Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Puutin waa'ee ajjeechaa Piriigozhin dubbatan
Hogganaan garee loltoota Waagnar kan Puutin irratti fincilan fashale gaggeesse, Piriigozhin, namoota xiyaara Raashiyaa kufee gubate keessaa tokko ture.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Waa’ee balaa xiyyaaricharratti qabxilee afur hanga ammaa beeknu
Xiyyaaricha maaltu qunname?
Xiyyaarri Embraer Legacy jedhamu utuu Mooskoo fi St Piitarsibarg gidduu balali'aa jiruu nannoo Tver jedhamutti Roobii galgala kufuu isaa angaa’onni Raashiyaa mirkaneessaniiru. Gareen Telegram Waagnar waliin hidhata qabu xiyyaarichi akka rukutamee kufe hima.
Eenyutu Xiyyaaricharra ture?
Xiyyaarri dhuunfaa kun imaltoota torbaafi hojjatoota xiyyaarichaa sadii qabatee ture. Angaa’oonni Raashiyaa Pirgozhiniifi waayila isaa Dimitrii Utkin dabalatee eenyummaa imaltoota hundaa adda baasaniiru.
Wa’ee sochii dhiyeenyaa Pirgozhin maal beekna?
Waxabajjii keessa erga fincila garee Waagnar hin milkaa’in hafee booda, Piriigozhiin sagalee isaa dhokfatee ture. Fincilicha hordofee yeroo gabaabaaf Beelaruus keessatti argamee, boodarra ammo St Piitarsibargi keessatti suuraa kaafameera. Torban darbe, erga Waxabajjiitii yeroo jalqabaaf ibsi viidiyoon baase, akka Afrikaa keessa jiru waan agarsiisu ture.
Amma maaltu ta’a?
Hojjattooni tajaajila yeroo hatattamaa bakka balaan kun uumame irratti qorannoo isaanii xumuraniiru, Raashiyaan ammo balaa kana irratti qorannoo yakkaa eegalteetti.
Itoophiyaa dabalatee biyyoonni jaha miseensa BRICS akka ta'an murtaa'e
‘Du’a Pirigozhin duuba Puutin jiraachuu mala’ hoggaanaa duraanii MI6
Hogganaa duraanii dhaabbata basaasaa UK MI6 kan ta’n Sir Joon Saawers, du’a Yivgeenii Pirigozhin gabaafame duuba Vilaadmiir Puutin jiraachuu mala jedhee akka yaadu dubbateera.
“Biyyootii akka Raashiyaa keessatti dhugaa jiru hunda sirriitti beekuu hin dandeessu garuu, amma waanti jiru akka Puutin tarkaanfii irratti fudhate kan agarsiisudha – to’annoo qabaachuu isaa deebisee mirkaneeffateera,” jechuun sagantaa BBC Radio 4 Today irratti dubbateera.
Meeshaan “xiyyaachaa tasa kuffisee fi namoota achirra turan hunda ajjeesee’ xiyyaarichaarra ture natti fakkaata jedhu Saawersi.
Dubbi himaan duraani Puutin, haleellaa kanaaf kan itti gaafatamu Yukireeni jedhanii
Sergee Maarkoov dursee, Pirigoozhin ‘goota’ jechuun, ragaa tokkollee utuu hin dhiyeessuun Pirigoozhiin ‘ Guyyaa walabummaa Yukireen irratti Zeleniskiif kennaa akka ta’uud” humna basaasaa Yukireeniin ajjeefame jechuun dubbatee ture.
“Dhimma kana irratti himata jiru haaluuf yaaliin taasifamu ykn dhibuun isaa waan nama ajaa’ibu miti, garuu kun ergaa sarara keessaa hin ba’iina jedhu lammilee Raashiyaaf kan ergudha. Bulchiinsicha irratti qeeqa ka’u kamuu hin eeyyamtu,” jedha Sir Joon Saawers.
Shororkeessaan tokko hir’achuun isaa nuuf gaaridha- Angaa’aa Yuukireen
Gorsaan ministeera ittisaa Yuukireen, gaabaasi du’a Yivgeenii Pirigoozhin Yukireeniis oduu gaariidha jedhan.
