Hoogganaan Chichiniyaa ijoolleesaa daa'imman Raashiyaa tumsuuf adda waraanaatti erguuf dhaadate

Madda suuraa, Getty Images
Hoogganaan Chiichiiniyaa Raamzaan Kaadyrooy, ijoollee isaa dhiiraa kan waggaa 14, 15 fi 16 adda waraanaaatti erguun Raashiyaadhaaf tumsuuf qophii ta'uu dhaadate.
Michuu Putiin cimaa kan ta'e Raamzaan Kaadyrooy karaa miidiyaa hawaasaa isaarratti abbaan tokkoo ijoolleensaa maatiisaanii, ummata isaanii fi biyya abbaa saanii attamiin eeguu akka qaban barsiisuu qabaata jedhan.
Raashiyaan daa'immanii umuriinsaanii waggaa 18 gadii akka waraanaaf hin hiriirsinee waliigalte Mootummoota Gamtoomanii mallatteessite jirti.
Kana malee Manni Murtii Yakka Idil-addunyaa daa'imman umuriin saanii waggaa 15 gadi ta'an kallattiin adda waraanaarratti hirmaachisuun akka yakka waraanaatti lakkaa'a.
Garuu Raashiyaan kana hin fudhattu.
Hoogganaan Chichiniyaa kun garuu barreeffama dheeraa Teeleegiraamii irratti barreessaniin, ijoolleensaa ganaa umuriin daa'imummaatiin shaakala waraanaa taasisaa guddachuu himuun, yeroo dirree waraanaarratti qoraman qaqqabeera jedhan.
Barreeffamni hoogganaa Chichiniyaa kunis waraabbii viidiyoo wayita ijoolleen isaa osoo dirree leenjiitti rasaasa dhukaasan agarsiisuun kan dabaalameedha.
Humnootiin Chichiniyaa Yukireen keessatti yeroo baayyee viidiyoowwan miidiyaalee hawaasaa irratti maxxansuun alatti waraana kallattii adda waraanaa keessatti akka hin hirmaannee itti qoofamaa jira.

Madda suuraa, KADYROV_95/TELEGRAM
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raamzaan bara 2007tti erga pirezidaanti Putiiniin mudameen as kibba Raashiyaa bulchaa tureera.
Humnootiin Chichiniyaa erga waraanni Raashiyaa-Yukireen eegalee kaasee Mooskoof tumsuun waraana keessatti himaachaa kan turan yoo ta'u, Raamzaan meeshaalee nikulaaraa dabalatee Raashiyaan Yukireen irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatuuf watiwaataa ture.
Hoogganaan Chichiniyaa kunis yaada kana kan keennan erga magaaloota murteessoo Yukireen looltoonni Raashiyaa qabatanii turan gadhiisuun booddeetti deebii'uun erga dhagahameen booda ture.
Loltoonni Yukireen magaalaa Laayimaan kan bulchiinsa Donesikiitti argamtu to'achuunsaanii naannoolee waraana Raashiyaatiin to'atamanii jiran kaan gadhiisiisuuf murteessaa akka ta'e ibsama.
Magaalaa tunis jidduugala loojestikii waraana Raashiyaa ta'un tajaajilaa akka turte himama.
Torban darbe Raashiyaan rifarandamiin gageessaa jechuun bulchiinsoota Dooneski, Luhaansik, Zaapoorishiyaa fi Keeresoon of jala galchuun beeksiisuun ishee ni yaadatama.
Yukireeniifi biyyoonni lixaa kaan murtee ummataa jedhame kanaan kan sobaati jechuun kufisaniiru.












