Jaappanitti namoonni dhala godhataa waan hin jirreef biyyi kufuuf jedhan MM

Maxxanfame

Lammiilen Jaappan ijoollee godhataa waan hin jirreef akka hawaasni diigamaa jirachuu dubatan Ministiirri Muummee Jaappan Fuumiyoo Kishiidaa.

Fuumiyoon ijoollee gohachuun "amma, hin ta'u taanan rakkisaadha" jedhan.

Baay'inni uummata Jaappan miliyeena 125 yoo ta'u bara darbe keessa Jappaanitti daa'imman 800,000 gaditud dhalate jedhame. Bara 1970 keessa giddu galeessan lakkoofsi daa'imman waggaatti dhalatanii miliyeena lama ture.

Jaappan dabalaee biyyoota ollaa ishee keessatti dhala godhachuun baay'ee xiqqaataa dhufeera.

Garuu ammoo Jappaanitti rakkoon kun ni hammaata. Jappaanitti umuriin namni jiraatu dheerachuufi daa'imman dhalatan xiqqaachuu irraa kan ka'e biyyattii keessatti lakkoofsi namoota dulloomanii baay'ateera.

Garaagarummaan dhaloota umuriin gara gadiifi namoota dullooman gidduu jiru bal'ataa deemuu irraa kan ka'e humni hojjachuu danda'u baay'ee aka gadi kufu godheera.

Akka ragaan Baankii Addunyaa agarsiisutti oddola Monaakotti aansee adunyaa irratti giddu galeessan namoota umurii waggaa 65fi isaa olii kan qabdu Jappaanidha.

"Jappaan akka akka hawaasatti dhaabbannee jirachudhaaf fiixee kufaatii jirra," jedhan Ministiirri Muummee Fuumiyoo Kishiidaa.

"Dhimma ijoolleefi ijoollee guddisuu irratti imaammata xiyyeeffachuun waan yeroon itti kennamuu qabu ykn beellamni kennamuu qabuu miti."

Kanaanis mootummaan isaanii sagantaalee kunuunsafi guddisa ijoollee wajjin wal qabatan irratti bajata guddaa ramadee akka hojjatu himan.

Kanaafis ejansiin mootummaa dhimma kanarratti hojjatu ji'a Eblaa irraa kaasee hojii akka eegalu.

Haata'u garuu kanaan duran mootummoonni Jaappan namoonni ijoollee akkagodhatan jajjabeessuf tarsiimowwan wal fakkaataan baasus milkaa'uu hinn dandeenye.

Qorannoon bara 2020 hojjatame tokko, baay'inni uummata Jaappan bara 2017tti miliyeena 128 ture irraa dhuma jaarraa kanaatti gara miliyeena 53 gadiitti akka gadi bu'u tilmaame. Jaappan rakkoon humna hojjachuu danda'uu na mudateera jettus seera baqattoota simachuu dhorku baay'ee laaffisuu hin dandeenye.

Xinxaaltonni akka jedhanitti hawaasni biyyattii heddu dulloomaa jiraachuu hordofee rakkoon humna hojjachuu danda'uu furuuf Jappaan seera baqattummaa dhorku fooyyeessuu qabdi.

Wantoonni dubartoonni ijoollee muraasa qofa akka godhataniif sababa ta'an: qaala'iinsa jireenyaa, dubartoonni heddumminaan barnootafi hojiirratti yeroo isaanii dabarsuu, mala qusannaa maatii heddumminaan fayadamuu fa'i. Torbee darbe ammoo Chaayinaan waggaa 60 keessatti baay'inni uummata yeroo jalqabaaf jalaa gadi bu'u beeksiftee turte.