Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liyoonel Meesiin aariin dirree keessaa bahe, Kiristiyaanoo Ronaaldoon goolii galchuu itti fufeera
Liyoonel Meesiin dirree PSG irratti tapha yeroo duraaf jalqabarraa eegalee taphate irratti, boqonnaan booda jijjiiramee wayita bahu, kilabni isaa taphicha mo'ateera.
Kilabni Meesiin barana itti makame Paris St-Germain, Liyooniin mo'achuun taphoota jaha keessaa jahanuu mo'achuun gabatee Ligue 1 kan dursaa jiru oggaa tahu, Mesiin tapha kanarratti yeroo lama yaaliiwwan jajjaboo taasisuus hin milkoofne.
Wayita qabxiin taphaa 1-1 tahetti, Achraf Hakimi'n kan geeddarame bahe oggaa tahu, wayita bahuttis aariin irratti mul'ata ture.
Taphataan gameessi kun wayita dirreedhaa bahu deeggartoonni harka rukutaafi turan - ol ka'anii garuu hin gaggeessine.
Gama kaaniin ammoo waggootaan booda gara Maan Yunaayitidiitti ka deebi'e taphataan ganna 36 Kiristiyaanoo Ronaaldoo milkiin waan galteef fakkaata.
Ronaaldon tapha kilabnisaa Westihaam wajjin taasiseerratti goolii tokko galchuun, Maan Yunaayitid 2-1 West Haam injifateera.
Tapha kanarratti West Haam xumura taphichaarra rukuttaa peenaalitii argatee kan ture wayita tahu, kana rukutuufis Maark Noobil jijjiiramee kan gale tahus, goolii eegaan Maan Yunaayitid David de Gea oolcheera.
Jeesii Liingaard ammoo galchii ishee lammaffaafi kan kilabasaa mo'ichaan galchite daqiiqaa 89ffaarra kilabasaa duraanii irratti galcheera.
Ronaaldoon tapha kanarratti galchii tokko callaan haa bahu malee, yaaliiwwan hedduu goolii tahuu malana goolii eegaan morkataa Faabiyaanskii jalaa fashaleesseera.
Maqaa masoo 'The Red Devils' jedhamuun kan yaamaman Maan Yunaayitid, gahumsa Chaampiyoons Liigii irratti agarsiisaniin qeeqamaa turan. Taphni gaafa Kibxataa taasifameen 2-1n mo'amaniiru.
Haa tahu malee tapha kaleessaarratti liigiicharrattti gahumsa dirreen ala taphatanii mo'achuu isaanii kan itti fufsiisan oggaa tahu, taphoota amma duraa 29 dirreen ala taasisaniin hin mo'amin as gahaniiru.
Meesiitti ennaa deebinu - guyyaan kaleessaa Meesiif guyyaa haaraa turte. Taphni sadaffaa kilabichaaf taasise, erga Baarseloonaatii kilaba biraaf tapha sadaffaa taasise isa jalqabaati.
Erga kilabichatti makamee tapha jalqabaa taphachuuf guyyoota 40 itti fudhate - kuniif sababa jabina qaamaafi tapha biyyasaaf taphachuuf boqonnaa fudhateen akka tahe himameera
Meesiin taphoota haga ammaan Neeyimaar wajjin kubbaa walii kennuun tapha gaarii agarsiisaa jirus, akka waliigalaatti garuu garicha wajjin walsimee haalaan taphachuuf hojii kan barbaadudha.