“Shorokeessaan tokko hir’ise jechuun Raashiyaa keessatti hokkorri dabale jechuudha. Dabalataan ammo Raashiyaan bulchiinsa kufaa ta’aa jiru, kan shororkeessaa uummata isaa sodaatuun hogganamuu ta’uu isaa mallattoo agarsiisudha,” jechuun Yuurii Saak sagantaa BBC Radio 4 Today’tti himeera.
“Ani akkan ilaalutti, wanti Raashiyaa dadhabsu kamuu, nuutin nu jabeessa.”
Marii Brics irrattis Puutin waa’ee balaa xiyyaarichaa hin dubbatiin hafe
Marii Brics Joohaanisbarg, Afrikaa Kibbaatti taasifamaa jiru irratti Pireezdaant Vilaadmiir Puutin ibsa gabaabaa viidiyoon kenneera.
Marii kana keessumeessuu isaafi miseensota gartuu Brics shanan amma jiran caalaa biyyootii birootti babal’isuu isaaf Pirezdantii Afrikaa Kibbaa Siriil Ramafoosaa galateeffaateera.
Waa’ee balaa xiyyaaraa kaleessa galgalaa ykn Yivgeenii Pirigoozhin garuu hin homaa hin dubbanne.
Puutin haasaa isaa kan taasise erga gartuun Brics, biyyootin ja’a – Arjantiinaa, Masirii, Iraan, Itoophiyaa, Saawudii Arabiyaa fi Yunaayitid Arab Emireet (UAE)- akka miseensota gartuucha akka ta’aniif affeeree booda.
Ministeerri Haaja Alaa Raashiyaa Sergee Lavroov, Afrikaa Kibaatti Puutiiniin bakka bu’uun hirmaachaa jira. Ta’us, hirmaatotta marichaaf haasaa hin taasifne.
Piriigozhin bakka hin jirretti gareen Waagnar maal ta’a?
Dursaa isaa kan ta’e Piriigozhin malee gareen Waagnar haala amma jiru kanaan dhumateeraaf jedha xiinxalaan dhimma nageenyaa BBC Firaank Gardener.
Dursaan garee Waagnar kun yeroo hedduu toora Telegiraamii garichaarratti adda of godhee of mullisaa ture. Akka loltuutti uffatee, neetiwoorkii guddaa akka diriirfatetti of dhiyeessa.
Namni hojiin isaa duraanii saanduuchii gurguru ture kun, namoota akka inni nama cimaa ta’etti afarsan waliin hariiroo uummachuun itti milkaa’eera.
Maalii irraa hanga Baha Giddu-galeessaatti biyyoota torba keessatti, keessumaa Afrikaatti milkaa’eera jedha Firaank Gardener.
Amanamaa akka ta’es dhugaa bahameeraaf; loltoonni isaa kumaatamaan lakka’aman hojii qacaramanii ajjeesuutti bobba’anis cimina akka qabanitti himamaaf.
Maqaa gaarii inni uummate kun ammoo faallaa hoggana ahumna waraana Raashiyaati. Kana jechuun ammoo isa bakka buusuun rakkisaadha jechuudha.
Waagner ‘erga fonqolcha yaalee mootummaa Raashiyaan diigame’ - xiinxalaa
Waagner ji’oota lamaan darbaniif suuta du’aa ture, erga du’i hogganaa isaanii gabaafamee ammo gartuun kun ‘filannoo muraasa’ qabaatu, jedhu hogganaan basaasaa tokko.
Loltuu waraana Biriteen kan turanii fi hoogganaan dhaabbata gorsa basaasaa Sibylline kan ta’an Jastin Kiraamp, erga Yivgeenii Pirigoozhin yaalii fonqolchaa taasiseen hin milkaa’iin hafee, egereen gartuu loltoota qacarrii kana maal ta’a kan jedhu irrattiin oduun nannaa’aa tureera jechuun sagantaa BBC Radio 4 Today’tti himeera.
Gabaasni wiirtuu ittisaa biyyaalessaa Yukireen irra ganama kana ba’e, maaddilee Beelaarus eeruun humnootni Waagner tokko tokko gara daangaa Raashiyaatti deemaa akka jiran ibseera.
