Yukireen wiirtuu ajaja garee hidhattoota Raashiyaa "Waaginar" jedhamanii haleelte

Loltoota Waginar

Madda suuraa, Telegram

Maxxanfame

Yukireen garee hidhattoota Raashiyaa "Wagnar" jedhamuun beekamu kan baha Yukireen keessaa lolu wiirtuu ajaja isaa rookketidhaan haleelte.

Miidhamni hangamii garee kana irra gahe hin beekamne.

Gareen Waginar, hidhattoota al-idilee Raashiyaan lola garaa garaa keessatti hirmaachisuuf hundeessiteedha.

Bulchaan bulchiinsa Luhaanisk akka jedhetti iddoon dhoksaan garee kanaa baramuu kan danda'e gaazexeessitoonni Raashiyaa bakkicha beeksisuu hordofeeti.

Torban darbe, gaazexeessan Raashiyaa Sargee Sireedaa jedhamu suura buufata garee Waginaritti ka'e fuula Telegiraamii irratti maxxansee ture.

Suurichi, miidiyaa hawaasaa irratti erga qoodamee booda haqame, namoonni shan yuunifoormii waraanaa uffatanii maqaan mallattoo daandii Popasna dudduuba isaanitii mul'ata.

Haleellan kun sababa suurri kun qoodameef gaggeeffamuu fi dhiisuu isaa BBCn waan qulqulleeffate hin qabu.

Bara 2014 tti gareen Waginar Kirimiyaa fi Doonbas keessa buufachuun waraana Yukireen wajjin lola gaggeessanii turan. Sana hordofuun The Wagner group was Kirimiyaan Raashiyaa jala galte.

Waagnar biyyoota akka Sooriyaa, Liibiyaa, Maalii fi Rippaabilika Afrikaa Giddu galeessattis ergamee ture.

Raashiyaan garee Waginar jedhamu hin qabu jettee waakkattus tikni biyyoota lixaa garuu garee kana akka kaampaanii waraanaa dhuunfaa (PMC) ti jedhu.

Xinxaaltonni biyyoota lixaa akka jedhanitti gareen Waginar mootummaa Raashiyaatin kan deeggaramuu fi kaayyoo mootummaa kan galmaan gahuudha. Hodhattoonni garee kanaa bakkeewwan itti bobba'anitti yakkoota waraanaa raawwachuu fi sarbama mirga dhala namaatiin himatamu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bulchaan naannoo Luhaanisk fuula Telegiraamii isaa irratti waraanni Yukireen wiirtuu ajaja (command center) garee Waginar haleeluu beeksise.

"Guyyaa kaleessaa haleellaa gaggeeffameen wiirtun ajaja garee Waginar PMC Popaasnatti argamu barbadaa'ee jira. Lakkoofsi namoota du'anii adda bahaa jira" jedhe.

Gaazexeessan garee Raashiyaa deeggaruu Sargee Sireeda jedhamu gaafa Hagayya 8 Telegiraamii isaa irratti suura gadi lakkiseen wiirtuun ajaja Waginar beekamuu isaa miidiyaan biyyattii Yukireeniska Piraavda jedhamu gabaasera.

Suura gaazexeessan wiirtuu Waginar osoo daawwatuu gadi lakkise irratti iddoon isaa Mironoviskaya 12, Poppaasna ta'uun isaa beekame.

Suurri maxxanfame sun haqamus koppiin isaa miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa ture.

Poppaasnan kan argamtu bulchiinsa Luhaanisk keessaa kibba magaala Severdoneetiskitti.

Gaazexeessan Raashiyaaf gabaasu kan biraa Koteenok jedhamu: "Wiirtuu loltoota garee Waginar Poppaasnaa jiru irratti haleellan gaggeeffameera. Maddoonni Doobas jiran akka ibsanitti tarii meeshaa Himars jedhamuun haleellan raawwate" jechuun Telegiraamii isaa irratti barreesse.

Loltoonni Yukireen meeshaa waraanaa Himars (High Mobility Artillery Rocket System) kan US irraa argatan fayyadamaa jiru.

Himars meeshaa waraanaa ammayyaa fageenya dheeraa irratti mandhee diinaa qiyyaafannoodhan haleeluf gargaara.

Miseensi Paarlaamaa Yukireen Oleeksi Honcharenko fuula facebook isaa irratti: "Kana booda wiirtun jaja Wginar Piroppaasna keessa hin jiru. Himars fi Humna Waraana Yukireen nan galateeffadha!" jedhuun barreesse.

Gaabaasaalen Yukireen tokko tokko akka agarsiisanitti Adoolessa 29 mana hidhaa Olenivkaatti balaa abiddaa booji'amtoota waraana Yukireen heddu fixeef haleellaa garee Waginar kanaatin akka ta'e mul'isa.

Balaa mana hidhaa kanatti mudateef Raashiyaan Yukireen komatti turte, Yukireen ammoo Raashiyaadha jette.