Yooyyaa!
Babaaroo, fafayyumaa!
Gabaasi kallatti ka Caamsaa 16 bara 2020 armarraa jalqabata.
Dhiyaadhaa!
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obaamaan sirna eebbaa barattoota kolleejjii irratti ergaa karaa interneetaa dabarsaniin weerarri kun ''hoggantootni baay'een inumaayyuu bakkichaaf akka hin taane nutti agarsiise'' jedhan.
Babaaroo, fafayyumaa!
Gabaasi kallatti ka Caamsaa 16 bara 2020 armarraa jalqabata.
Dhiyaadhaa!
Pininaa Tamanoo –Shaataa durbartii hidda dhaloota Itoophiyaa qabdu si'a duraaf sadarkaa ministiraa Israa’eelitti muudamtedha.
Pininaa Tamanoo miseensa paarlaamaa biyyatti yoo taatu,bara 1980 keessa opporeeshinii iccitiin biyyatti raawwatteen Israa'el seente.
Amma sadarkaa ministirummaatti MM ittaanaa biyyatti Beenii Gaantezitu filate.
Paartii Ministira Muummee Beenjamiin Neetanaahoo wajjiin erga tokkomanii booda sadarkaa kanaaf filatan.
Muudamni ministiroota biyyatti yeroof harkifatee turus, Pininaa Tamanoon boru waadaa seenuun muudamuuf jiru.
Hawaasni Jiwishoota Itoophiyaarraa gara Israa’eelitti fudhataman cunqurfamuu himaataa turan.
Poolisoonni biyyatti tarkaanfii humnaa irratti fudhatu karaatti bahaanis mormaa, poolisootan walitti bu’aa turan.
Jiwishoonni hidda dhaloota Itoophiyaa qaban 140,000 Israa’eel keessaa iddoo hiyyummaa fi hojii dhabdummaan hammaatu jiraatu.
Ijoolleen isaanii Israa’el keessatti dhalatan garuu, humna waraana fi siyaasaa biyyatti keessatti hirmaachuun milka’aanis jiru.
Hojjataan mootummaa Zimbaabuwee odeeffannoo dhukkubsattuu Covid-19 qabamtee tokko garee WhatsApp irratti qooduun shakkame mana murtiitti dhiyeeffame.
Magaalaa guddoo biyyatti Haraareetti namni Jiimii Milaangaa jedhamu sambata darbe dhiyeeffamuu gaazexaan biyyatti gabaaseera.
Himannaan irratti dhiyaates, odeeffannoo haala fayyummaa dhukkubsattuu kanaafi wal’aansa ishee illaallatu qooduu isaati.
Abbaan alangaa mana murtiitti akka himetti,namtichi eenyummaa dhukkubsattuu vaayirasichaa fi nama tuttuqaa wajjin qabdu ibseera.
Miseensonni garee WhatsApp akka namoota barreeffamicha arganiitti ragaaf tarreeffamusaanii gaaxezaan biyyatti gabaasera.
Zimbaabuweetti namoonni 37 vaayirasichaan qabamuun kan gabaafame yoo ta’u, namoonni 4 vaayirasichaan lubbuu dhabaniiru.
Chaayinaan hariiroo Ameerikaa wajjin qabdu cimsuuf waamicha dhiyeessite
Pirezedantiin Ameerikaa garuu, hariiroo Chaayinaa wajjin qaban addaan kutuuf doorsisan.
Beejing weerara koronaavayirasii to’achuuf tumsa Ameerikaa barbaachisa jetti.
Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa,mootummoonni biyyoota lamaanii 'weerara vaayirasii qolachuurratti waltumsuu qabana‘ jechuun waamicha dhiyeesse.
Tiraamp garuu Chaayinaan weerara vaayirasii to’achuurratti hojii quubsaa hin hojjanne jechuun kaleessa qeeqaa turan.
Bulchiinsa Shijiyaang keessatti Chaayinaan mirga muslimoota Ugihurs sarbiti jechuun seneetiin Ameerikaa wixinee seeraa balaaleffannaa erga raggaasisee hariiroon biyyoota lamaanii qorraa adeeme.
Walakkeessa Fulbaanaatti booyyee miiliyoona 10 ta'u ajjeefamuu danda'u jechuun dhaabbanni indaastirii Booyyee Ameerikaa bakka bu'u akeekkachiise.
Kaawunsiliin Omishtoota Booyyee Biyyaalessaa akka jedhetti qotee bultoonni booyyee horsiisan gara warshaa erguu waan hin dandeenyeef ajjeesuu qofadha filannoonsaanii jedheera.
Akkas hin godhan taanaan qotee bultoonni iddoo horsiisaa fi bineeldotaaf immoo nyaata gahaa hin argatan.
Warshaaleen foonii US sababa weerara koronaavaayirasiin cufamaniiru yookiin humnisaanii gad bu'eera. Dandeettiin foon booyyee qopheessuu %40 gad bu'eera.