Gaabasa kana irratti Kiraamp: “wanta Waagner hojjechaa jiru ykn hin jirre irratti oduu hedduutu jira, dhugaan jiru garuu ji’oota muraasa darban keessa diigameera jedheen amana,” jedhaniiru.
“Dhaabbata kanarra qeeqi cimaan ga’eera, ji’a lamaan dura humni inni qabaachuu isaa agarsiisee sana irraa mulquuf ammo sochiin suutan fi tasgabbiin gaggeeffameera.”
Piriigozhiin waliin Waagnar kan hundeessee Dimitriin Utikin eenyu?
Namni harka mirgaa Piriigozhiin tureefi isa waliin Garee Waagnar hundeessuun himame Dimitirii Utikiin kanneen maqaan isaanii xiyyaara kufee caccabee keessatti argamu keessaa tokkodha.
Eenyummaan Utikiin hanga ta’e ifatti baayyen kan hin beekamne yoo ta’u, - bara 2013 yeroo wal waraansa Siiriyaa keessa turatti garee Slavonic osoo hin makamiin dura Waraanaa Basaasaa Raashiuaa (GRU) keessa hojjachaa akka ture himama.
Gareen Waagnar maqaa masoo Utkin, kan yeroo waraana keessa ture 'Waagnar'' jedhamee ittiin waamamu irraa akka moggaasa argate himama.
Utkiin oppareshinii Waaganar bara 2014tti Yukireen, kan Kirimiiyaafi Donbaas keessatti gaggeeffame irratti hirmaachutu himama.
Innis sarbama mirga namoommaan kan himatamu yoo ta'u, kanaanis wal qabatee UK fi Niiw Zilaandiin weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwateef qoqqobbii irra kaa'aniiru.
Manni Maree Gamtaa Awurooppaa isaafi kanneen garee Waagnariin hidhata qaban kaan irratti bara 2021 keessa qoqqobbii irra kaa'ee ture.
CIA'n kana dura 'Puutin dursaa garee Waagnar haaloo ba'uu' akka barbaaduu hime ture
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutin akkamitti dursaa garee Waagnar kan ta'e Yevgeenii Pirigoozhin haaloo akka bahatan irratti yeroo bitachaa jiru jechuun Daayirektarri Olaanaa dhaabbata basaasa Ameerikaa (CIA) Adoolessa keessa dubbatanii turani.
Yevgeenii Pirigoozhin Adoolessa keessa Raashiyaarratti fincila sa'aatii 24 qofaaf ture gaggeessee ture.
Fincilli sun ammoo dadhabina bulchiinsa Putiin sirriitti kan mul'iseedha jechuun daayireekatarri CIA Wiiliyaam Barnis yeroos dubbataniiru
Yaada kana bulchiinsi Putiin hin fudhatu.
Oduu Piriigozhiin du’uu mala jedhuuf deebii Yukireen
Gazexeessaan BBC Jeems Wateerhawuus kan Kiyiiv jiru akka himutti, namootni Yukireen keessa jiran Piriigozhiiniif danuu hin gaddine,. Taateen kunis Raashiyaa keessatti ‘hokkora’ akka uumuuf abdatu.
“Kun hogganaa gartuu loltoota qacarriin hojjetanii kan Yukireen keessatti lola hamaa gageessaniidha,” jedha.
“Namni hundi hanga waan mirkanaa'e dhaga’anitti ykn hanga viidiyoo Pirigoozhin du’uu isaa agarsiisu arganitti, oduu du’a isaa guutummaatti hin amanani – ta’us Yukireen keessa namootni sana hawwan hedduudha.”
Lammileen Yukireen hedduun Vilaadmir Puutin ‘karaa kamiinu akka fonqolchamu’ hawwaa turaniiru, fincilli Pirigoozhin ammoo hin milkaa’in hafus, akka jalqabbi galma sanaatti ilaalama.
Taateen kun “ hawwii dhokataa akka bulchiinsi Puutin kufuuf jiru kan gabbisudha,” jedha Watarhawuus.
Gargaaraan pirezdaantii Yukireen Mayikhaalo Podolaayik miidiyaa hawaasummaa isaa irratti, balaan xiyyaaraa kun “ filannoo 2024 dura Putiin olaantota Raashiyaaf ‘Of eegadha! Amantaa gatuun du’aan qixxeedha’ jechuun akeekkachisa kennudha’ jechuun barreesseera.
