Loltoonni Israa’el 24 guyyaa tokko keessatti ajjeefamuu Waraanni Israa’el beeksise

Loltoota Israa'el reeffa loltuu Wixata du'ee baatan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Israa'el reeffa loltuu Wixata du'ee baatan
Maxxanfame

Waraanni Israa’el akka beeksisetti loltoonni isaa 24 Wiixata kaleessaa Gaazaatti du’an - erga tarkaanfii waraanaa lafoo Gaazaatti banamee eegalee guyyaa loltoonni biyyattii danuun itti du’anidha.

Loltoota Israa’el du’an kan keessaa 21 humna eeggatoo yoo ta’an, dhootuu humnoonni Israa’el gamoowwan lama diiguuf keessa awwaalaniin du’an fakkaata jedhe Raayyaan Ittisaa Israa’el (IDF).

Misaa'elli hidhattoota Filisxeemiin dhukaafame taankii loltoota eegaa ture yeroo muraasa dura rukute jedhamee yaadama ture.

Waraanni Israa’el dhimmicha qorachaa jiraachuu ibse.

Akka Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin hogganamu ibsutti, guyyaa sana dura lammiileen Filisxeem 195 ajjeefamaniiru.

Dubbi himaan Waraana Israa’el, Daani’el Hagaari akka jedhanitti, humnoonni eeggatoon kunneen Wiixata kaleessaa walakkeessa Gaazaatti ajjeefaman.

Bakki kun mandara Israa’el Kissufim jedhamutti dhiyaata.

Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 raawwatameen booda lammileen Israa’el kuma kudhaniin lakkaa’aman erga buqqifamanii booda, jiraattonni kibba Israa’el nagaan gara mana isaaniitti akka deebi’an hayyamuuf hojii gaggeeffame irratti hirmaataniiru.

Loltoota dhohinsa sanaan du’an keessaa sirni awwaalchaa loltuu jalqabaa gaara Herzl, Yerusaalemitti raawwatameera.

Namoonni sirna gaddaa kanarratti hirmaatan hedduun isaanii uffata dambii waraanaa kan uffatan yoo ta'u, bakki sun alaabaa Israa'el bifa cuquliisaa fi adiin haguugame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraanni Israa’el haleellaa addatti kibba Gaazaatti Wixata kaleessaa raawwatameen loltoonni sadii ajjeefamuusaanii kanaan dura mirkaneessee ture.

Ministirri Muummee Israa’el Beenjamiin Netaaniyaahuun, gidiraan mudatus hanga ''injifannoo guutuu'' argannutti haleellaa itti fufna jedhan.

Gaazaa keessa bakka biroo, hospitaalota sadii kibba Kaan Yuunis, kan buqqaatotaan guutamte biratti lola cimaan geggeeffamaa ture.

IDF magaalaa Kibba Gaazaa kana guutummaatti marsee akka to’ate beeksiseera.

Israa'el hoggantoonni garee Hamaas achitti dhokatanii jiraachuu malu, akkasumas IDF bakka namoonni butaman tursiifaman ta'uu mala jedhe.

Akka Waraanni Israa’el jedhutti, tarkaanfii waraanaa gaggeeffameen hidhattoonni kurnatti lakkaa’aman kan ajjeefaman yoo ta’u, humnoonni isaas rookkeettiiwwan Hamaas dhukaasuuf qopheesse, akkasumas boolla lafa jalaa fi meeshaalee waraanaa baay’ee arguu hime.

Filisxeemoonni akka jedhanitti garuu lola dhiyeenya magaalichatti geggeeffameen dubartoonniifi daa’imman ajjeefaman.

Filisxeemoonni akka jedhanitti, Israa’el uggura uumtee fi haleellaa hospitaalotatti Wixatarraa eegalte raawwate, namoota madaa’anii fi du’an lubbu-baraartoonni akka hin dhaqqabne taasise jedhan.

Namoonni du'an mooraa hospitaala Nassir keessatti awwaalamaa kan turan yoo ta'u, bakka awwaalchaa ga'uuf mooraa keessa bahuun nageenyaaf jecha hin danda’amne jedhan.

Humnoonni Israa’el hospitaala biraa Al-Kahir - kara dhihaatti naannoo al-Mawasi jirutti hojjettoota hospitalaa qabanii hidhan jedhan Filisxeemoonni.

Israa’el waraana Gaazaatti kana kan jalqabde, haleellaa Hamaasiin namoota 1,300 - irra caalaan isaanii lammiilee nagaa ta’an ajjeeffamuun, namoonni 250 butamanii fudhatamuu hordofuun, Hamaas balleessuuf kaayyeeffachuu ibsite.

Akka marsariitiin IDF jedhutti, erga weerara lafaa Israa’el Onkoloolessa 27 jalqabdee kaasee loltoonni 217 kan ajjeeffaman yoo ta’u, Onkoloolessa 7 eegalee walumaa galatti namoonni 552 jalaa ajjeefamaniiru.

Erga waraana Israa’el Gaazaatti bantee yoo xiqqaate namoonni 25,490 – irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman – ajjeefamaniiru jedha Ministeerri Fayyaa Gaazaa.