Uumama moo guddisa? Amaloota addaa lakkuuleen walfakkaatan qooddatan

Lakkoolee wal fakkaatan lama wayita seeqaa suuraa ofee waliin ka'an

Madda suuraa, Jim Craigmyle/Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Yeroo hunda lakkuuleen kan nama hawwatan fakkaatu. Namni qofaa dhalate tokko kamiyyuu gaaffiiwwan barame baay'ee ni beeka.

"Ati humna saayikii qabdaa?"

"Dhukkubbiin waliin isitti dhaga'amuu danda'aa?"

"Iddoo jijjiirtee beektaa?"

Haxxamuaa fi hawwataan namoota lamaa kanneen adda addaa ta'an, garuu kan wal fakkaatanii, sheekkoo durii akkasumas muuziqaa, fiilmii fi ogbarruuf kaka'umsa ta'eera.

Haata'u malee, lakkooleen saayinsiidhaafis hawwata guddaa qabu. Haala dhalootaa (genetics) fi naannoon keenya amalaa keenya irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu qorachuuf carraa addaa ni kennu.

Ofii uumama moo haala guddina keenyatuu eenyu akka taane nu taasisa?

Ijoollee dubaraa erga dhalatanii guyyaa shanii osoo rafanuu
Ibsa waa'ee suuraa, Lakkoolee walfakkaatan jiiniiwwan hunda haala jedhamuu danda'amuun waan qooddattanii fi baay'ee wal fakkaatu

Lakkoolee gosa lamatu jira. Lakkoolee wal hin fakkaanne ykn obbolaa ta'an hanqaaquu adda addaa lama kan yeroo tokkotti qophaa'uun isparmii adda addaatiin gabbiifamuun dhalataniidha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Isaanis akkuma obbolaan idilee kaan godhan giddu galeessaan walakkaa jiiniiwwan isaanii waliin qooddatu.

Lakkooleen walfakkaatan ammoo isparmii tokkoo fi hanqaaquu gabbiifamuun miciree lamatti qoodamu irraa kan dhufan yoo ta'u, kana jechuunis jiiniiwwan isaanii hunda jechuun haala danda'amun kan qooddatan yoo ta'u, yeroo baay'ee baay'ee wal fakkaatu.

Haala akkasiin kan dhalatanis baay'ee xiqqaa yoo ta'u, daa'imman 1,000 keessaa tilmaamaan sadii qofa irratti mul'atu.

Prof. Naansii Sagaal, ofii isheetiitiinis kan lakkuu wal hin fakkaannee taate, jireenyashee guutuu qorannoo kanaaf kennitee jirti.

Yunivarsiitii Isteetii Kaalifoorniyaa, Fullerton, Ameerikaa keessatti ogeettii amala jeneetikii fi saayikoloojii yoo taatu, bakkasheen Giddugala Qo'annoo Lakkoolee itti qajeelchitudha.

"Lakkooleen lamaan dhiibbaa jeneetikii fi naannoo amala kamiyyuu, sammuu irraa kaasee hanga saffisa fiigichaa, eenyummaadhaa hanga dheerinaafi ulfaatinaatti akka ilaallu nu taasisuu danda'a," jedhu Prof Segaal.

Qorannoon lamaan walfakkaatan lamaan jeneetikiidhaan walfakkaatan fi lamaan obbolaa walbira qaba. Lakkooleen walfakkaatan amala murtaaʼe tokko irratti caalaatti kan wal fakkaatan yoo taʼe, kun amala sana guddisuu keessatti jiiniin gahee muraasa akka qaban argisiisa.

Jiiniiwwan dheerina, ulfaatina keenya fi hubannoo sammuu keenya illee bocuu keessatti gahee guddaa qabaachuunsaa nama hin ajaa'ibu ta'a. Haata'u malee, qorannoon lakkoolee amalaafi ilaalcha dhuunfaa keenyaa muraasa keessatti jiiniin keenya gahee akka qabus mul'isee jira.

