Waraanni Gaazaa ji'oota torbaa oliif itti fufuu akka danda'u Israa'el himte

Maxxanfame

Waraanni Gaazaatti gaggeeffamaa jiru yoo xiqqaate ji'a torbaaf itti fufuu akka danda'u qondaalli olaanan Israa'el himan.

"Ji'oota torbaaf waraanni akka itti fufu eegna," jedhan gorsaan nageenya biyyaalessaa muummee ministeeraa, Tzachi Haneegbii.

Qondaalli kun buufata raadiyoo biyyattiitti akka dubbatanitti waraanni Israa'el daangaa Gaazaafi Masirii gidduu jiru harka 75 to'achuu himuun kutaalee Raafaa kaan irratti haleellaa gaggeessaa jiraachuu beeksisan.

Raafatti haleellan qilleensarraa Israa'el gaggeessitu hamaa ta'uu jiraatonni himaa jiru.

Humni Waraana Israa'el Raafaa bakkeewwan adda bahaniifi buufataalee hidhattoota Hamaas ta'anirratti xiyyeeffatee haleellaa gaggeessaa jiraachuu beeksise.

Michuu Israa'el kan taate US gamasheen Israa'el hanga ammaa "haleellaa cimaan humna lafoo Gaazatti gaggeeffamaa hin jiru' jettee amanti.

Israa'elifi Hamaas gidduutti waraanni erga eegalee as lammiilen Filisxeem 36,000 ol ajjeeffamaniiru jedha Ministeerri Fayyaa Gaazaa.

Gorsaan nageenya biyyoolessaa muummee ministeera Israa'el Tzachi Haneegbii waraanni Gazatti ji'oota torbaaf akka itti fufuu malu dubbachuunsaanii kanneen Israa'el keessafi Israa'eliin ala jiraatan ni yaaddessa.

Waraana Gaazatti gaggeeffamu booda, Gaazan akkamitti buluu qabdi kan jedhurratti Israa'el tarsiimoo qabatamaa akka qopheessituuf dhiibban alaa keessaa bulchiinsa Beeniyaamin Netaaniyaahuu irratti cimaa jira.

Qondaalli Israa'el kun akka jedhanitti yeroo ammaa Israa'el daangaa Gaazaafi Masirii gidduu jiru qabachuunshee meeshaalen waraanaa Hamaas bira akka hin geenye warra Masirii wajjin hojjachuuf gargaara.

Hamaas karaa daangaa Masirii dhoksaan meeshaa galcha himata jedhu Masiriin hun fudhattu. Humni Waraanaa Israa'el gaafa Kibxataa, Caamsaa 28, 2024, ibsa kenneen, bo'oo lafa jalaa Gaazafi Masirii wal-qunnamsiisu barbadeessaa jiraachuu beeksise.

Israa'el humna lafoo Kibba Gaazaa, Raafatti, erga duulchistee booda Koridara Filaadalfiyaa kan jedhamu daangaa Gaazafi Masirii gidduutti argamu km9 kan ta'u to'achuu jiraattonni ni himu.

Halleellaa Israa'el Raafatti gaggeessituun kanneen miidhaman gara hospitaalaa geessun rakkisaa akka ta'eefi haalli jiru hojjattoota fayyaafuu yaaddoo akka ta'e Ministeerri Fayyaa Gaazaa gamasaan beeksiseera.

Yeroo ammaa namoonni miliyeena 1.9 ta'an hospitaalota dunkaana keessatti tajaajila kennan (field hospitals) keessatti tajaajila kennaa jiru.

Dhaabanni Fayyaa Addunyaa akka jedhetti, hospitaalonni dunkaana keessatti tajaajile kennan Raafaa keessatti lakkoosi namoota miidhamanii itti heddummachuufi dhiyeessin hanqachuurraa kan ka'e rakkataa jiru.

Keessumaa haleellan qilleensarraa gaafa Dilbataa, Caamsaa 26, bakka buqqaatonni buufatanitti raawwate namoonni heddu miidhamanii humna hospitaalota bakkeetti tajaajila kennanii qoreera jedhu dubbi himtuu Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan ta'an Dr. Margaaret Haaris.

Haleellaa Israa'el qubsuma baqattootaa irratti gaggeessite jedhameen namoonni nagaan 45 du'uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksisee ture.

Dubbi himaa Humna Waraana Israa'el kan ta'an Riir Amiiral Hagaarin gaafa Kibxataa, Caamsaa 28, akka beeksisanitti haleellan qilleensarraa qondaalota Hamaas lamarratti kan xiyyeeffate ta'uu himan.

"Abidda achitti mudateef meeshan waraanaa keenya qofti sababa hin taane," jechuun haleellaa namoota nagaa heddu galaafate kana qoratamaa akka jiru himan.

Israa'el dunkaana baqattoonni keessa qubatan haleelte jechuun himatu lammiilen Filisxeem. Israa'el garuu bakka baqattoonni qubatan al-Mawaasiitti argamu akka hin haleelle waakkatte.

Torbee darbe keessa Israa'el duula waraanaa Raafatti gaggeessitu hatattamaan akka dhaabdufi Manni Murtii Haqa Idil-addunyaa ajaja dabarsee ture.

Israa'el garuu haleellaa Kibba Gaazaa, Raafatti, gaggeessitu tasumaa akka hin dhaabne irra deddeebin beeksifteetti.