Taayitaanikii daawwachuuf turistoonni gara tujuba galaanaa imalan shan du'an

Madda suuraa, DAWOOD FAMILY/LOTUS EYE PHOTOGRAPHY/REUTERS
Haftee doonii Taayitaaniik daawwachuuf gara tujuba galaanaa erga deemanii booda achi buuteen isaanii dhabamee barbaadamaa kan turan imaltoonni shan lubbuun isaanii darbuu ibsame.
Dhiiroti umriin isaanii ganna 19-77 turan shan doonii Taayitaaniik waggoota dheeraan dura galaana keessatti dhidhimte daawwachuuf ture Sambata darbe gara Galaana Gurraachaatti imaluun booda quunnamtiin alaa qaban kan adda cite.
Namoota achi buuteen isaanii dhabame kana ogeessota biyya garaagaraa walitti qabaman erga barbaadaa turaniin booda, dhaabbanni maallaqaan gara tujuba galaanaa seenuun isaan barbaadaa ture lubbuun isaanii darbuu beeksiseera.
Roobootiin namoota kunneen akka barbaadu ergame caccabaan dooniin isaan ittiin imalan doonii Taayitaaniik irraa meetira 480 fagaatee argamuu himeera.
Namoonni kunneen imala jalqabanii sa’aatii muraasa gidduutti dhohiinsa doonii isaaniirratti mudateen hin du’iin akka hin hafne shakkamaa ture.
Eegduun daangaa galaanaa Ameerikaa dhohinsi kuni akkamiifi eessatti akka mudate sirriitti himuun hin danda’amu jedheera.
Haa tahu malee, tujuba galaanaa kiloomeetira afur gadi fagaatu dooniin Taayitaanik iddoo jirtu meetira 500 fagaatee caccabaan doonii isaan ittiin deeman argameera.
Namoonni du’an kunneen hogganaa olaanaa dhaabbata doonii kanaa Istooktoon Raash, biiliyenara Ingiliiz Haamish Haardiing, yabalaa galaanaa Faransaay Pool Heenrii Naargeeloot akkasumas daldalaa Shaahiizaad Daawudii fi ilma isaanii Suleemaan Daawud turan.
Namoonni kunneen lubbuun isaanii darbeera jedhamee yaadamus hamma yoonaa reeffi isaanii hin argamne.
Eegdonni daangaa Galaanaa Ameerikaa haala qilleensa jabaataa galaanicha irra tureen reeffa namoota kunneenii argachuun danda’ama jedhanii guutummaatti yaaduun ni rakkisaa jedhan.
Du’a namoota kanneen booda namoonni beekamoo gadda itti dhagahame ibsachaa jiru.
Waayit Haawus maatii namoota du’anii jajjabeessaniiru. Yeroo iddoo buuteen isaanii dhabamee barbaadamaa turanis yaaddoo ibsaa ture.
Mootummaan UK namoota balaa kanaan lubbuu isaanii dhaban yeroo hamaa kanatti nan deeggara jedhe.
Bara 1912 galaana Kaaba Atilaantik keessatti kan dhidhimte dooniin Taayitaanik ilaaluuf km4 caala gara tujuba galaanaatti imaluuf dhaabbanni Oshin Geet doolaara kuma 250 kaffalchiisa.