"Lakkuu[lee] . . . amala adda addaa hedduu qorachuuf itti fayyadamaniiru: amantii fi ilaalcha hawaasummaa, adabbii du'aatti hangama akka amantan, fayyadama qoricha sammuu namaa hadoochu [fi] faayinaansii keessan irratti hangam akka invast gootan," jedhu Prof Segaal.

Fakkeenyaaf, qorannoon US, Neezarlaandsii fi Awuustiraaliyaa keessatti gaggeeffame akka agarsiisutti, lakkoolee walfakkaatan lama kan wal hin fakkaannee caalaa, keessumaa yeroo ga'eessota ta'aniitti, ilaalcha amantii walfakkaataa qabaachuu danda'u. Kunis jiiniin keenya amantii keessatti gahee akka qabu argisiisa.

Waaqayyootti akka amannuuf kan nu kakaasu jiiniin keenya osoo hin taane, caalaatti ilaalcha wal xaxaa kan amala kan akka hubannoo sammuu ykn miira namaa kakaasu fa'ituu akka akkas goonuuf caalaamiira nutti uumuu danda'u irratti dhiibbaa kan geessisan ta'uu ibsa.

A woman in a pink jacket stands between two elderly women who are smiling and laughing

Madda suuraa, Leonard Ortiz/Digital First Media/Orange County Register via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Elizaabet Haamel (bitaa) fi Ani Hunt (mirga) osoo deebi'anii wal hin argiin dura waggoota 78'f adda bahuun isaanii Prof Nancy Segaal (giddu keessaa) qorannoo isheetiif haala gaarii ta'e kenneeraaf.

Lakkoolee adda addaatti guddatan

Qorannoo Prof Segaal irraa argannoon baay'ee nama dinqisiisu, haalawwan baay'ee hin mul'anne kanneen lakkuu walfakkaatan garuu kan waliin hin guddanne qorachuun kan argameedha.

"Tokkoonsaa eenyummaasaaniti. Wanti sana keessatti nama hawwatu [jira] tiirummaa fi aadaadhaan attamiin akka itti . . . lakkuun walfakkaatan addaan baafaman garuu haala wal fakkaatuu itti guddatan. Kunis namoota waliin jiraataniifi fira walii ta'aniif dhiibbaan jeneetikii walfakkeenya kana kan gaggeessuu malee naannoo keessa waliin jiraatan akka hin taane sitti hima."

Fakkeenyawwan qorannoo Prof Segaal gaggeessite keessaa inni beekamaan tokko, qorannoo Ani Hunt fi Elizaabet Haamel lakkuu ta'an garuu akkuma dhalatanii kan adda baafamanii guddatan irrattixiyyeeffate ture.

Isaaniis lakkii yeroo dheeraaf (waggaa 78)f addaan ba'uun Rikardii Addunyaa Giinis qabataniidha.

Isaanis erga Ani kan UK keessatti dhalattee, guddattee fi achuma jiraattu Elzaabet barbaaduu jalqabdee booda, US bakka Elizaabeet jiraachaa turtetti walitti makaman.

Bu'aan qorannoo isaanii akka agarsiisutti, Aniifi Elizaabeet amala dhuunfaa hedduu kan qaban yoo ta'u, lamaan isaaniiyyuu dhiirota Jiim jedhaman illee fuudhaniiru.

Walfakkeenyi qorannoowwan biroo irraa muraasni caalaatti kan hin baramneedha.

"Amaloonnii fi fedhii hin baratamne illee wal fakkeessa. Fakkeenyaaf, tuuta lakkuun ittiin walfakkaatan tokko lamaan isaaniiyyuu saamunaa ilkaanii maqaan addaa Siwiidin ta'e fayyadamu. Lakkuun walfakkaatan garuu kan bakka adda addaaatti guddan kunneen lamaanuu buufata xiyyaaraa Mineesotaatti wal argan garuu lamaan isaanii iyyuu qubbeellaa torba, faa'aa harkaa sadii fi sa'aatii kaawwataniiru."

Haata'u malee amaloonni isaan waliin qooddatan kana qofaan hin dhaabbanne.

