'Putin ammallee dursaa garee Waagnar haaloo bayachuu barbaaduu malu' - CIA

Maxxanfame

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutin akkamitti dursaa garee Waagnar kan ta'e Yevgeenii Pirigoozhin haaloo akka bahatan irratti yeroo bitachaa jiru jedhe Daayirektarri Olaanaa dhaabbata basaasa Ameerikaa (CIA).

Yevgeenii Pirigoozhin dhiyeenyuma kana Raashiyaarratti fincila sa'aatii 24 qofaaf ture gaggeessee ture.

Fincilli sun ammoo dadhabina bulchiinsa Putiin sirriitti kan mul'iseedha jedhan daayireekatarri CIA Wiiliyaam Barnis.

Yaada kana bulchiinsi Putiin hin fudhatu.

Pirezidantiin Raashiyaa dursaa Waagnar irratti haaloo bayachuu barbaadu jechuun qondaalli kuni Fooramii Nageenyaa Aspen irratti dubbatan.

Putiin dursaa Waagnar haaloo bayachuuf akkamitti akka wajjiin hojjachaa yeroo bitataa akka jiran ibsu qondaalli US kun.

Gareen Waagnar ammas taanaan bakkeewwan akka Afrikaafi Sooriyaa keessatti Raashiyaaf fayidaa waan buusuf Putiin garichaafi gaggeessaa garichaa addaan baasuu irratti hojjachuu akka yaalan himu Wiiliyaam Barnis.

"Muuxannoo koorraa Putiin nama haaloo bayachuun beekamuudha. Pirigoozhin adabbii jalaa yoo bahe na ajaa'iba," jedhan.

Jalquma ji'a kanaa Pirezidantin US Joo Baayidan dursaan Waagnar Yevgeenii Pirigoozhin summii nyaachifamuu danda'a jedhanii turan.

"Osoon isa [Pirigoozhin] ta'ee, waanan nyaadhurratti of-eeggannoon taasisa," jedhanii turan Baayidan.

Daayireektarri CIA Wiiliyaam Baarnis yaaduma Baayidan kana deeggaruun, "Osoon Pirigoozhin ta'ee, nama nyaata naaf dhandhamu hin ari'u" jedhan.

Waa'ee fincila Waagnar Raashiyaatti gaggeessee ture dhaabbanni tika Ameerikaa (CIA'n) dursee odeeffannoo bal'aa akka qabus mirkaneessan qondaalli kun.

Jeneraalli waraana Raashiyaa Sargee Surovikin, waa'ee fincila Waagnar gaggeessee dursee odeeffannoo gahaa kan qabu, akka barbaadetti socho'uu akka hin dandeenye daayirektarri CIA kun himan.

Fincilli Waagnar bara Puutin waggaa 23 aangorra turan keessatti qormaata kallattiin isaan mudateedha - waraana Yukireen irratti labsan dabalatee sirrii akka hin taane kan agarsiisedha.

Waraanni Raashiyaan Yukireen irratti labsite oduu sobaa irratti kan hundaa'e akka ta'e dubbatee akka ture himu Wiiliyaam Barnis.

Yevgeenii Pirigoozhin osoo garee waraana dhuunfaa Wagnar hin hundeessin dura Puutiniifi qondaalota waraanaaf nama nyaata dhiyeessu ture.

Kanarraa kan ka'e nama Putinif ittoo hojjatu jedhamuun beekama ture.

Fincilli garee Waagnar sa'aatii 36'f ture biyyattii keessatti namoonni Putiin hanga alaa mul'atu golli isaa qullaa ta'uu akka yaadan godheera dursaan CIA kun.

Yukireen ammoo amma haleellaa gaggeessaa jirtuun Raashiyaarratti yoo milkoofte, lammiilen Raashiyaa isa Pirigoozhin waraanni Yukireen irratti labsame oduu sobaarraa ka'eeti jedhe sanatti gurra akka kennan dubbatan Wiiliyaam Barnis.

Haa ta'u garuu, ofirraa qolachuu caalaa haleellaa gaggeessun gatii akka nama baasisu kaasun, loltoonni Raashiyaa ji'oota hedduuf dahannoo qopheeffatanii eegaa akka turanis dubbatan.

"Yeroo dheeraa fudhata, [dirree waraanatti] milkaa'ina argachuun salphaa waan ta'uu miti. Garuummoo abdii hin kutadhu," jedhan dursaan CIA kun.