Warshaalee foon qopheessan keessatti hojjattoonni 14,000 vaayirasichaan yoo qabaman 54 immoo du'aniiru jedha gabaasni CBS News.
Sudaan Kibbaa Kamisa kaleessaa nama koronaavaayirasiin qabamee du’e kan jalqabaa galmeessuu ragaan mootummaa biyyattii irraa argame mul'ise.
Akkasumas guyyaadhuma kanatti namoonani haaraa vaayirasichaan qabaman 28 galmeessuun himameera.
Wayita ammaa kanattis walumaagalatti namoonni biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 231 gahuun himameera.
Keessattuu jiddugala baqattootaa dhiheenya magaalaa guddoo biyyattii Juubaatti argamu keessattis namoonni vaayirasichaan qabaman argamunsaanii soda olaanaa umeera.
Dhaabbanni Fannoo Diimaa Addunyaa akka himeetti, buqqaatoonni kuma 30 ta’an haala walitti sissiqeen jidduugala baqannaa kana keessa jiraachunsaanii haala tatamsa’ina vaayirasichaa to’achuuf baayyee rakkisaadha jedheera.
Namni amma vaayirasichaan lubbunsaa dabarte kunis gaheessa umuriin waggaa 51 fi nama biyyattii keessatti sadarkaa olaanaarra turan ta'uu aanga’oonni fayyaa biyyattii himaniiru.
Haa ta’u malee eenyummaa nama kana ilaalchiisee gadi fageenyaan kan himame hin jiru.
Qorannoo sa'aatii 24 darban namoota 3,707f taasifameen namootni 15 koronaavaayirasiin qabamauu Ministeerri Fayyaa ibsa har'aatiin himeera.
Kunis lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii gara 287'tti ol guddiseera.
Namoonni vaayirasichi irratti argame hundi isaanii dhiira, lammii Itoophiyaa yoo ta'an umuriin isaanii ganna 17 - 38 jidduu jira.
Namoonni 8 Finfinnee, 2 Beenishaangul Gumuz (Gubaa), 1 Afaar, 1 Matammaa, kan hafan 3 ammoo Jigjigaa irraa qabaman.
Finfinneen alatti kanneen argaman kan adda baafamanii turanidha.
Dabalataan namoonni 4 vaayirasicharraa kan bayyanatan yoo ta'u, kanneen bayyanatan 112 gahaniiru.
Meeshaaleen waraanaa seeraan alaa kumaatamaan lakkaa’aman to’atamuu anga’oonni Naannoo Amaaraa ibsaniiru.
Meeshaalee kunneen keessaa shugguxii 5,000 ji’oota sagal darbanitti qofa to’atamuun beekameera.
Kilaashii 2,104, shugguxii 5,272 fi xiyyitii 168,774 meeshaalee waraanaa to’annoo jala oolan keessaa ta’uudha biiroon dhimma nageenyaa naannichaa kan beeksise.
Meeshaalee kontiroobaandiifi beeyiladoota 11,658 ‘daddabarsitootaafi saamtota’ harkaa to’achuus kan hime biiroon kun, daddabarsitoonni seeraan alaa 225 fi saamtonni 2,446 hidhamuus dabalee ibseera.
Itoophiyaatti waggoota sadan darbanitti daddabarsi meeshaalee waraanaa seeraan alaa babal’achuun nageenya biyyattii balaarra buusaa jiraachuu himama.
Koroonaavaayirasiin weerara jedhamee erga labsamee as, lammiileen Itoophiyaa baqattummaan jiraataniifi ragaalee seera qabeessa hin qabne 10,000 ta’an biyyatti akka deebi’an taasifameera.
Baqattoonni kunneen heddumminni isaanii biyyoota Giddu-gala Bahaa irraa kan deebi’an ta’uusaati eejansiin baqattootaa UN, BBC’tti kan hime.
Isaan keessaa namoonni 11 ta’an Bitootessa darbe gara Afriikaa Kibbaatti koonteenaraan osoo imalanii balaa hamaa mudaterraa kan oolanidha.
Roobii darbe buufata adda baafamuun kaa’aman keessaa kan ba’an yoo ta’u, guyyoota muraasa keessatti maatii waliin akka wal-argan eegama.
Baqattoonni yeroo deebifaman, adeemsichi haala fayyummaa isaanii eegeen ta’uun mirkanaa’uu qaba. Kanaaf, tarkaanfii yeroo kaan hin fudhanne fudhachaa jirra jedhe IOM.
Yeroo weeraraa akkasiitti sochiin baqattootaa heddumminaan daangaawwan irratti taasifamu hin gorfamu jedheera.
Biraazil guyyaa Kamisa kaleessaa qofa namoota haaraa 13,944 Covid-19n qabaman galmeessuu beeksiifte.
