabiin isaan leenjisaan Waancaa Pirimeer Liigii dhabe murteessaa taphaa Maayikil Olivar akka komatan dubbatan.

    Leenjisaa Liivapuul Arnee Isloot kuni tapha qixxeessituu Evartan waliin taphatan irratti daanyaafi gargaaraa isaanii tokko waliin walitti bu’anii kaardii diimaan bahanii turan.

    Isloot waan gaafas mudateef tapha lama akkasumas, maallaqa paawundii 70,000 ta’us adabaman.

    Kunis, amala naamusa cabse mul’isaniiru akkasumas murteessaa taphaafi gargaaraa isaaniitti amala hin taane mul’isani kan jedhudha.

    Harka osoo na fuudhuu, ‘’yoon liigicha hin moonu ta’e, siinan komadha,’’ naan jedhe jechuun Maayikil Olivar himatani.

    Isloota garuu kana waakkatan.

    Ani ‘’Yoo liigicha mo’uu dhabne, siin galateeffadhan,’’ jedhe jechuun dubbatan.

    Adabbiin Isloot paawundii 100,000 irraa kan xiqqaatedha.

    Kunis, waan dhiifama jedhaniif, himannaa sana amanuufi kana dura badii akkanaa waan hin dalagneefi.

    Tapha sanarratti kilaboonni lamaanuu amala hin taane mul’isaniiru jedhamuun himatamaniiru.

  7. 'Waan nuti guyyoota 43 keessatti raawwanne, waggaa saddeetittuu hin hojjetamne - Tiraamp

    Pirezidant Donaald Tiraamp erga gara aangootti dhufanii torban jaha ta’eera.

    Guyyaa Kibxataa Kongirasiitti dhihaachuun yeroo kana keessatti waan raawwanne jedhan yoo dubbatan milkaa’ina danuu eeran.

    Kongirasii kana miseensota paartii isaanii, Rippablikaanotatu, olaantummaan to’ate.

    ''Bulchiinsonni kaan waggoota afur yookiin saddeet keessatti kan raawwatan caalaa nuti guyyoota 43 keessatti raawwanne,’’ jechuun Kongirasiitti himan.

    Ammoo ''reefu eegalla’’ jechuun wanti dalaguu yaadan akka kana caalu akeekan.

    Seenaa US keessatti isaan nama milkaa’inaan hojii pirezidantii eegalan akka ta'an namoonni ''baay’ee’’ akka amanan dubbatani.

    Haasaa isaanii keessatti wantoota ijoo dalagan tarreessan.

  8. Ameerikaan hidhattoota Huutii tarree shororkeessaa jala keesse

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa humnoota hidhattoota Yaman keessa socha’an, Huutii, ‘dhaabbata shororkeessaa alaa’ jechuun labsite.

    Waajjirichi ibsa kaleessa Bitooteessa 4, 2025 baaseen, ‘‘ministeerri keenya Ansaaraalaah kan Huutii jedhamuun beekamu akka Dhaabbata Shororkeessaa Alaatti farrajuu ni labsina’’ jedhe.

    Ministeerichi ibsa isaa kanaan ‘‘Sochiin Huutii nageenyaa namoota nagaa Ameerikaa fi hojjattoota Baha Jidduugalaatti argamaniifi deeggartoota Ameerikaatiif akkasumas tasgabbii daldala addunyaa galaanarraatti kan yaaddoo nageenyaa uumeedha’’ jedheera.

    Hidhattoonni Huutii bara 2023 irraa kaasee, Galaanaa Diimaa fi Qarqara Galaana Edan keessatti dooniiwwan daldalaarratti akkasumas miseensoota waraana Ameerikaa ‘‘bilisummaa nageenya imalaa fi michoota naannichaa keessaa tiksan irratti haleellaa dhibbaan lakkaa’aman raawwateera’’ jedhe.

    Itti dabaluunis, dhiheenya kana keessa ammoo hidhattoonni kunneen, dooniiwwan Ameerikaa fi fi michootashee irratti xiyyeeffachuudhaan kanneen alaabaa Chaayinaa qabaniitti hin bu’an jedhe.

    Gara biraatiin ammo, Ameerikaan biyyoota maqaa daldala addunyaa seera qabeessa raawwachuu jedhuun dhaabbilee shororkeessummaa waliin walitti dhufeenya qabaataniif obsa akka hin qabaannee kaaseera.

    Tarkaanfiin amma Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii fudhate kunis, ‘‘kan kutannoo Bulchiinsi Traamp dantaa nageenya biyyaalessaa keenyaa, nageenya ummata Ameerikaafi nageenya Ameerikaa eeguuf qabaachuu agarsiisa’’ jedhe ibsichi dabaluun.

