Israa'el haleellaa Iraaniif deebii kennitu addunyaan eegaa jira

    • Barreessaa, Firaank Gaardinar
    • Gahee, Xiinxalaa nageenyaa BBC
  • Maxxanfame

Erga Iraan misaa’ela itti roobsite booda waan Israa’el gochuuf deemtu addunyaan eegaa jira.

Waraanni Israa’el misaa’eliifi dirooniin 99% Iraan gara Israa’el dhukaaaste galma isaanii osoo hin rukutiin fashalsuu isaa ibseera.

Iraan haleellaan raawwatte haleellaa dallaa qontsilaa biyyattii Sooriyaa argamutti raawwateefi lubbuu galaafateef haaloo bahuufi.

Yeroo ammaa biyyoonni naannicha jiran, kan bulchiinsa Iraan hin jaalanne dabalatee, dhimmichi akka tasgabbaa’u waamicha dhiheessaa jiru.

Iraan yeroo dheeraaf ‘’anis deeffadheera, natti hin dhufiinaa kanaan achi haleellaa ofirraa qolachuu hin dandeenye isinitti dhukaasa,’’ ejjennoo jedhu qabdi.

Haa ta’u malee, Israa’el Iraaniif ‘’deebii jabaa’’ kennuuf akka jirtu dhaadatteetti.

Mootummaan Israa’el amma aangoorra jirummoo seenaa biyyattii keessatti mootummaa waa jennaan biraa hin deebinedha jedhamuun beekama.

Bulchiinsi Benjaamin Netaaniyaahu haleellaa Hamaas raawwate booda sa’aatii muraasa keessa deebii kenne.

Baatiiwwan jahan itti aananiifis kunoo Gaazaatti ce'ee lola keessa jira.

Kaabineen waraanaa Israa’el haleellaa Iraan raawwatte kana callisee waan darbu miti.

Kanaaf filmaati Israa’el qabdu maali?

Tarii waamicha olloota ishee naannicha jiran dhagahuun ‘’obsa akka imaammataatti’’ hordofuu malti.

Kunis, kallattiin Iraanitti dhukaasuurra michuuwwan Iraan kanneen akka Hezboollaa Libaanos jiru ykn maandheewwan waraanaa Sooriyaa keessa jiran akkuma kana dura gochaa turte irratti xiyyeeffachuu malti.

Israa’el yookiin buufatawwan misaa’elaa Iraan irraa dhukaasteerratti xiyyeeffachuun misaa’ela fageenya dheeraa imalu dhukaasuu malti.

Osooma kana gooteyyuu Iraan dhimmicha akka hammeessutti ilaaluu malti.

Kunis, sababiin isaa Israa’el yeroo jalqabaaf daangaa Iraan keessa Iraan waan haleeltuf jechuudha.

Biyyoonni waliif diina ta’an kuni hanga Iraan Israa’elitti kallattiin dhukaastutti, harka wayyaa jalaan yoo ta’e malee kallattiin walitti bu’iinsa keessa yoo seenan kuni yeroo duraatiifi.

Yookiin immoo Israa’el qiyyaafannoo ishee bal’istee buufata waraanaa, kaampii leenjii akkasumas wiirtuu ajajaafi to’annoo Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan haleeluu malti.

Gareen Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan dameewwan waraanaa Iraan keessa isa cimaadha.

Filmaatawwan lamaan boodarra tarreeffaman Iraan haleellaa haloo bahuu akka cimsitu affeeruu mala.

Gaaffiin ijoo asitti ka’u garuu wanti kuni Ameerikaa harkisee humnoota Iraan waliin kallattiin walitti dhukaasutti galchaa kan jedhudha.

Ameerikaan biyyoota Galoo Galaanaa Galfi jahan hundatti buufataalee waraanaa qabdi. Sooriyaa, Iraaq akkasumas Yordaanos keessaas akkasuma.

Yoo Ameerikaan lola seente buufatawwan ishee misaa’elota baalistikiifi kaan Iraan qoqqobbii idil-addunyaa jala osoo jirtu waggoota muraasa darban kuufatteen irratti qiyyaafatamuu mala.

Wanti biraammoo Iraan yoo haleellaan irratti baname wanta yeroo dheeraaf nan raawwadha jettee dhaadachaa turte dalaguu malti.

Kunis, boombii owwaalamu, diroonii, fi kaaniin fayyadamuun sarara Hormuuz cufuudha.

Sararri kunimmoo yoo cufame toora dhiheessii boba’aa addunyaa keessaa 1/4ffaa ta’u danquuf deema.

Kunimmoo akka hin mudanne wanta mootummoonni biyyoota adda addaa yeroo ammaa dalagaa jiranidha.