FA Cup: Cheelsii 2-0 Kiristaal Paalaas mo'achuun xumura Waancaa FA gahe

Maxxanfame

Cheelsiin kilaba Kiristaal Paalaas mo'achuun xumura dorgommii FA Cup kan qaqqabe yeroo tahu, waqtii taphaa baranaan marroo lammeessoof Livarpuul wajjiin Wembileetti taphatu.

Tapha Waancaa Carabao Guraandhala keessa taasisaniin Liivarpuul Cheelsii injifachuun geebicha kan fudhate oggaa tahu, Cheelsiin tarii haaloo bahuuf carraa biraa argateera.

Tapha guyyaa Dilbataa kanaan Ruben Loftus-Cheek fi Mason Mount gooliiwwan galchan lamaan Cheelsiin mo'achuu danda'e.

Guyyaa Sambataa walakkaa-xumuraa dorgommii kanaaf kan walarganii turan Livarpuul fi Maan Siitiin, 3 fi 2n xumuramuun Liivarpuul tapha xumuraaf darbeera.

Taphichi hanga daqiiqaa 65tti gama lamaanittuu goruu kan danda'u wayita tahu, taphataa miidhamaan bahe Mateo Kovacic geeddaruun kan gale Loftus-Cheek kubbaa haalaan rukuteen Cheelsiin durse.

Paalaas gamasaaniin carraa argatanii turan - keessattuu yaaliin Cheikhou Kouyate taasise galchii eegaan Cheelsii Eduwaard Meendii jalaa fashaleesseera.

Erga Meesan Maawunt galchii lammeessoo lakkoofsise booda, Cheelsiin taphicha mo'achuu isaanii waan beekkatan fakkaatu ture - kana jijjiirun Paalaasiif salphaa hin turre.

Cheelsiin walitti aansuun yeroo sadaffaaf xumura FA Cup gahaniiru - isaan lamaan dabran garuu hin milkoofne. Isa tokko Arsenaaliin, kaan ammoo Leestar Siitiin mo'atamanii Waancaa fudhachuurraa hanqataniiru.

Leenjisaan isaanii Tomaas Tuchel erga qacaramee booda taphoota xumuraaf Cheelsii qaqqabsiisuun seenaa gaarii qaba.

Livarpuul seenaa isaanii keessatti bara tokkotti waancaawwan afur kaasuuf kan yaalaa jiran oggaa tahu, Cheelsiin morkattoota isaanii cimoodha.

Dorgomiiwwan afran Liivarpuul milkeessuuf yaadu: Pirimeer Liigii Ingiliiz, Chaampiyoons Liigii UEFA, FA Cup fi Carabao Cup. Kanneen keessaa haga ammaatti tokko fudhateera.

Cheelsiin taateewwan dhiyeenya kana kilabichatti raawwatan of duuba gochuun, taphattoonni xiinsammuu mo'achuu qabu. Keessattuu Chaampiyoons Liigii Awurooppaarraa kilaba Riyaal Maadiriidiin mo'amanii taphichaan ala erga tahanii booda, isa dandamatanii tapha Dilbataa irra aanuu danda'aniiru.

Kilabni Cheelsii waraana Yukireenitti jalqabame hordofee, abbaan qabeenyaa kilabichaa lammii Raashiyaa Roomaan Abiraamoovich irratti uggurri kaa'amuu hordofee fuuldurri isaa gaaffii keessa galeera.