Goolii Mo Saalaa Liiverpuul Siitii ittiin mo'ate, Arsenaal dursuu itti fufuufi Maadiriid Baarsaa mo'achuu

Maxxanfame

Taphoota Piriimer Liigii Ingilizii hanga La Liga Ispeenitti dhuma-torbee darbe kana (Onkoloolessa 15-16, 2022) taateewwan mudatan gariin diraamaa fakkaatu.

Piriimer Liigii Ingiliiz keessaa taphoonni Liiverpuul Maanchester Siitii waliin taphatan, kan Maanchester Yunaayitid ammoo Niiwu Kasil waliin taasisan, akkasumas Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Liids Yunaayitid taasise warra eegamaa turan; akkuma eegamanis tapha qalbii daawwattootaas hawwataniiru.

La Liga warra Ispeen keessaa ammoo kilaboonni yeroo hunda masaanuu waliif ta'an Riyaal Maadiriidiifi Baarseloonaan walitti dhufaniiru.

Liiverpuul vs Maanchester Siitii

Taphani Dilbata dirree isaa Anfiild irratti Liiverpuul Maanchester Siitii simate morkii akkaan cimaa ture.

Saffisa, humna, walitti bu'insaafi seetoo qaba ture.

Leenjisaan Liiverpuul Yaargan Kiloop hanga kaardii diimaan itti baafamee dirree irraa ari'amutti geessiseera.

Liiverpuul kaleessa Maanchester Siitii mo'achuu irraa dhaabeera.

Hanga ammaatti dirree seenee goolii osoo hin lakkoofsisiin kan bahee hin beekne jifataan Siitii Eerliing Halaand miilana hin taaneef.

Kubbaa karra eegaan Liiverpuul utaalee qabatee irratti kufe dhiitee inni [Halaand] harkaa baasuun Fiil Fooden galchellee tekinooloojii VAR ilaaluun warra Maanchester Siitii jalaa haqamuun ishee baayyee dirree jeeqxeetti.

Kun shaampiyoonaa bara darbee kan ta'eefi bara kana ammoo Arsenaalitti aanee lamaffaa qabatee kan jiru garee Peep Gaardiyoolaatiif fudhachuuf rakkisaadha.

Peep Gaardiyoolaan tapha Siisiin Liiverpuul waliin taphachuuf jiru irratti maal jetta jedhamee yaada kenneen morkiin cimaan akka isaan eeggatu himee ture.

Dhugaadha, kan jedhe isaaf hin oolle.

Halaand miila gogaa yeroo galu, Mohaammad Saalaah ammoo laphhee warra Liiverpuul fi deeggartoota isaa qabbaneesseera.

Mohaammad Saalaa taphni dhumuuf daqiiqaan 14 yeroo hafutti kubbaa karra eegaan garee isaa Alisoon dhiitee fullaaseef ittisa warra Maanchester Siitii irraa qolatee dirree walakkaa irraa qabatee karra eegaa warra Siitii Edersan waliin fuulaa fuula walitti bahan.

Edersan filannoo biraa hin qabu, kufee jilbeeffatus, osoo inni ija 'cucul' godhee ilaaluu Mo Saalaan kubbaa irra qaxxaamursuun 'manii keessa buuse'.

Mohaammad Saalaa karra eegaa Maanchester Siitii waliin fuulaa fuulatti kan argate yeroo goolii lakkoofsise sana qofa miti.

Isa dura Edersan Mohaammad Saalaah qofaa isaa fuulaafi fuula itti dhaqee karra koo siif hin kennu jechuun dhowwateera.

Mohaammad Saalaah yakki irra deddeebiin irratti raawwatamee garuu abbaan murtii callisee bira darbuu isaatti haaruu isaatiin Kiloop miira aarii keessa galuun itti waceera.

Itti wacee garuu adabamuu jalaa hin baane. Abbaan murtii Antoonii Taayilar kaardii diimaan isa ari'eera.

Kanaaf, Liiverpuul akkuma yaadame Maanchester Siitiidhaaf yaaddoo guddaa ta'u akkuma jedhaman jiru.

Isayyu Liiverpuul taphataa isaa cimaa sarara fuula duraa Liwiiz Diyaaz, akkasumas sarara ittisaarraa Ibiraahim Kontee miidhamaan dhabee osoo jiruuti.

Ta'us garuu Jaams Miliner, Joyi Gomez, akkasumas Virjil Vaan Diyaak sirriitti qindaa'anii qindoomina De Buruunee, Fiil Fooden, Silvaa, Halaand fashaleessaniiru.

Liiverpuuliin morkii waancaatiin ala taasisuun cimaa ta’ullee Siitiin gara Anfiild deemee mo’achuu dandeenyaan carraa hin qabaatan jedhee ture ogeessi kubbaa miilaa dursee tilmaamu Saatan.

