Baazaariin Irreechaa dhaabbileen 255 ol akka irratti hirmaatan himame maal ofkeessaa qaba?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa dhaabbata Ivantii fi Piromooshinii Hageree waliin agarsiisafii baazaarii guyyoota torbaaf turu qopheessuusaa beeksise.

Saganticha ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kan laatan Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Daraaraa Katamaa, agarsiisni fi baazaariin kun Fulbaana 18-24, 2017 akka adeemsifamu himaniiru.

“Uummanni keenya Ayyaana Irreechaa kana qofa irreeffatee, Waaqasaa galateeffatee gara manasaatti deebi’uun qofti gahaa miti” kan jedhan angawaan kun hawaasni gama diinagdeen ayyaanicharraa fayyadamuu akka qabu himan.

“Irreechi kun akkuma yeroo kaanii diinagdeedhaan walitti hidhamiinsa qabaatee hawaasni keenya, daldaalaan keenya, IMX’n keenya irraa fayyadamaa akka ta’uuf walitti hidhamiinsa gabaa uumuufii uummata keenya fayyadamaa taasisuuf agarsiisafii baazaarii Irreechaa qopheessineerra” jedhan.

Dabalataan “Akkuma ayyaana Irreechaa irratti galateeffannaaf sabaaf sablammoonni tokkumman, jaalalaan, araaraan irratti hirmaatanii aadaa isaanii agarsiisan baazaariifii egzibiishinii kanas sabaaf sablammoonni irratti ni hirmaatu” jedhaniiru.

Agarsiisnifii baazaariin kun maal ofkeessaa qaba?

Hoji Gaggeessituu Olaantuu Ivantii fi Piromooshinii Hageree kan ta’an Aaddee Hawwanii Isheetuu, Agarsiisnifi baazaariin kun Giddugala Egzibiishinii Magaalaa Finfinneetti akka qophaa’u himaniiru.

Hambaaleen aadaafii hojiileen harkaa agarsiisaaf akka dhiyaatan, muuziqaafii shubbisnis hirmaattotaaf akka dhiyaatu himaniiru.

“Baazaarichi uuffatawwan, faayawwanfi nyaatawwan aadaa daldaltootafi ogeeyyii harkaan qophaa’an kan hammatedha” jedhan.

Dabalataan Irreechafii faayidaa diinagdee inni qabu akkasumas gumnaacha diinagdee Irreechi biyya aad-daneessa keessatti qabu irratti mariiwwan akka adeemsifamanis eeraniiru.

“Ayyaanni kun yeroo hunda ayyaana guyyaa tokkoo yookiin lamaa ta’ee kan darbu ta’uusaatiin walitti hidhamiinsa diinagdee uumuun biyya keenyaaf akkasumas hawaasa magaalaa Finfinneef bu’aa diinagdee akka argamsiisuuf kan kaayyefatedha” jedhan.

Kana malees agarsiisafii baazaarii kanarratti dhaabbileen daldalaa 255 ol akka hirmaatan kan himan Aadde Hawwaniin, sagantichi hariiroo uummattoota gidduu jiru gama cimsuutiinis gahee akka qabaatu himaniiru.