    ‘‘Shororkeessummaan farajuun kunis qabsoo keenya shororkeessummaa irratti taasifnu keessatti gahee murteessaa kan qabu yoo ta'u, deeggarsa sochii shororkeessummaa hir'isuuf karaa bu'a qabeessa ta'edha.’’

    Hidhattoonni Huutii eenyuu akka ta'an baruudhaaf kana dubbifadhaa.

  9. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Odeessa biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook gubbaa nu hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa.

  10. Zeleniskiin waan Tiraamp jedhe raawwachuuf qophaa'eera

    Walga'ii Jimaata Waayit Hawusitti turerratti, Doonaald Tiraamp Zeleniskiin "kaardii hin qabu" jedhee ture.

    Wanti qabatamaan jiru amma dubbichi Waashingitan irra darbee mana Zeleniskii kan seenedha.

    Waashigitan gargaaarsa waraanaa hunda irraa dhaabuu akkuma beeksisteen, saatii muraasa booda, Zeleniskiin gariin waraana dhaabuutti waliigale- qilleensarraan, galaana keeesssaan- yoo Mooskoonis gamashuun kan fudhattu ta'e.

    Kana malees, Zeleniskiin akkaataa walga'iin Tiraamp waliin taasian ta'uu isaatti gaabbuu himeera.

    Inni akka gaabbu himulleen garuu taajjabdoonni baayyeen Zeleniskiin kiyyoo siyaasaatti qabamee miidhamaadha jedhu.

    Addatti Tiraampiin maqaa dhahuun gargaarsa kanaan dura taasifameef ammas irra deebiyee Ameerikaa galateeffate.

    Kana malees, akkaataa albuuda Yukireen ittiin argachuu dandeessu irrattis US waliin waliigaltee mallatteessuuf qophii ta'uu hime.

    Yukireen waraana irratti Raashiyaan bante waggaa sadiif ofirraa faccisaa turteetti.

    Haata'u malee, ejjennoon biyyoota michuushee ta'an Yukireeniin saaxileera. Keessumaa imaammanni dhimma alaa US Pirezidant Tiraamp hojiirra oolchaa jiran rakkoo itti dhaleera.

  11. Ameerikaan waan Yukireen keessatti invest gooteef deebiyee akka kaffalamuuf barbaaddi -JD Vaans

    Akkuma gabaasa keenya duraa keessatti gabaafnetti, Zeleniskiin ibsa wayita kennaa jirutti, itti aanaan pirezidantii Ameerikaa JD Vaansi ammoo waa'ee waraana Yukireen fi murtee Ameerikaan gargaarsa waraanaa dhaabuuf murteessite ilaalchisee gaazexeessitootaatti dubbataniiru.

    Ameerikaan ''invastimantii faayinaansii ajaa'ibaa'' Yukireen keessatti raawwatteef bu'aa ta'e argachuu qabdi kan jedhu yoo ta'u, itti dabaluudhaan biyyoonni Awurooppaa deeggarsa taasisaniif kaffaltii argachaa akka jiran dubbatan.

    "Eeyyee, dhuguma waan nama kofalchiisudha, akkasumas ifatti yoo dubbanne, ummata Ameerikaatiif arrabsoodha, warri Awurooppaa ummata Ameerikaa caalaa waliigaltee fooyya'aa argachaa jiru," jedha Vaans.

    US gargaarsa waraanaa Yukireeniif kennuu deebitee jalqabuu dandeessi laata jedhamee kan gaafatamee Vaans, Kiiv yoo marii'achuu jalqabdu ''wanti hundi minjaala gubbaa jira'' jedhan.

    Fuulduratti tarkaanfachuuf Yukireen dhuunfaan dhuftee waan isaan barbaachisu itti himtu isaan barbaachisa jedha: "Wanti hunda caalaa barbaachisaa ta'e sanadha, walitti dhufeenya dhuunfaa dhabuutuu waan baay'ee nu yaaddessudha."

  12. Amma nu gahe, Lammiileen Yukireen dhaabachuu gargaarsarratti 'odeeffannoo ofiiseelaa' barbaadu- Zeleniskii

    Pirezidant Zeleniskiin qondaaltonni Yukireen dhimma gargaarsa waraanaa addaan cituu ilaalchisee, odeeffannoo ofiiseelaa argachuudhaaf gita isaanii Ameerikaa akka qunnamaniif gaafachuu beeksiisan.