"Lamaan isaaniiyyuu amala laastika mudhiisaaniitti hidhachuu fi mana fincaanii fayyadamuu duras ta'e booda harka isaanii dhiqachuu qabu turan. Tarii jarmiidhaaf baay'ee saaxilamoo fi qulqullina irratti baay'ee kan of eegan ta'uu danda'a," jetti Prof Segaal.

Lkkuu Iskootilaandii walfakkaataa kanneen addaan guddatanilleen lamaan isaaniitu daabboo nyaatan bakka afuritti muranii garuu muraa sadii qofa nyaatu turan. Kun fedhii nyaataa isaanii kan ilaaluu yoo ta'u, waan isaaniif dhiyaate hunda nyaachuu dhiisuu agarsiisa jechuun dabalti.

"Wantoonni kunneen . . . kan agarsiisu. Hundi keenyaa amala adda ta'ee fi ajaa'ibaa qabna. Isaanis bakka hin jirre irraa kan ba'an osoo hin taane, hamma tokko nu calaqqisiisu," jechuun xumura Prof Segaal.

Lakkuu gaarii wal fakkaatuun oofaman

Madda suuraa, japatino via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Amalli dhuunfaa lakkuun waliin qaban bu'aa wal makaa naannoo fi jiiniiwwan irraa kan madde ta'uu ogeeyyiin ni dubbatu

Lakkuu jiinii

Haalli garmalee walsimuu lakkuu (twin synchronicity) kan ta'e ammoo lakkuulee jiinii Ameerikaa Miinesotaa irraati. Lamaanuu maqaan isaanii Jiim kan jedhamu yoo ta'u, yeroo dhalatan adda ba'anii, booda ammoo umurii waggaa 39tti walitti makaman.

Yeroo walitti makamaniitti jireenyi isaanii haala ajaa'ibaa ta'een wal fakkaatadha.

Lamaanuu dubartii Liindaa jedhamtu fuudhanii, ittaanee ammoo dubartii Beetii jedhamtu irra deebiʼanii fuudhanii turan. Lamaanuu saree Tooy jedhamuu fi ilma Jamees Alaan jedhamu qabu turan. Lamaanuu qarqara galaanaa tokkotti ayyaana dabarsu.

Lakkuu kunneenis qaama qorannoo Dr Toomaas Buuchard Yunivarsiitii Minnesota irraa gaggeesse yoo ta'an, qorannoo dhuunfaasaanii irratti, osoo wal quunnamtii tokkollee hin qabaatin, qabxii wal fakkaatu ajaa'ibsiisaa ta'e galmeessisaniiru.

Fakkeenyiwwan ajaa'ibaa kunneenis gaaffii, dhuguma filannoo fi amala keenya irratti ejjannoo hamma yaaduu barbaannu qabnaa? jedhu kaaseera.

"Wanti tokko dhiibbaa dhalootaa (jeneetikii) waan qabuuf qofa ejjannoo hin qabdu jechuu miti," jedhu Prof Segaal. Gaa'ila hiikuu akka taatee fakkeenya jireenyaa dhiibaa guddaa qabuutti kaafte, garuu ammoo dhalootaan kan guutummaatti hin murtoofne ta'u kaasti.

Kanaafuu, jiiniiwwan kana keessatti gahee addaa akkamii qabu?

"Tarii eenyummaa rakkisaa, mata jabina [fi] amala waan akkasii. Garuu jiiniin kee gaa'ila hiikii hin jedhu! Murtoo wal hiikuu situu murteessa. Kanaafuu bilisummaan filannoo karaa kamiinuu sanaan kan gufatu natti hin fakkaatu."

Akka yaada Prof. Segaaliitti, wanti furtuu ta'e, dudhaa ykn waan hawaasa keessa jiruutti yaaduu dhiisuudha. Eenyummaafi amalli keenya malee, maddi murteessaa namummaa amma jirruu kan nu boce hin jiru.

"Namoonni naannoon keenya guutummaatti nu boce jedhanii yaaduu jaallatu. Ana garuu sun hubannoo dogoggoraa natti fakkaata," jetti Prof Segaal.