Ijoollee kosii gara uffata faashinii ammayyaatti geeddaranii uffatan

Pilaastikii %88 Naajeriyaatti deebifame fayidaa biraarra hin oolfamu

Madda suuraa, GREENFINGERS WILDLIFE CONSERVATION

Maxxanfame

Isin gaazexaa moofaa, qabduuwwanii fi qola cuunfaa fuduraalee ittiin bitaman maal ittiin gootu laata?

Baay'en keessan kosiitti ganna malee maal itti goona? jechuu dandeessu.

Naayijeeriyaatti garuu gartuun kunuunsa naannoorratti hojjatu tokko dargaggoota rogeeyyiifi modeelistoota qindeessee kosii gara faaya miidhagutti geeddare agarsiisaaf oolche.

Agarsiifni kun kosii gatame deebisanii fayidaaf oolchuu kan jajjabeessuu fi faashinii jajjabeessudha.

Akka gabaasa Dhaabbata Mootummoota Gamtooomaniitti gaazii kaarbondaayi oksaayidii uumamu keessaa dhibbeentaa 10 qaba.

Dooniyaan waa ittiin baataan huccuu faashiniif oole

Madda suuraa, GREENFINGERS WILDLIFE CONSERVATION

Gartuun ‘Greenfingers Wildlife Conservation’ jedhamu kun bara 2012 irraa kaasee Naajeriyaatti magaalaa Leegos qulqulleessuu keessatti qooda guddaa gumaachaa jiru.

Sambata dabre kana hubannoo uumuuf jecha xiyyeeffannoo isaanii agarsiisa faashinii gataa kosii xiqqeessuuf jajjabeessu qophessanii turan.

Shamarree faashinii agarsiiftu

Madda suuraa, GREENFINGERS WILDLIFE CONSERVATION

Hundeessaa gartuu 'Greenfingers' jedhamu kanaa Chinidu Mogboo, faalama naannoo fi dhimma qilleensa baramaarratti hubannoo xiqqaa jiru agarsiisa faashiniitiin bashannansiisaa barsiisuuf ta’uu hime.

Mogboon dargaggoonni duula kanatti akka dabalaman gaafate.

Taaatullee, Naayijeeriyaatti koosii deebisanii fayidaa biraarra oolchuun ni jabaata- biyyattii keessatti kosiin iddoo tokkootti walitti qabameetu dhabamsiifama.