    Zeleniskiin, "Ministira ittisaa, hoggantoonni basaasaa fi dippilomaatonni gita isaanii Ameerikaa keessa jiran qunnamuun odeeffannoo ofiiseelaa akka argataniif qajeelfama kenneera," jechuun haasawa galgala taasisaniin kan dubbatan.

    "Namoonni tilmaamuudhaan hafuu irra hin jiraatu," jedhan itti dabaluudhaan.

    "Ameerikaa waliin hariiroo idilee, walitti dhufeenya tumsaa qabaachuun dhuguma waraana kana xumuruudhaaf murteessaadha. Tokkoon keenyalleen waraanni kun dhuma akka hin arganne hin barbaannu" jedhan

  13. Saffisaan waraanicha dhaabuuf hojjechuuf qophiidha- Zeleniskii

    Pirezidaantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin ibsa X irratti baaseen, Yukireen ''nagaaf waadaa galte'' akka deeggartu irra deebi'ee ibsuun ''tokkoon keenyayyuu waraana dhuma hin qabne hin barbaadu'' jechuun hime.

    Itti fufuun, Yukireen nagaa waaraa fiduudhaaf daftee gara taa’anii mariyachuutti dhufuuf qophiidha jedhe.

    "Lammiilee Yukireen caalaa namni nagaa barbaadu hin jiru. Aniifi gareen koo nagaa waaraa argachuuf hoggansa cimaa Pirezidaanti Tiraamp jalatti hojjechuuf qophiidha," jechuun pirezidaantichi gaabbii qabu dubbate.

    "Waraana kana xumuruuf saffisaan hojjechuuf qophiidha."

    Waraana kana dhaabuudhaaf sadarkaan duraa “hidhamtoota gadhiisuu, haleellaa samiirraa dhaabuu, misaa’elootarra dhrkaa aa’uu, diroonota fageenya dheeraa deemanirra dhorkaa kaa’uufi humna ibsaafi bu’uuraalee misoomaa siviliiotaa haleeluu, akkasumas galaana keessaanis dhukaasaa dhaabuu kan dabalatu ta’a” yoo kan Raashiyaan itti waliigaltu ta’e.

    “Itti aansuun ammoo saffisaan gara sadarkaalee itti aananitti US walin irratti hojjechuun waliigaltee dhumaa cimaa tokkorra gahama.”

  14. Zeleniskiin waan ta’etti 'gaabbuun hoggansa cimaa' Tiraamp jalatti hojjechuuf qophiidha jedhe

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin dubbii aariin Waashingiteenitti Pirezidant Tiraamp waliin dubbate gaabbuun, amma hoggansa Tiraamp ‘cimaa’ jalatti hojjechuuf qophiidha jdhe.

    “Walga’iin keenya Jimaata darbe Waashigiteen, Waayit Hawusitti ture akkaataa ta’uu qaabuun hin taane,” jechuun fuula X isaarratti baase.

    “Bifa kanaan ta’uun isaa kann nama gaabbisiisudha. Amma yeroon wantota jallatan yeroo itti qajeelchanidha.”

  15. Yukireen buufata boba'aa Raashiyaa haleeluu beeksifte

    Yukireen bu'uuraalee anniisaa Raashiyaa irratti qiyyaafachuun haleellaa heddu gaggeessuu beeksifte.

    Humni waraanaa Yukireen akka beeksisetti, halkan edaa buufataalee boba'aa Raashiyaa irratti haleellaa heddu gaggeessera.

    Waajjirri ajajaa waliigalaa humna waraana Yukireen fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti akka barreessetti, gareen dirooniifi kutaaleen waraanaa biroo waliin ta'uun buufataalee boba'aa Raashiyaa haleelera.

    Haleellaa kanarraa kan ka'e bulchiinsa Roostoov keessatti dhohinsi gurguddaafi abiddi qabachuus beeksise.

    Bulchiinsawwan Raashiyaa biroo keessattis buufata boba'aa irratti haleellan diroonii gaggeeffamuu beeksise humni waraana Yukireen.

    Raashiyaanis debii kenniteen dirooniwwan hedduun Yukireen haleelte.

    Raashiyaan halkan edaa qofa dirooniwwan 99 itti dhukaasuu Yukireen beeksifte.

  16. Shaampiyoons Liigiin Darbii Maadiriid ilaalchisee kan beekuu qabdan

    Tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaa kilaboonni 16 walitti hafan har’a irraa kaasanii morkii jalqabu.

    Taphoonni jajjaboonis galgala kana ni eegamu.

