Nice 1-0 Marseille: Taphataan qaruuraa itti darbatameen dha'amuu hordofee taphni adda cite

Madda suuraa, Getty Images
Tapha kilaboota Nice fi Marseille gidduutti taphatamaa tureen taphataan Dimitri Payet qaruuraa itti darbatame isa dhawe deebisee gara deeggartootaatti darbachuu isaatiin, namoonni gara dirree seenuun taphichi adda cite.
Taphataan Marseille kun rukuttaa koornaa rukutuuf wayita jedhutti qaruuraa darbachuun duubaan rukutame. Qaruurichi kan darbatame bakka deeggartoonni Nice taa'an irraati.
Jennaan taphataan kun deebisee garasaanitti darbate. Kana hordofee deeggartonni gara dirreetti galan - eegdoonnifi taphattoonni biroo jara to'achuuf hedduu dhama'an.
Yeroo dheeraan booda taphattoonni Nice taphicha xumuruuf gara dirreetti deebi'anis, taphattoonni Marseille garuu bahuu didan.
Kanaanis taphichi dhaabbate. Kilabni Nice goolii Kasper Dolberg galcheen taphicha 1fi 0n dursaa ture.
Hokkora dhalate kanaan taphattoonni Marseille muraasni miidhamuun gabaafameera.
''Taphattoonni keenya haleelamaniiru,'' jedhan pireezidantiin Marseille Paabloo Longooriyaa.
''Nageenya taphattoota keenyaaf jecha, taphicha addaan kutuuf murteessineerra. Nageenyi taphattoota keenya dirree irratti haleelamanii hin mirkanoofne waan taheef.''
Hokkorri akkasiin eegale kan xumurame diraamaa hedduun booda ture. Wayita taphattoonni dirree dhiisanii bahuuf jedhanittis hokkorri itti fufee, leenjisaa Marseille Jorge Sampaoli lolarraa qabanii dhowwan.
Taatee kanaan dura taphattoota Maarseetti qaruuraan pilaastikaa hedduun deeggartootarraa itti darbatamaa ture. Boodarra garuu Payet wayita rukutu, innis lafatti kufe.
Booda keessa taphattoonni fi murteessitoonni dirree dhiisanii bahan.
Torban lamaan duras wayita Marseille 3-2 Montpellier mo'atetti, deeggartoonni qaruuraa bishaanii hedduu dirreetti darbatanii turan.
Tapha daqiiqaa 89ffaa irratti addaan cite sanarratti taphataan Maarsee Valentin Rongier fi taphataan kilaba Montpellier Florent Mollet jedhaman qaruuraa darbatameen rukutamanii turan.
Taatee torban lamaan dura mudate kana kaasuun Aabba Loongooriyaan waan jedhan: ''Kun kan mudate yeroo lammeessoofi. Amma duras wanti kun Montpellier'tti nu mudateera.''
''Wanti hardha mudate fudhatama hinqabu. Kun kubbaa biyya Faransaay keessatti akka fakkeenya tahuf jennee, taphicha dhiisnee gara Maarseetti deebine.''
Haatahu malee pireezdantii kilaba Nice kan tahan Jean-Pierre Rivere, taateen mudate gariin rakkoo Maarseeti jedhan.
''Taphichi akkanaan obba'uun isaa nama aarsa,'' jedhan.
''Wanta mudate namuu argeera. Qaruuraan bishaanii darbatamuusaa hin haallu, hundi keenya argineerra. Garuu dubbii kan hammeesse, waan taphattoonni Maarsee lama godhanidha.
''Kana hordofee hojjettoonni nageenyaa Maarsee gidduu seenuun dirree galanii, taphattoota keenya rukutaniiru.''

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Reuters














