Leegaasii muummee ministeera Jaappaan sabboonummaa leellisuun beekamu 

Maxxanfame

Shiinzoo Abeen muummee ministeera Jaappaan waggaa dheeraaf biyyattii gaggeessee fi diinagdeen biyyattii akka lalisu godhedha.

Inumaayyuu maqaa masoo “Abenomic” jedhamuun waamama ture.

Namoota baay’ee biratti sabboonummaa leellisuudhaan kan beekamu, filannoo biyyattii si’a lama dorgomuun filamee minister muummee ta’uun Jaappan tajaajile.

Bara 2006 tti yeroo jalqabaaf umurii waggaa 52 tti muummee ministeeraa Jaappaan ta’ee filatame.

Bara 2012 tti ammas filatamee muummicha ministeeraa ta’uun hanga bara 2020 sababa fayyaatin aangoo gadi dhiisutti tajaajile.

Yeroo inni marsaa lammaffaaf muummicha ministeeraa ta’ee filatamu diinagdeen Jaappaan kufee ture.

Akkuma marsaa lammataaf filatameen tarsiimoo diinagdee haaraa fiduun biyyattii kufaatii diinagdee keessaa baase.

Bara 2011, Sunaamii hamaan fi kirkirri lafaa cimaan lammiilee 20,000 ajjeesuun buufata anniisaa niwukarii Fukushimaa barbadeessetti, biyyattiin akka dandamattu gochuu keessatti shoora olaanaa taphate.

Bara 2020tti rakkoo fayyaa qabuun aangoo isaa itti fufuu akka hin dandeenye beeksisee aangoo gadi lakkise. Bifuma wal fakkaatun bara 2007 dhibee mar’umaanii isa mudateen aangoo gadi lakkisee ture.  

Erga bara 2020 tti aangoo gadi lakkiseen booda miseensa paartii isaa fi nama isatti dhiyoo ta’e Yoshide Suuga aangoo qabate. Haa ta’u garuu hanga ammaatti Shiinzoo Aben akka aangawaa siyaasaa ijoo ta’etti namoota hedduu biratti beekama. 

Akkamitti aangotti dhufe 

Shiinzoo Aben siyaasa Jaappaan keessatti hirmaachuu maatii isaa irraa waan dhaale fakkaata. Abbaan isaa Shintaro Abe ministeera dhimma alaa Jaappaan ture. Akaakayyuun isaa Nobusuke Kishi ammoo ministeera muummee Jaappaan ture. 

Shiinzoo Aben bara 1993 tti yeroo jalqabaaf miseensa paarlaamaa ta’ee filatame, bara 2005 tti ammoo barreessaa olaanaa kaabinee ta’uun ministeera muummee Junichiiroo Koizuumiidhaan muudame.

Bara 2006 tti ministeera muummee dargaggeessa ta’uun filatamee aangoo qabate. Bara 2012 tti Aben dhibee isaa irraa fayyuun aangoo isaatti deebi’e.

Bara 2014 fi 2017 tti irra deebin filatamuun ministeera muummee Jaappan yeroo dheeraa biyya gaggeesse isa taasisa. 

Sabboonummaa biyyaa 

Shiinzoo Abe waraana cimaa ijaaru fi tarsiimoo biyya alaa wajjin qabu irratti ijjannoo cimaa ta’e qaba ture, heera biyyattii waraana Paasifikii booda bahe jijjiiruuf hawwii guddaa qaba ture. 

Namoonni ilaalcha konsarvaatiivii qaban heericha Waraana Addunyaa Lammmaffaa irratti Jaappaan erga mo’amtee booda Ameerikaatu baase jechuun komatu. 

Ilaalchi sabboonummaa biyyaa inni Shiinzo Abee qabu ture Chaayinaa fi Kooriyaa Kibbaa irraa gaarreffannaan akka Jaappan mudatu taasiseera.

Kunis kan ta’e bara 2013 tti erga inni bakka ‘Yasukuni shrine’ daawwateen boodadha. Bakki Jaappaan keessatti iddoo falaasama waraanaati jedhamee beekama. 

Bara 2015 tti Jaappan mirga ofii isheefi biyyoota michoota ishee ittisuu qabdi jedhuun biyyattiin waraana ishee biyyoota biroottis bobbaasuu akka qabdu ifa godhe.

Biyyoota ollaa fi uummata Jaappan irraa mormiin muudatus, paarlaamaa biyyattii tarsiimoo inni baase kana mirkaneesse.

Dhimma humna waraana Jaappan ilaalchisee heera biyyattii fooyyessuuf abjuun inni qabu hin milkaa’in hafe.

Oddoolawwan kaaba biyyattiitti argamanii fi Raashiyaa wajjin abbummaadhaaf irratti wal dhaban qaama Jaappan gochuuf karoorri inni qabu ture hin milkaa’in hafe. 

Diinagdee bayyanachiisu fi COVID-19 ittisuu

Tarsiimon diinagdee isaa ‘Abenomics’ jedhamuun beekamu jalqaba irratti diinagdee biyyattii dammaqsee ture.   

Garuu bara 2020 yeroo diinagdeen biyyattii kufu, tarsiimoon isaa gaaffii keessa gale. Tarkaanfin inni COVID-19 ittisuuf fudhates beekamtii isaa gadi buusaa dhufe. 

Tarsiimon Abee turizimii biyya keessaa jajjabeessuf fudhate weerarri COVID-19 akka babal’atu taasise. 

Qeeqxonni isaa akka jedhanitti waadaan tarsiimoo diinagdee isaa dubartoota aangessuu  ofittummaa ittisuu fi aadaa hojii sirrii hin taane fooyyessuuf kaayyefate galma hin gahin hafe.

Addunyaa irratti walitti dhufeenya diinagdee cimaa ‘Trans-Pacific Partnership’ jedhamuun biyyoota 11 wajjin taasiseen akkaan jajama.   

Aangoo gadi lakkisuu fi du’uu Shiinzo Abee 

Aben bara 2020 aangoo gadi lakkisuuf murteesse. Bakka isaa kan bu’e miseensa paarlaamaa yeroo dheeraa fi aangawaa siyaasaa gameessa Yoshihide Suuga dha.  

Shiinzoo Abe garuu erga aangoo irraa bu’ees siyaasa keessaa harka hin fudhanne. Biyya keessa fi ala deemee hojii siyaasaa hojjataa ture. 

Adoolesssa 8, magaala Naaraa jedhamtu kan kibba biyyattiitti argamtu deemuun nama miseensa mana mareetiif dorgomuuf sagalee ta’ee duula filannoo gaggeessuu deeme. 

Achitti osoo haasaa taasisaa jiruu nama ganna 41- loltuu ture duubaan itti dhukaasee ajjeese.

Shiinzoo Abe yeroo hospitaalatti geeffamu hin duune ture; miidhaa irra gaheen dandamachuu dadhabee hospitaalatti du’e.