    Liiverpuul v PSG, Arsenaal v PSV, Riyaal Maadiriid v Atileetikoo Maadiriid kanneen akka addaatti eegaman keessaati.

    Darbii Maadiriid ilaalchisee kan beekuu qabdan kunooti:

    Atileetikoo Maadiriid sadarkaa shanaffaa qabachuun marsaa kanaaf kilaboota saddet dursanii darbuu baran keessaa ture.

    Riyaal Maadiriid ammoo gama biraan tapha dhaqaa galaan dorgomee mo’achuun sadarkaa 11ffaa qabachuun sadarka akanarra gahe.

    Riyaa Maadiriid Iitihaaditti Maanchester Siitii 3-2n, dirreesaa Bernaabaa’uutti ammoo 3-1n walumaagalatti 6-3 injifatee kilaboota 16 keessa gale.

    Bara kana keessa Riyaal Madiridiifi Atileetikoo Maadiriid bara kana keessa tapha La Liga lama dabalatee si’a sadii waliif ba’aniiru.

    La Liga Guraandhala 8, 2025 taphataniin lachuu 1-1 walqixa bahan.

    La Liga fulbaana 20, 2024 taphataniinis akkuma kana 1-1n walqixa xumuran.

    Kilaboonni Maadiriid kunneen waggoota 11 darban keessa ammoo Shaampiyoons Liigiirratti si’a afur walitti dhufaniiru. Kana keessaa Riyaal Maadiriid bara 2014 fi 2016 Atileetikoo mo’atee shaampiyoonaa ta’era.

    La Liga keessatti Atileetikoo Maadiriid qabxii 56 qabatee qabxii 1n baarseloonaan caalamee sadarka alamaffararatti argama.

    Riyaal Maadiriid ammoo qabxii 54n sadarkaa sadaffaarratti argama.

    La Ligaa keessatti Kiliyaan Imbaappee goolii 17 lakkoofsisuun lamaffaa irraa jira, Alvaarez warra Atileetikoo Maadiriid ammoo goolii 10n salgaeeffaarra jira.

  17. Heera mootummaa Beenishaangul dhiheenya fooyya'eerratti gaaffii attamiitu ka'e?

    Naannoo Beenishaangul Gumuuz heera mootummaa naannichaa fi labsiiwwan baay'ina bakka bu'oota mana maree naannichaa fooyyeessan ''kan hin turre, kan hin labsamiin akka jedhamanii'' fi ''hojiirra akka hinoolfamneef'' gaaffiin heera mootummaa irra dhiyaateera.

    Gaaffii hiikaa kan qorattoota dhimmoota heera mootummaa biyyattiitti kan dhiyeessan miseensoota mana marii naannichaa sadi kanneen paartii mormituu Dimokiraatawa Booree irraa filatamaniidha.

    Miseensonni kunneenis labsiiwwan lama kan manni marichaa torban lamaan dura sagalee caalmaatiin raggaasise ''faallaa heera mootummaa, kan hin turre, kan hin labsamiin akka jedhamanii fi hojiirra akka hin oolfamne jedhamuun akka murteeffaman'' gaafatan.

    Labsiin jalqabaa murtoon irratti gaafatame ''labsii baay'inni mana maree bakka bu'ootaa ittiin murtteessuuf'' bahee fi kan heera naannichaa irra deebiin fooyyessuuf baheedha.

    Labsiin baay'ina miseensota mana maree naannichaa fooyyessuuf torban lamaan dura bahe kunis teessoo mana marichaa duraan 99 ture gara 165tti ol guddiseera.

    Jijjiramni teessoo mana maree kunis fooyyaa'insa heera mootummaa naannichaa keessattis calaqqisifameera.

    Labsiin heera mootummaa ''Baay'inni waliigala miseensota mana maree 100 ol hin caalu'' jedhu haqameera.

    Bakka isaattis ''baay'inni miseensota mana maree waliigalaa 165 caaluu hin qabaatu'' keewwata heera mootummaa jedhu haaraan bakka bu'eera.

    Fooyya'insi taasifames baay'inni bakka bu'oonni naannoo filannoo tokkoo filatamanii 5-11 akka ta'an kan taasise yoo ta'u, kanaan dura seera tureen baayyinni bakka bu'ootaa naannoo filannoo tokko irraa dhufan 4-6 ture.

    Teessoon 165 mana maree naannoo ''kan baayyina ummataa hubannoo keessa hin galchine'' ta'uu eeruudhaan hiika heera mootummaa qaamooleen gaafatan, ''adeemsi naannooleen filannoo duraa itti diigamuun naannooleen filannoo haaraan itti hundeffaman kan heera mootummaa cabsee'' ta'u kaasaniiru.

