Kepa Arrizabalaga: Karra eegaan Cheelsii maaliif dirree keessaa bahuu dide?

Madda suuraa, Reuters
Wanta akkasii ammaan dura argitanii beektuu?
Taphataan dirree keessaa hin bahu jechuun ajaja leenjisaa isaa dide tapha kaleessa eegamaa ture kana caalaa hawwataa taasiseera.
Tapha Waancaa Kaaraabaawoo (Carabao Cup) kaleessa galgala Cheelsii fi Maan Siitii gidduutti taphatamerra waanta ajaa'ibaatu mullate.
Galchii eegaan Cheelsii Kepa Arrizabalaga yeroon taphaa idilee daqiiqaan 90 xumuree, sa'aatii dabalataarratti galchii eegaan kun akka jijjiiramu wayita gaafatan, hin ba'u jechuun dideera.
Kunis leenjisaa kilabichaa Maurizio Sarri garmalee aarseera.
Galchi eegaan kun buttoon (cramp) miilasaa wan miidheef, galchii eegaa ka dhibii eeggachaa ture Willy Caballero galchuuf yaadanii turan.
Galchi eegaa kana rukuttaan peenalitii rukutamuun dura isa jijjiiruu barbaadanii turan. Kun garuu osoo hin ta'in hafeera.
Erga leenjisichi aariin oliifi gadi marmaaranii, sagalee olkaasanii iyyuun aarii isaanii ibsatan booda, fudhachuuf dirqaman.
Abbaan murtii gidduu Moss jedhaman gara taphataa kanatti fiiguun, bahuuf fedhii qabaachuu fi dhiisuusaa gaafatan.
Leenjisaa Saariinis aarii garmaleen qaruuraa bishaaniisaanii darbachuun, istaadiyemicha gadhiisuun gara alaa bahuuf erga jedhanii booda, ofirra gargaluun deebi'aniiru.
Erga waanti hundi tasgabbaa'e booda rukuttaan peenaalitii eegale.
Keppaan rukuttaa peenaalitii Saanee qofa oolchuu kan danda'e wayita tahu, Raheem Sterling galchii ishee dhumaa Maan Siitiin waancaa itti kaase lakkoofsiseera.
Kanaanis Maan Siitiin ganna lammaffaaf walitti aansuun Waancaa Karaabaawoo kaaseera.
Ergqa taphichi xumurameen boodas leenjisaa Saariin, ''walhubachuu dhaburraan kan ka'edha,'' jedhaniiru.
''Dhimmicha sirriitti hin hubanneen ture. Kanin sirriitti hubadhee erga doktorri Keeppaa wallaanaa ture gara teessoossatti erga deebi'een booda.
Ani miidhameera jedheen jijjiiruuf ture. Inni garuu,' lakkii miidhama qaamaa hinqabu,'' jechuun bahuu dhabe. Kunis sirriidha,'' jedhaniiru.
Galchi eegaan kunis waldhabdeen kun 'burjaajiin' kan uumamedha jedheera.
''Burjaajii daqiiqaa lamaafi sadi ture.''
Akkamiin uumame...

Madda suuraa, PA

Madda suuraa, AFP

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, PA

Madda suuraa, PA

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, Reuters
















