Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataa Baayern Muunik, Paarisitti dhalatee guddachuun PSG galchii isan adabe
Tootenahaam ammayyuu abdi qaba, Baayern Munik PSG mo’ate
Tapha dorgommii Shaampiyoonsi Liigii PSG’n dirree isaa irratti Baayern Munikiin keessumeesseen Munik galchii 1 fi 0’n mo’achuun qe’eetti gale.
Galchii tokkittii Munikiif kan lakkoofsise ammo magaalaa Paaris keessatti dhalatee kan guddate Kingislii Koomaanidha.
Koomaan kilaba PSG ilaalaa kan guddate yoo tahu dirree kana irratti galchii lakkoofsisuun hawwii isaa ijoollummaa akka tahe hime.
Koomaan bara 2020 xumura wancaa Shaampiyoonsi Liigiif kilabni isaa Baayern mnikii fi PSG’n yeroo dhaqqaban galchii injifannoo lakkoofsisuun kilaba magaala isaa injifannoo dhorke.
Kaleessas kanuma irra deebi’e. Kiliyaan Imbaappeen miidhamarra turus kaleessa jijjiirame galuun galchii wal qixxesituu lakkoofsisee ture.
Garuu gargaarsa viidiyoo VAR’n galchiin sun taphaan ala jedhamuun haqamte.
Shaampiyoonaan Liig 1 Faransaay PSG’n walitti aansuun taphoota sadii mo’anmuu isaati. Baayern Munik ammo erga Fulbaana 17 as tapha tokko iyyuu hin mo’amiin jiru.
Amma Munik nuusa xumuraaf darbuuf dhiyaateera. Garuu taphataa sarara ittisa cinaa Beenjaamiin Paavaard kaardii diimaan waan dhabeef tapha hufu irratti hin hiriiru.
Liyonel Mesii fi Neeymaar taphicha waliin jalqabuun isaanii PSG’f oduu gaarii tahuu himamee ture.
Imbaappeen garuu jijjiiramee galuun taphicha jalqabe. Seenaa haaraa PSG’f kan tahe ammoo taphataan sarara gidduu Waareen Zaayer Emirii umurii ganna 16 fi guyyaa 343’n taphachun ol adeemaa umurii xiqqaan kilabichaaf taphate tahe.
Taphataan kun lammii Faransaay yoo tahu, bara 2006 yeroo liyonel Mesiin amma ganna 35 tahe, waancaa Shaampioonsi Liigii jalqabaa isaa mo’ate dhalate.
PSG’n yaalii gara galchiitti taasifamu baay’ee muraasa taasise. Munik garuu kubba to’achuun caalmaa agarsiisus garuu galchiitti jijjiiruu irratti hanqina qabu ture.
Karra eegaan PSG lammii Xaaliyaanii tahe Doonaarumaan yaalii Koomaan, Choopo Mootiingii fi Paavaardi taasisan oolcheera.
Impaabbeen erga galee kubba cimaa tokko fageenya xiqqaa irratti yaalus karra eegaan Munik Yaan Soomer oolcheera. Daqiiqaa 82ffaa irratti garuu Imbaappeen galchii lakkoofsisuun adeemsa taphaa keessa Nuunoo Mendes taphaan ala jedhamuun galchiin kun haqame.
Waancaa ‘Coupe de France’ Maarseedhaan kan injifatame PSG’n Liig 1 irratti ammoo Monaakoodhaan torbanuma kana keessa mo’ame.
Kun leenjisaa kilabichaa Kiristoofer Gaaltiler dhiibbaa jala galcheera.
PSG’n waancaa Shaampiyonsi Liigii mo’atee hin beeku. Tapha deebii Aliyaanzi Areenaa irratti taasisuun ammo hojii mana ulfaataa tahetu isa eeggata.
Tootenahaam ammoo AC Miilaaniin 1 fi 0'n injifatamuun deebi'e. Tootenaahm tapha deebii irratti carraa injifachuu guddaa qaba.
Har'a Borushiyaa Doortmoondi, Chelsii waliin, Kilab Biruuj ammoo Benefiikaa wlaiin taphatu.