    Kana malees, ''loogiin kan guutameefi kan aangoo boordii filannoo biyyaaleessaa fi mana maree federeshinii cabseedha'' jedhan.

    Iyyanni komii torban darbe guyyaa Jimaata qorattoonni yaa'ii heera mootummaatti dhiyaatees, ''naannichi saffisaan gara heera mootummaa fooyyeessuutti galuunsaa marii biyyaaleessaa kan dhiibuudha'' jedhan.

    Kanneen iyyata dhiyeeffatanis labsiiwwan naannoo haaraan lamaanu sababii afuriif hiika heera mootummaa akka kennamuuf gaafataniiru.

    Sababiin jalqabaa labsiin baay'iina miseensoota mana maree ittiin murteeffame kan naannoolee filannoo duraan turan diiguun filannoo haaraa dabalachuusaati.

  18. US gargaarsa Yukireeniif kennitu dhaabuusheen Raashiyaan gammadde

    Raashiyaan isa Ameerikaan deeggarsa waraanaa Yukireeniif taasistu dhaabuu ishee gammachuun simatte.

    ‘’Yoo dhugaa ta’e, murteen kuni mootummaa Kiiv jiru marii nagaatti geessuu danda,’’ jechuun Dubbii Himaan mootummaa Raashiyaa Dimitirii Peeskov dubbatan.

    Ibsa miidiyaaf kennameerratti Peeskov, Ameerikaan biyya dura aantummaan Yukireeniif meeshaa waraanaa dhiheessitu ta’u eeran.

    ‘’Yoo Ameerikaan [deeggarsa] dhaabde, nagaa buusuuf guddaa gumaata,’’ jedhan.

  19. Ameerikaan deeggarsa dhaabuun Yukireen keessatti naasuufi mufii uumee

    Ameerikaan deeggarsa waraanaa Yukireeniif taasistu adda kutuu isheen Yukireen keessatti naasuu akkasumas mufii uumeera.

    ‘’Kuni balaa guddaa qaba, akka ta’uf deemu eegaa turre,’’ jedhan Miseensi Paarlaamaa Oleksii Honchaarenkoo.

    Dabaluunis, Yukireen ‘’harka kennachuuf miti, nagaaf loluu qabdi,’’ jedhan.

    ‘’Reeffi Roozevelt fi Charchiil sosso’aa jira. Ameerikaan seexana guddicha waliin dhaabbatte,’’ jechuun kan katabanimmoo rogeessa Yuuri Kasyaanov jedhamanidha.

    Miseensi Paarlaamaa murtee Ameerikaa ‘’ittisa keenyaaf caba guddaadha,’’ jedhan.

    Gaazexeessaa Taaraas Buzaak ‘’Tiraamp bakka bu’aa Raashiyaati, waa’ee fooyya’iinsa hariiroo maal dubbataa jirra?’’ jechuun gaafatu.

    Rogeessa kan ta’an Liyoonid Shiveetis immoo ‘’Ameerikaa galatoomi! Maraatteetta,’’ jedhan.

  20. Chaayinaafi Kaanaadaan qaraxa Tiraampirratti haaloo bahan

    Guyyaa har’aa eegalee qaraxi Donaald Tiraamp Kaanaadaa, Meeksiikoo fi Chaayinaarra kaa’an hojiirra ooluu eegaleera.

    Qaraxa kana Chaayinaafi Kaanaadaan mormuun haaloo bahaa jiru.

    Kaanaadaan meeshaalee US ofitti galchitu maallaqa $107 tilmaamamuurratti qaraxa 25% keesseetti.

    Chaayinaan immoo oomishaalee qonna US galchituurratti qaraxa 10%-15% gahu keesse.

    Akkasumas qaraxi kuni dhaabbilee US irrattis akka kaa’amu sosso’aa jirti.

    Tiraamp immoo qorichi fentaanaayil gara US akka hin seenne waan gaha hin dalagne jechuun himatanii oomisha Chaayinaatii seenurratti qaraxa guddisuun 20% gahaniiru.

    Akka Tiraamp jedhanitti, qaraxi Kaanaadaafi Meeksikoorra kaa’an qoricha seeraan alaa fi godaantoti US akka hin seenne dhorka jedhan.

    Ogeeyyiin akka jedhanitti murtee kanaan walqabatee lammiileen Ameerikaa oomishoota muraasa irratti daballiin gatii isaan mudachuu mala.