Eerliing Halaand walakkaa torban darbee boqonnaa waan argateeruuf tapha kanaaf qophaa'aa waan tureef ni lakkoofsisa jedhees eegee ture.

Akkaataan tapha Liiverpuul Halaandiif waan mijatuuf of eeggannoo barbaachisa jechuun Manchester Siitiin Liiverpuuliin 4-1n mo'ata jechuun raagee ture.

Garuu Liiverpuul Maanchester Siitiidhaan 1-0n moateera.

Arsenaal vs Liids

Arsenaal Liids mo'achuun taphoota 10 keessaa 9 mo'achuun qabxii 27 qabatee Piriimer Liigii dursuu itti fufeera.

Taphni Dilbata kaleessaa Arsenaal fi Liids gidduutti taphtame daqiiqaa 40 barfatee jalqabe. Kanaaf ammoo sababiin, ibsaatu bade.

Ibsaan hin jiru taanaan murtiin teknooloojiin deeggeramu VAR hin hojjetu jechuudha.

Saatii jalqabamuun irra turerra darbee jalqabamuun isaa ammoo hamileefi miira qabbaneessa jedhe leenjisaan Arsenaal Mikeel arteettaa.

Keessumaa garee isaa dirree Liids irratti simatamaniif burjaajii uumeera.

Arsenaal goolii Bukaayoo Saakaa lakkoofsise. Kun ammoo Saakaaf tapha baranaa keessatti goolii shanaffaa isaati.

Tapha Arsenaal fi Liids irratti wanti diraamaa ture saatii taphaa dhumuu jala wayita abbaan Murtii taphichaa Kiriis Kavanaag taphataa sarara ittisaa Arsenaal Gabri'eel kaardii diimaan akka bahu gdohe ture.

Gabri'eel peenaaliitii keessatti taphataa sarara duraa Liids Paatrik Bamford yeroo isa dhiibu fuuduratti erga kufeen booda bakkuma kufee jirurraa miila itti erguun takaalee kuffiise.

Kanumaan kaardii diimaa itti baafamee penaaliitiin warra Liidsiif kennamee ture. Garuu mormii warri Gaanars taasisaniin murtii tekinooloojiin gargaarame (VAR) fayyadamuun peenaaliitiin kennamuun hafee, kaardiin diimaa Gabri'elis gara kellootti jijjiirameera.

Goolii Sakaan boqonnaa dura lakkoofsiseen alatti kaleessa Arsenaal taphaan hedduu caalamanii ture.

Kana malees, Liids boqonnaan booda penaaliitti argatanii Paatiriik Bamford goolii maddiin ala jalaa baate.

Kanaaf, Arsenaal carraanillee tolteettiif jechuun ni danda'ama.

Warri Liids hanga daqiiqaa dhumaatti Arsenaal muddaniyyu cichanii ittisuun osoo gooliin irratti hin lakkaa'amiin mirgaan galuu gosa osoo hin taane dirree isaaniitiin alattillee walitti aansuun mo'achuu itti fufaniiru.  

Ogeessi kubbaa miilaa tilmaamu Saatan tapha Arsenaal fi Liids kana Liids muddee taphachuuf carraaqullee itti baasuu hin danda’u jechuun ibsee ture.

Akkuma inni jedhe ta'e, garuu inni Arsenaal 3-1 mo'ata jedhee ture kan tilmaame.

Maanchester Yunaayitid vs Niiwu Kasil

Tapha dhum-torbee darbe eegame keessaa kan Maanchester Yunaayitid fi Niiwu Kasil taphatan ture.

Taphichi akkuma eegame cimaafi hawwataa ture.

Warri Niiwu Kasil Maan Yunaayitidiif laafanii hin argamne.

Saatan tapha kana Maanchester Yunaayitid ni mo’ata jedhee hin tilmaamu jechuun 1-1 akka xumuramu tilmaame.

Taphichi garuu 0-0n xumurame.

Riyaal Maadiriid vs Baarseloonaa

Oduu La Liga Ispeen keessaa ammoo Riyaal Maadiriid Baarseloonaa mo'ateera.

Tapha El Clasico 250ffaa kana irratti goolii Kaarim BenzemaanMaadiriidiif lakkoofsiseen mo'atanii dursummaa Liigichaa Baarseloonaa irraa fudhataniiru.

Ispeen keessatti kilaboota masaanummaan beekaman Riyaal Maadiriid fi Baarseloonaan tokko isa kaan mo'uu caalaa wanti isaan gammachiisu hin jiru.

Kanaaf, gammachuun torban kana mana Riyaal Maadiriid galteetti.

Kanaaf, ammoo gaheen Kaarim Benzemaa kan akka kilabni isaa bara darbe waancaa mo'atu gomaache galateefatamaeera.

Benzemaan tapha kana bara kanaa irratti goolii hanga eegamu lakkoofsisuu baatus Baarseloonaa kan ittiin mo'atan murteessaa ta'een garuu deeegartoota isaaf kiisii baaseera.