Liiverpuul yoom shaampiyoonaa ta'uu mirkaneeffata?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Duulli Liiverpuul waancaa Piriimiyeer Liigii injifachuuf taasisu garaagartummaa qabxii Arsenaal waliin qabu 13tti bal'isuu hordofee waan milkaahuu hin oolle jedhamaa jira.

Seenaa Piriimiyeer Liigii Ingiliz bara 1888-89 jalqabu irraa kaasee hanga ammaa taphoota 28 taphatamaniin garaagartummaa qabxii hangas gahuun dursaa shaampiyoonaa kan hin taane hin jiru.

Dhiyeessaa sagantaa ispoortii BBC Match of the Day kan ta'e Gaarii Linikeer ''morkii waancaa ta'uurra sagantaa bahe raawwachuu ta'uuf deema mitii?'' jechuun gaafata.

Taphataan sarara cinaa duraanii Liiverpuul Istiiv Maak Manamaaan Liiverpuul ''humna dhaabatu miti'' jedha.

''Warri kaan boodatti hafuun isa gargaaraa jiru'' jechuunis dubbate.

Seenaa dorgommii kanaa keessatti gareen garaagartummaa qabxii 13 dursee booda waancaa mo'achuu hin dandeenye Maanchister Yunaatidiidha. Bara 1997-98 Arsenaal boodaa dhufee mo'ate. Taphootni 28 taphatamanii garaagartummaa ammaa jiru kanaan gareen dursee booda nyaatame garuu hin jiru.

Amma gaaffiin jiru Liiverpuul waancaa kana injifachuu yoom mirkaneeffata? kan jedhudha.

Liiverpuul abbaa waancaa baranaa ta'uun waan hin oolle. Gaaffiin ka'u yoom mirkaneeffata kan jedhuudha.

Sirni kompiitaraa Opta Liiverpuul waancaa injifachuuf hiree 98.7% qaba yoo jedhu Arenaaliif hiree 1.3% kenneera.

Liiverpuul dorgommii bara kanaa xumuruuf tapha 10 isa hafa. Arsenaal tapha 11 harkaa qaba.

Liiverpuul garaagartummaa qabxii 13 kabchiifatee yoo itti fufe osoo taphni afur hafuu shaampiyoonaa ta'uu mirkaneeffata. Kunis Ebla 26 tapha Totenhaam waliin irreesaa Anfiilditti gaggeessu irratti ta'a jechuudha.

Arsenaal tapha walqixxeessittuu harkaa qab yoo mo'ateefi garaagartummaa qabxii 10tti yoo gad siqe ammoo Liiverpuul mo'achuusaa kan mirkaneeffatu torban itti aanu Istaanfoord Biriijitti Cheelsii waliin wayita taphatu ta'a.

Kuni yoo milkaahe ammoo Liiverpuul shaampiyoonaa ta'uu erga mirkaneeffatee booda taphni sagantaa guutuuf giohu dirreesaa Anfiilditti Arsenaal waliin ta'a. Arsenaal wayita kana warra dursee shaampiyoonaa ta'eef dirree keessatti kabaja (guard of honour) kenna.

Shaampiyoonsi Liigiin morkii mo'anii darbuu garee 16tti waan makameef, waancaa karabaawootiinis xumuraaf waan darbeef akkasumas gidduutti boqonnaan intarnaashinaalaa waan jiruuf, Liiverpuul ji'a Bitootessaa keessa tapha tokko qofa qaba.

Liiverpuul yoo akkam ariifate liigicha injifachuu kan mirkaneeffatu torbee jalqaba aji'a Eblaa keessa.

Kunis yoo Liiverpuul taphoota sadii dhufan mo'atee, Arsenaal ammoo taphoota afur dhufan injifatameedha. Kunis Ebla 5 ta'a.

Liiverpuul riikardii cabsaa?

Liiverpuul hireen bara 2019-20 argateen qixxachuuf waan hunda gochuu qaba. Bara sana osoo taphni torba hafee jiruu waancaa injifate.

Ammoo akka Maanchister Yunaayitiid bara 2000-01 fi Siitiin bara 2017-18 godhan osoo taphni shan hafuu injifachuuf hiree caalu qaba.

Bara 1999-2000 fi 2012-13 Yunaayitiid, bara 2003-04 ammoo Arsenaal osoo taphootni afur hafanii injifataniiru.

Hunda dursee yeroon waancaa injifachuun itti mirkaneeffame amoo Ebla 14, 2001 wayita Yunaayitiid injifateedha.

Yunaayitiid riikardii kana fooyyessuuf garaagartummaa qabu bal'isuutu irra jira.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.