Reeffa namoota balaa xiyyaarichaatiin du’an hundaa arganneerra- Aanga’oota Raashiyaa
Tajaajilliwwan yaroo atattamaa Raashiyaa reeffii imaltoota jeettii Embraa’er Legaasii kan balaan irra qaqabee keessa turan 10nun arganne jedhe.
Akka aanga’oonni biyyattii jedhaniitti, kanneen xiyyaaricha keessa turan keessa Hoogganaan garee Waagnar Yevgeeny Piriigoozhiin fi ittaana isaa lammaffaan Dimitirii Utkiin kan garee mindeeffamtootaaf maqaasaa kennee keessa turan.
Amma ijoo dubbii ta'ee kan jiru balaa sana maaltu qaqabsiisee kan jedhudha.
Poolisiin biyyattii bakka balaan itti qaqqabee kan daangeessee yoo ta’u, Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Raashiyaa ammoo dhimmicha ilaaluuf komishinii addaa hundeesseera.
Wayita kaleessa oduun hoogganaan Waagnar ajjeefamunsaa dhagahameetti lammiilee Raashiyaa baayyeen hin dinqisiifanne.
Piriigoozhiin baatii lamaan dura wayita fincilafashale eegaluun, aangoo Vilaadmiir Puutiin irratti rakkoo huumee ture. Taateen kunis kan pirezidantiin Raashiyaa Puutiin akka laayyoottii dhiifama hin taasifneef ture.
Puutin du'uu Piriigozhin irratti hanga ammaatti hin dubbanne
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin dursaan garee Waagner du'uu gabaafame ilaalchisee hanga ammaatti waayyu hin dubbatiin jira.
Puutin galgala yeroo du'uun Piriigozhin gabaafametti Waraana Addunyaa II waggaa 80 ilaalchisuun Noonnoo Kuuriskitti haasaa yeroo taasisan mul'atanii booda jeettiirra turan.
Yeroo haasaa Waraana Addunyaa II yaadachuuf haasaa taasisanitti, Raashiyaanota 'opereeshinii addaa' ittiin jedhan Yukireen keessatti ajjeefamaniif gadda ibsaniiru.
Yeroo kanatti garuu waa'ee Waagner ykn Piriigozhin waan tokkollee hin dubbanne Puutin. Kun garuu waan nama ajaa'ibu miti. Tarii Puutin waa'ee xiyyaara caccabee ilaalchisuun odeeffannoon sirrii karaa idileetiin qophaa'utti eegu ta'a.
Puutin taateewwan jajjaboo akkasii kanarratti dafanii dubbachuu hin fedhan. Yeroo hedduu 'mee hubannee boonya' ilaalcha jedhu qabu.
Waayee balaa xiyyaaraa hoogganaa waagnar ajjeese jedhamee hanga ammaa maal beekna?
Hoganaan Waagnar, Piriigozhiin, eenyu?, Pireezidant Vilaadmiir Putiin harkumasaaniin muudanii kiyyoo seenan.
Humna waraanaa idilee Raashiyaa qeeqaa kan ture hoogganaan garee Waaginar Yevgeny Piriigozhin, loltoonni isaa buufataalee waraanaa murteessoo ta'an akka to'ataniif Waxabjji keessa duula ajajee ture.
Pireezidant Vilaadmiir Putiin harkumasaaniin muudanii kiyyoo seenan. Gochi kun ''gantummaadha'' jechuun aariidhaan dubbatan yeroo sanatti.
Adabbiin akka nama kana eeggatus eeran. Erga kana jedhanii garuu achumaan badan.
Haata'u malee Pirigozhin osoo jeequmsi hin hammaatin loltoonni isaa fincila dhaabuun Raashiyaa keessaa akka ba'an ajaje.
Wayita Raashiyaan bara 2022 Yukireen weerartu Prigozhin akka hoogganaa Waaginaritti hirmaachuun bakka guddaa qabate.
Loltoonni Waaginar bakka Raashiyaan haleellaa hamaa raawwattu hundatti dura bu'anii mul'atu, keessattuu adda waraanaa Baakmuut irratti.
