PSG moo Bayern Muunik? PSG’n Mesii fi Imbaappee miidhamarraa waame

Maxxanfame

Kiliyaan Imbaappeen dorgommii Shaampiyoonsi Liigii cimaa Baayern Munik wlaiin qaban dursuun miidhamarraa waamamee shaakala guutuu hojjeteera.

Imbaappeen miidham isa mudateen yoo xiqqaate torbanota sadiif dirree irraa fagaata jedhamee ture.

Kiliyaan Imbaappeen Wiixata shaakala guutuu hojjeteera. Bara 2020 PSG fi Baayern Munik xumuraaf dhaqqabuun, Munik 1 fi 0’n injifate.

"Galmee taphattoota hiriiranii irra tahuu isaa ammayyuu waan mirkaneesine hin qabnu,’’ jedhan leenjisaan PSG Kiristoofer Gaaltiyer.

Itt dabaluun ‘’Kiliyaan yeroo shaakalaa guutuu fayyadamee hojjeteera. Taphattoota kaan waliin akka shaakala hojjetu har’a murteessine,’’ jechuun kaleessa kan dubbatan.

‚‘Boru kan murteessinu taha, isaa fi hakiimota wlaiin mari’annee kan murteessinu taha.’’

Yoo galmee irratti kan qabamu tahe taphachuu isaati jedhan.

Dabalataan Liyonel Mesiin miidhama sarbaa isarra mudateen yaala argataa tureera. Haa tahu malee, garee har’a Munik morkatu keessatte hammatameera.

PSG’n taphoota lama wlaitti aansee mo’ame. Tokko Maarsee waliin kan lammataa Moonaakoo waliin taphatee mo’ameera.

Kiliyaan Imbaappee fi Mesiin miidhamarra osoo jiranii waamamuun isaanii morkii jabaan akka isaan eeggatuuf tahuu shakkii hin qbau.

‘Baayern addatti carraa hin qabu’

Yoo Imbaappee fi Mesiin hiriira jalqabaatti deebi’an PSG’dhaaf oduu gammachiisaa guddaadha.

Amma Liigiii Faransaay Lig1 kan dursaa jiran PSG’n gonkumaa dorgommii Shaampiyoonsi Liigii mo’atanii hin beekan.

Kanaaf har’a marsa aitti aanutti darbuuf ifaajee guddaa gochuu akka qaban amanu. Baayern ammo si’a jaha waancaa Shaampiyoonsi Liigii kana mo’ateera.

"Dorgommichaaf qophoofneerra. Garee tapha gaarii taphachuu danda’u gahaa qabna,’’ jedhe Neeymaar.

"Garee cicimmaa akkasii irratti taphachuu nan jaaladha. Dandeettii kanaas qabna[ gahumsa Shaampiyoonsi Liigiii agarsiisuu].’’

Leenjisaan PSG ammo ‘’Baayern carraa adda tahe qaba jedhee hin yaadu. Carraan qabnu, %50, %50 dha. Tapha Kanaan qofa kan darbu hin jiru.’’

"Baayern sababoota adda addaan booda kanarra gaarii jiru garuu tapha kanaaf garee cimaa tahe of harkaa nan qaba,’’ jedhan.

Taphni gara biraan gaggeeffamu Saansiirii irratti Ac Miilaanii fi Tootenahaam gidduuttidha.

Tootenaam taphattoota akka Roodiriigoo Beentaankor fi Bisuumaa miidhamaan dhabeera. Sararagidduurra kan tapahatan Hooyberg ammoo sababa adabbiidhaan har'a hin taphatu.

Antooniyoo Koontee sarara gidduu irratti taphattoota haaraa akka Iskiippii fi Shaar taphaciisuuf dirqamu.

Kun Ac Miilaaniif carraa gaarii tahus, isaani taphoota Serie A torba darban keessaa kan mo'atan tapha tokko qofa.