Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidantiin Chaayinaa yeroo xumuraaf Baayidan waliin maal mari'atan?
Hogganaan Chaayinaa Shii Jiinpiing yeroo dhumaaf pireezidantii ammaa Ameerikaa Joo Baayidan yeroo wal arganitti Pirezidantii filatamaa Donaald Tiraamp wajjiin hojjechuu akka itti fufan himan.
Hogganooti kunneen Sanbata kaleessaa kora diinagdee Eeshiyaa-Paasifiik Peruutti adeemsifame irratti walarganii ture.
Waggaa afur darbanitti hariiroon biyyooota lameenii bu'aa bahii akka qabaachaa ture beekamtii kennaniiru.
Dhiimma Taayiwaaniifi daldalarratti muddamni gidduusaanii ture akka hir'isees kaasaniiru.
Xiinxaltoonni hariiroon Chaayinaaf Ameerikaa yeroo Tiraamp dhufu akka malee raafama jedhanii yaadu.
Kunis miyoota Chaayinaarraa galanitti taarifa akka dabalu himuu fa'irratti hundaa'a.
Tiraamp miyoota Chaayinaarra galan hundarratti taarifa %60 akka dabalan himan. Namoota ejjennoo cimaa qabanis ministeera hajaa alaafi ittisa biyyaarratti muuduuf jedhu.
Yeroo aangoosaa marsaa jalqabaa Tiraamp Chaayinaadhaan dorgomtuu ''tarsimaawaa'' jechuun maqaa kenneeraafi.
Haa tahu malee koronaadhaan 'vaayirasii Chaayinaa,' jedhetti dubbiin biyyoota lameen gidduu hammaate.
Pireezidantiin Chaayinaa hariiroon Ameerikaa wajjin jiru yeroo Tiraamp dhufu akka hin geeddaramne himan.
''Chaayinaan Ameerikaa wajjiin haasaa itti fufuufi wal tumsa babal'isuuf qophii dha,'' jedhan Shiin.
Baayidan gamasaaniin dorgommiin biyyoota jaboo lamaan kana gidduutti taasifamu gara waraanaatti ce'uu hin qabu jedhan.
''Biyyooti keenya lamaan dorgommiin gidduu keenya jiru gara lolaatti akka geeddaramu eeyyamuu hin qaban. Sun ittigaafatama keenya dha, waggoota afran darban keessatti kuni dhugaa tahuu mirkaneessuu dandeenyeerra,'' jedhan.
Yeroo Baayidan waggaa afuriif bulchaa turanitti Chaayinaa wajjiin muddamni jabaa tahe hin mudanne.
Afuuffeen baasaastuu Chaayinaarraa Ameerikaatti ergame jedhameefi qondaaloti Ameerikaa Taayiwaan daawwachuunis akkasuma dhiibbaa guddaa hin uumne.
Tiraamp yeroo waajjiratti deebi'u maal akka godhu waan tilmaamamu tahuun Chaayinaa yaaddeessuu garuu hin hafne.
Sagantaa Fandii Indiyaa-Paasifiik kan hoggantu Boonii Gilaasar, ''Chaayinaan garee hogganaa Tiraamp wajjin dhimma irratti waltumsan irratti dafanii haasa'uu barbaadu,'' jetti.
''Akkasuma Tiraamp tarkaanfii taariifa guddaa kaa'uu fudhata taanaan Chaayinaa deebii kennuuf qophii dha,'' jetti.