Akkuma waraanni itti fufaa deemeen garuu Prigozhin humni waraanaa Raashiyaa ''weerara Yukireen guutummaatti milkeessuu dhabuusaatti,'' hooggantoota waraanaa biyyattii akkaan qeequu eegale.
Garuu Pireezidant Putiin kallattiin qeequurraa of qusateera. Putiin waliin michummaa guddaa qabu, durii kaasanii waliin turan.
Namni duraan beekamtii homaatuu hin qabne kun akkamiin waraana biyyattii keessatti dhiibbaa guddaa uumuun beekamtii haga kana horate? Raashiyaadhaan mindeeffamee akkamiin biyyattii keessatti fincila hoogganuurra ga'e?
Yevgeny Prigozhin eenyu? Piriigozhiin,eenyu?
Suura xiyyaara dursaa Waagnar bakka kufetti
Suuraaleen kunneen xiyyaara dursaa garee Waagnar warra Raashiyaa keessa ajja jiru himameefi kufee caccabedha.
Suuraaleen kunneenis Raashiyaa keessaa bakka xiyyaarri Piriigozhin fa'i keessa jiru jedhame itti kufee, namoonni achi jiran kaasuun BBC'f kan erganidha.
Suuraawwan kunneen hojjataa BBCtiinis bakka sanarraa ta'uun isaa mirkanaa'eera.
Gareen mindeeffamtoota Waagnar Raashiyaa dhiphisaa turan eenyuu?
Waa’ee Garee mindeeffamtoota Waagnar fi hoogganaa saanii waa’ee Yevgeeny Pirigozhin baayyee dhageenyeerra ta’a.
Garuu Gareen mindaafamtoota Waagnar eenyuudha?
Mindeeffamtoonni (mercenaries) namoota itti amananii osoo hin taanee mallaqni waan kanfalamuuf waraana irratti hirmaatan jechuudha.
Gareen kun qaama looltoota idilee miti. Akka Mootummoota Gamtoomaniitti, seera idil-addunyaa jalatti waraana hidhannoo keessatti namoota maallaqaan miindeeffamanitti fayyadamuun seeraan ala.
Akkam jirtu?
Tamsaasa kallattii waa'ee jeettii dursaa Waagnar fi kaan qabattee kufterratti isiniif dhiyeessuu eegalleerra.
Jeettiin dhuunfaa Dursaa Garee Waagnar Piriigozhin dabalatee namoota 10 qabattee turte kuftee caccabuu/gubachuu aanga’oonni Raashiyaa ibsaniiru.
Akka odeeffannoo Aveeshinii Raashiyaa irraa argaman mul’isanittis namoota balaa kanaa du’an keessaa tokko hogganaa garee kanaati. Want hanga ammaatti beeknu keessaa:
• Piriigozhin namoota du’an keessaa tokko to’auu
• Xiyyaarri kan Piriigozhin taate kun yeroo kuftetti namoota torbaafi hojjetoota xiyyaarichaa sadii qabattee Mooskoorraa gara Piitarsibargitti balali’aa turte.
• Reeffi namoota 10 argamuu gabaasaaleen mul’isaniiru.
• Akka miidiyaaleen raashiyaa gabaasanitti, xiyyaarri walakkaa saatiif qilleessarra turte yeroo kuftu ibiddi itti qabate
• Haata’u malee, toorri Telegiraamii garee Waagnar waliin hidhata qabu Grey Zone tokko jedhamu jeettiin kun humna waraanaa Raashiyaatiin rukkutamte jedhe.
• Aanga’oonni Raashiyaa ammoo xiyyaara kufee caccabe kanaaf sababni maal ta’a kan jedhurratti qorannoo jalqabuu dubbatu
• Piriigozhin michuu Puutin isa murteessaa ture, garuu hariiroo isaan qaban erga Piriigozhin Waxabajji keessa garee Waagnar Puutin irratti fincila fashalaa’e gaggeessanii hammaateera.
• Yeroo oduun xiyyaarri kun caccabuun isaa himametti Pirezidant Puutin wagga 80ffaa waraana Sooviyeet ilaalchisuun haasaa taasisaa turan.