Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waldaan Kubbaa miilaa Ingiliiz Yargen Kiloop irratti himate bane
Leenjisaan Liiverpuul Yargen Kiloop Waldaa Kubba Miilaa Ingiliziin himataman.
Kiloop tapha kilabni isaanii Liiverpuul Dilbata darbe Maanchister Siitii wlaiin taphatan irratti kaardii diimaan dirreetii baafamaniiru.
Liiverpuul taphicha 1 fi 0’n mo’atus balleessaa Mo Saalaa irratti adabbiin hin kennamne jechuun Kiloop gargaaraa murteessaatti wacaa turan.
Murteessaan taphichaas naamusa badaa agarsisaniif kaardii diimaa kennuun dirreetii baasan.
Kiloop erga taphichi xumuramee yaada yeroo kennan miira agarsiisaniif dhiifama gaafataniiru.
"Wanti hamaan tokko taheera yeroo sana. Ofitti boonuu hin danda’u. Kaardii diimaan sun kanuma naaf maledha. Yeroo sana miirri agarsiise gaarii hin turre,’’ jedhan.
Kiloop seera Waldaa Kubba Miilaa E3 jedhamu kan ‘’yaada sirrii hin taane kennuu, yaada tapha wal dhabdee keessa buusu kennuu arrabsoo, amala gadhee agarsiisuu’’ kan jedhan of keessaa qaba.
Kiloop hanga Jimaata dhuftuutti yaada isaanii kan dhiyeessatan taha. Tapha
leenjisaan ganna 55 lammii Jarman Kiloop tapha Liiverpuul Roobii boruu West Haam waliin taphatu irratti bakka dhaabbii isaanii tahuun taphicha hin gaggeessan.
Injifannoo Maan Siitii irratti argataniin booda Kiloop gara leenjisaa Antoonii Teeyilar deemuun ‘’tasgabbii guddaan’’ akka itti dubbatan himaniiru.
Taphichi guutuun gara sanatti xiqqoo na oofeera. Tapha akka malee saffisa qabu ture.
Murteen adda addaa nuuf hin galle gama lamaaniinuu kennamaniiru’’ jedhan.
Miira koo yeroo sanaan hin gammadne. Garuu waanti tahe akkuma namni hundi yeroo sana argedha.’’
Bara darbe waancaaf dorgomaa bahee qabxii tokkoof jedhee kan dhabe Liiverpuul bara kana qabxii 13 qofa taphoota sagal irraa argate.
Maan Siitiin sadarkaa lammaffaa irra yoo taa’u, Arsenaal ammoo sadarkaa tokkoffaan liigicha dursaa jira.