'Eenyummaa kootiif dhiifama hin gaafadhu' - Maarkas Raashfoord

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan sarara fuulduraa Maanchista Yuunayiitid fi Inglaand Maarkas Raashfoord rukattaa penaaliitii galchuu dhabuusaatti dhiifama gaafateera garuu ''eenyummaa kootiif dhiifama hin gaafadhu'' jedhe.
Raashfoord tapha Waancaa Awurooppaa xumuraa gubbaatti, Inglaand Xaaliyaaniin injifatamuu hordofee taphattoota sadan arrabsoon jibba sanyummaan irra qaqqabe keessaa tokko ture.
Raashfoord, Jeeydan Saanchoo fi Bukaayo Saakaa rukuttaa adabbii xumuraa galchuu hin dandeenye. Xaaliyaaniin penaalitiidhaan injifachuuni waancaa kan ol kaafte.
Tapha sana booda sadan isaanii keessumaa miidiyaa hawaasummaarratti irratti qiyyaafatameera. ''Namoota kaan isaanii akkan gaddisiisetti natti dhaga’ame'' jedhe Raashfoord wayita haala ture ibse.
Dargaggoon ganna 23 kun itti dabaluun; ''qeeqa ga’uumsa koorratti dhiyaatu guyyaa guutuu nan simadha, peenaliitiin sun gaarii hin turre, inni darbeera garuu ani eenyu akkan ta’eefi eessaa akkan dhuferratti qeeqa dhiyaatuf dhiifama hin gaafadhu,’’ jedhe.
'Uffata garee biyyaalessaa Ingilaand uffadhee argu caala waanti na boonsu hin jiru, akkasuma gammachuu maatiinkoo namoota kuma kudhanitti lakka’aman gidduudha wayita na simatan arguu waanti caalu hin jiru’ jedhe.
Magaalaa Raashfoord keessa jiraate Withington kessatti rukuttaa peenaliitii galchuu dhabuu isaa hordofee suuraan isaa ciramuun kan dhaga’ame wayita ta’u, gara boodarra namoonni hedduun dhaamsa bira dhaabanna erganiifi jiru.
Wixata ganama leenjisaan kubbaa miila Ingilaand Gaariz Sawuzgeet injifatamuu keenya hordofee arrabsoon jibba sanyummaa ture ''kan dhiifamaan bira darbamu miti’’ jedhaniiru.
Ministirri Muummee Booris Joonsan fi Waldaan Kubbaa Miilaa Ingilaand arrabsoo ture balaaleffataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin qoccollaa raawwatame kan qorataa jiru wayita ta’u ’’arrabsoon akkasi kan obsaan bira darbamu miti’’ jedhe.
Ibsi Raashfoord baase maal jedha?
''Eessaa akkan jalqabu siruma hin beeku, amma miira natti dhaga'amu jechaan ibsuuf na rakkisa,'' jechuun hime.
''Yeroo hamtuu ture, kun namoota kaaniif ifatti mul'ata jedheen yaada, tarii ofitti amanamummaa dhabuun xumura sanarratti na mudateera ta'a.
''Penaalitiirratti yeroo kamiyyuu ofiin jajjabeessan ture, garuu waanti ta'e wayii sirrii hin turre,'' jechuun haala yeroos ture ibse.
''Waayillan garee koo waliin taphannu akka waanin gaddisiisettin yaada. Akkan namoota hunda gaddisiisetti natti dhaga'ame,'' jechuun gaabbii itti dhagahame ibse.
''Waa'ee gahumsa kootii guyyaa guutuu qeeqa nan simadha, peenaliitiin koo quubsaa ture, darbeera garuu ani eenyu akkan ta'eefi eessaa akkan dhufeef dhiifama hin gaafadhu,'' jechuun hime.
Hawaasni harka isaaniitiin natti maramanii ammas na jajjaabessu ol qabu itti fufaniiru jedhe.
PFA maal hime?
Akka Waldaan Tapattoota Pirofeeshinaalaa (PFA) jedhutti tapha booda barreeffamoota tiwitaraa 850,000 sakattaa'aman keessaa, barreeffamoonni 1,913 qoccollaa qabachuu hin oolle jedhamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Maxxansawwan 167 ''qoccollaa cimaa'' of keessa qabu jedhamanii adda baafamaniiru.
PFA'n akka jedhutti, maxxansaaleen kunneen irra caalaan isaanii balleeffamaniiru. Haa ta'u malee, akkawuntiin kana maxxansan itti fufinsaan Tiwitarri hin ugguriin hafeera.













