Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Waan akkanaa dhabeen ture' jedhe Keevin de Biruun jijjiiramee galuun erga tapha jijjiiree
Taphataan maanchister Siitii Keevin de Biruun sababa miidhama isa mudateen tapharraa fagaachuu isaa ilaalchisee yoo dubbatu, yeroo dheeraaf kubba taphachuu dhabeen ture jedhe.
Tapha Maanchister Siitii fi Niwkaastil taasisan irratti jijjiiramee galuun galchii lakkoofsisuuf daqiiqaa afur qofa isatti fudhate.
Galchii wal qixxesituu erga lakkoofsiseen booda guutummaan haala taphichaa kan jijjiire De Biruun daqiiqaa xumuraa keessa kubba fageenyarraa bareechee Oskaar Boobiif dabarse, Boob lakkoofsisuun Maan Siitiin taphicha injifatee bahe.
Galchuun kun Boobiif galchii Piriimer Liigii jalqabaa isaati.
Adoolessa 11 bara 2023 gaafa dorgommiin Piriimer Liigii jalqabe kan taphate De Biruun ergasii kun tapha jalqabaa isaati.
''Baay'een gammade, waan ajaa'ibaa ture'' jedhe TNT ports irratti.
''Waana akkanaa kana dhabeen ture. Miidhama guddaa na mudate, kanaaf yeroo dheeraa na fudhatee ture'' jedhe.
Gahumsa agarsiise ilaalchisee ''kun humna fedha si keessa jiruuti malee homaarraayyuu miti'' jedhe.
''Ammaaf waan akkanaa daqiiqaa 90 taphadhee gochuu akka hin dandeenye nan beeka. Daqiiqaa 30f garuu jijjiiruu nan danda'a. Qorra kana waliinis wal qabatee amma sombakoo irratti natti beekama'' jedhe.
Keevin kana kan dubbate ammayyuu gahumsakootti hin deebine jedhee ibsuufi.
De Biruun tapha FA Cup irratti deebi'uun jijjiiramee galee galchii Jeeremii Dookuu mijeessee kennuun Maan Siitiin, Hadersifiildiin 5-0 mo'ate.
Seent Jeemsi Paark irratti yeroo inni jijjiiramee galu gareen isaa 2-1'n dursamaa ture. Dirree seenee daqiiqaa afur keessatti fageenyarraa haleeluun galchii wal qixxeesituu lakkoofsise.
Dhumarratti kubba inni mijeessee kenneen Maanchister Siitiin taphicha injifatee bahe.
Keevin De Biruun erga Serjiyoo Aguweeroo bara 2014 Kaardif irratti jijjiiramee galuun galchii lakkoofsisee, kubba biraa mijeessee kennee as taphataa jalqabaa Maan Siitii jijjiiramee galuun galchii lakkoofsisee kubba tokko mijeessee kenne tahe.
Gaardiyoolaan waa'ee Keevin gaafatamanii, Siitiin isaaf eeggannoo cimaa godha jedhan. Garuu taa'umsa jijjiirraa irraa akka inni eegalu taasisan.
Keevin matuma isaanuu ''baay'een dadhabee hojjechaa jira, wantoota fooyyessuu qabutu jiru, yeroo tapha guutuu taphattu wantoota jijjiiruu qabdu jijjiiruun ni ulfaata'' jedhan.
''Jalqaba yeroo miidhamtu rifaatuu guddaa namatti uuma. Garuu an nama dhaabbatee hafu miti. Wantoota hojjedhee hin beeknefaa hojjechuun of ammachiisaa ture. Taphatti deebi'uun baay'een cimsee hojjechaa ture'' jedhe.
Gaardiyoolaan 'BBC Match of the Day' irratti yoo dubbatu, ''xinnoo itti mufadheen ture, akkuma dirree seeneen rukuttaa adabbii fagoorraa argame lakkoofsisuu dhabuu isaan jedhan.
''Yeroo morkattootni keenya baay'ee dadhabaa dhufan, Keevinii fi Oskaar taphichatti humna addaa nuu dabalan'' jedhan.
Galchiin Oskaar waan dinqii ture. Yeroo shaakala gannaa arginee isatti gammannee ture. Garuu guddattootaa keessatti baay'ee cimaa akka tahes dhagaheen ture jedhan Gaardiyoolaan.
Yeroo Keevin kubba qabatu taphattoota fuulduratti fiigan qabna, Keevin adunyaa irraa taphataa addaati, haalli itti Oskaar galchiitti jijjiire ammoo baay'ee adda'' jedhan.
Oskaar taphaan booda ''Keeviniin galatomin jedheen'' jedhe.
''Inni adunyaarraa taphataa tokkicha waan akkasii gochuu danda'udha. Isa waliin taphachuun waan addaati. Piriimer Liigii keessaa taphattoota ciccimoo jedhaman keessaa tokko qofa osoo hin taane, nama amala gaarii qabudhas,'' jedhe.