Biraazil Ameerikaa Kibbaa keessaa biyya ummata hedduu qabdu yoo taatu, hanga ammaatti namoonni 202,918 vaayirasichaan qabamu beeksifte jirti.
Kana malees lammiileeshee 13,933 vaayirasiidhuma Kanaan lubbuusanii dhabuu himte
Oggeessoonni biyyaattiin amma sadarkaa weerara vaayirasichaa isa olaanaarratti argamti yoo jedhanilleen, pirezidaantiin biyyattii Jaa’ir Boolsonaaro ammoo oggantoonni daldalaa uggurri akka biyyaatti kaa’ame akka kaafamuuf dhiibbaa akka taasisan gaafataa jiru.
Magaalaa Chaayinaa, Wuhaan, bakka bara darbe koroonaavaayiras irraa ka'e keessatti namoonni vaayirasichaan qabaman muraasni waan argamaniif, jiraattonnishii guutuu akka qorataman taasifama jira.
Jiraattonni miiliyoona 11 ta'an kaampiiwwan dunkaanaa yeroo, bakkee bashannanaa, bakka dhaabbii konkolaataa, fi nannoo manneen jireenyaatti qophaa'anitti vaayirasicha qabaachuu isaanii mirkaneessuuf kan qorataman ta'a.
Chaayinaan jiraattota magaalattii miliyoona 11 kana guyyaa 10 keessatti qorattee xumuruuf karoorsite.
Dhuguma kan milkeessuu dandeessii?
Saayintistonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waggaa tokko keessatti lammiileen Afriikaa miiliyoona 250 ta'an koronaavaayirasiidhaan qabamuu danda'u jedhan.
Qorannoon 'BMJ Global Health' irratti maxxanfame akka agarsiisutti lammiileen Afriikaa 150,000 - 190,000 ta'an sababa Covid-19 du'uu danda'u.
Namoonni miiliyoonaa 5.5 ta'an yaala hospitaalaa barbaaduu danda'u. Kunis tajaajiloota yaala busaa fi HIV irratti dhiibbaa uumaa jira.
Tatamsa'inni koronaavaayiras Afriikaa keessatti saffisaan tatamsa'uu baatus kaampii buqqaatotaa Suudan Kibbaatti mul'ateera.
Raashiyaan qamadii toonii kuma 25 deeggarsa namoomaa taasisuuf Kooriyaa Kaabaatiif ergushee, imbaasiin ishee Piyoongiyaangiitti argamu beeksise.
Imbaasichi akka jedheetti hojjattoonni doonii of adda baasuun kan turan yoo ta’u, qamadiin fee’ames buufata addatti qophaa’eerraa kan geeffame ta’u himeera.
Gabaasni Ebla keessa Dhaabbata Biyyoota Gamtooman-UN barraa’e tokko Koriyaa Kaabaatti namoonni miliyoona 10 ta’u hir'ina nyaataa cimaadhaaf saaxilamu akka danda’an akeekkachiisee ture.
Haa ta’u malee deeggarsi midhaan amma Raashiyaan ergame kun kanneen Covid-19n miidhamaniifi ykn isaan hir'ina nyaataa mudateef kan oolu akka ta’e wanti barame hin jiru.
Koriyaan Kaabaa garu hanga ammaatti namni vaayirasichaan qabame tokkolleen jiraachu hinbeeksifne.
Chaayinaan namoota vaayirasii biyyuma keessatti daddarbeen qabaman haaraa afur adda baasu himte.
Namoonni amma qabamunsaanii mirkanaa’e arfanu kan mandara Kaaba-baha Jiliin bakka amma akka jiddugala weerariichaatti ilaalamtu keessatti argaman jedhame.
Bulchiinsichatti Magaalaan Shulaan qaata uggura jala olfamte.
Magaalaan Jiliin kan maqaa bulchiinsa kanaa qoddattu ammo, erga namoonni vaayirasichaan qabaman jaha keessatti argamaniin booda gartokkeen uggura jala galfamtee turte.
Weerarri vaayirassichaa sochii diinagdee laamshessaa jiraachuun wal qabatee addunyaan maallaqa doolaara tiriiliyoona 5.8 hanga 8.8 dhabuu akka dandeessu himame.
Akka tilmaama Baankii Misoomaa Eeshiyaatti kuni oomisha diinagdee addunyaa waliigalaa keessaa dhibbeentaa 6.4 hanga 9.7 ta'a.
Maallaqni diingadeen addunyaa sababa weerara kanaan dhabde kan baatii darbee kan baankichi tilmaameen oli.
Tilmaamni kun kan hojjetame uggurri sababa weerara kanaatiin labsame kan diingdee biyyootaa laamsheshe yoo dheerate ji'a jaha yoo gabaabbate ammoo ji'a sadi tura yaada jedhuuni.
Deebineerra!
Gabaasa kallattii keenya kan Caamsaa 15 bara 2020 asirraa eegala.
Gabaasa kallattii guyyoota darbanii asii argattu.
Nagaan oolaa!