Paris St-Germain 2-0 Manchester City: Liyoonel Meesii PSG'f goolii jalqabaa Maan Siitii irratti galche

Lionel Messi

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lionel Messi Shaampiyoons Liigii irratti goolii 121 lakkoofsiseera - 120 Baarseloonaaf, takka ammoo PSGf
Maxxanfame

Liyoonel Meesii erga Paris St-Germain dhufe goolisaa jalqabaa tapha garee Chaampiyoons Liigii Maanchistar Siitii wajjin godhanirratti galche.

Meesiin erga Baarselonaarraa godaanee PSGf tapha afur kan taphate oggaa tahu, gidduu dirreedhaa kubbaa argate fiigee gara galchii Maan Siitiitti gulufe. Achiis Kiiliyaan Mbaappee wajjin gabaabbinaan erga walitti kennanii booda, fageenyarraa rukutuun goolii ajaa'ibaa galcheera.

Wayita Meesiin kubbaa kana saaphanarra buusu deeggartoonni istaasiyoomii Parc des Princes keessa jiran haalaan gammachuusaanii ibsan. Meesiif ammoo gooliin Kibxata galgalaa tun, galchii Baarsaaf haga har'aa galche 672 irratti tokko ida'uun 673 guuteera.

Tapha PSGn 2 fi 0n injifate kanarratti Idrissa Gueye galchii ishee jalqabaa haala dassaan lakkoofsise.

How Lionel Messi scored his goal

Madda suuraa, Opta

Ibsa waa'ee suuraa, Lionel Messi (lakkoofsa 30) akkamiin galchii akka galche

Siitiin carraa kubbaa goolii tahan hedduu kan argatan tahus galchiitti geeddaruu hin dandeenye. Keessaafuu Rahim Isterling kan utubaa goolii rukutee deebi'uun, Bernaardoo Siilvaan ammallee goolii duwwaa fuuldurasaa jiru dhiisee utubaatti buuse.

Siitiin yaalii gara gooliitti taasisan torba kan yaalan tahus, karra eegaa yeroo duraaf Shaampiyons Liigiirratti hirmaate Gianluigi Donnarumma irra aanuu hin dandeenye.

Meesiif gooliin kaleessaa waan garagaraan adda turte. Taphoota sadan hiriire irratti galchii galchuu dhiisuun alatti, kubbaa gooliif tahu mijeessee galchuu hin dandeenye ture.

Kana malees galchi kaleessaan tapha Chaampiyoons Liigii irratti kilaba leenjisaa Pep Gaardiyoolaan durfamu irratti goolii torba galcheera. Gaardiyoolaan leenjisaa Baarseloonaa tahuun hojjeteera.

Siitiin erga Fulbaana 2018 Lyon'in 2 fi 1n mo'atamanii booda taphoota gulaallii garee 18 walitti aansuun kan hin mo'atamne yoo tahu, imalli isaanii kunis kaleessa goolabameera.