Keeniyaan bara dhuftu loltootashi Somaaliyaatii baasuufi
Loltoonni Keeniyaa haleellaa hidhattoota al-Shebaab dhaabsisuuf Somaaliyaatti waggaa salgan kana ergaman .
Loltoonni Itoophiyaa, Yugaandaa,Jibuutii fi Burundiis qaamolee tika Somaaliyaa tumsuuf ergaman.
Loltoonni Keeniyaa xumura bara dhufuutti wayita biyyattii keessa bahanitti, loltoonni Somaaliyaa humnoota ergama Gamtaa Afrikaa raawwachuuf biyyatti keessa buufataniirra akka fudhataniif karoorfamuu gaazexaan’Daily Nation’gabaaseera.
Keeniyaan loltoota bara 2011 gara Soomaaliyaatti ergite hordofuun haleellaan hidhattoota al-Shabaabiin irra deddeebi'ee qaqqabeera.