Ameerikaan daandii embasii Sa’udii fuuldura jiru Jamaal Kaashogjiin moggaafte

Madda suuraa, Reuters
Daandiin embasii Sa'udii magaala Waashingtan keessatti argamu dura jiru maqaa Jamaal Kaashogjiin akka mogga'u ta'e.
Jamaal gaazexeessaa qondaaltota tikaa Sa'udiitin ajjeefame yoo ta'u, duuni isaa mufii uumeera.
Aangawoonni Waashingtan akka jedhanitti daandii embasii Sa'udii fuulduratti argamu maqaa isaan akka moggaasan kan isaan taasise "ajjeechaan isa irratti raawwate dhokatee akka hin hafneefi," jedhe mootummaan.
Ajjeechaa Kashoogjii irratti raawwate kan ajaje Mootii Sa'udii Mahaammad Biin Saalman akka ta'e tikni US ifa godhee ture.
Haa ta'u malee, Biin Saalman waakkatanii turan.
Ji'a dhufu Biin Saalman Joo Baayidan wajjiin wal arganii mariyachuuf jiru.
Mallattoon daandii maqaa Jamaal ofirraa qabu yeroo ifa ta'u, falmitoonni mirga namaa, miseensonni mana maree US fi aangawoonni naannoo embasii Sa'udii Washingitan keessatti argamu duratti walitti qabamanii turan.
Dhaabbata 'Democracy for the Arab World Now' tti daayireektara olaanaa kan ta'an Saaraa Lii Witsan, "Yeroo hundumaa kuni Daandii Jamaal Kaashoogjiiti jennee namoota balbala sana duuka dhokatan yaadachiisuu barbaanna" jedhan.
Kaashogjiin bara 2018'tti embasii Sa'uudii Istaanbulitti argamu keessatti basaastota Sa'uudiitin ajjeefame.
Ajjeechaan Jamaal Kashoogjiirratti raawwate addunyaa guututti dheekkamsa kaasun Biin Saalman hawaasa addunyaa biratti ija jibbaan akka ilaalaman isaan tasiseera.
Bara 2019'tti Joo Baayidan filannoo pirezidaantummaaf kaadhimamuuf yeroo duula gaggeessaa turanitti Kashoogjii ajjeesisuu isheef Sa'uudii Arabiyaa akka itti gafatamtu nan taasisa jechuun waadaa seenanii turan
Haa ta'u malee, Baayidan daawwannaa ji'a Adoolessaa keessa Baha Giddu Galeessatti taasisuuf jedhaniin Mootii Biin Saalman wajjiin wal arguuf akka jiran Waayit Haawus gaafa Kibxataa ifa godhee ture.
Aangawaan olaanaan US tokko akka jedhanitti daawwannaa kana keessatti dhimmi sarbama mirga namoomaa ajandaa marii keessaa tokko akka ta'u ifa godhaniiru.












