Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miidiyaan FIB damee isaa Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti bane
Miidiyaan Afaan Oromoon hojjetu FIB'n yeroo jalqabaaf eeyyama hojii mootummaa Keeniyaa irraa argachuun istuudiyoo isaa magaalaa Naayiroobiitti bane.
FiB istuudiyoo isaa haaraa Keeniyaatti bane irraa sagantaalee isaa afaan Oromoo fi afaan Ingiliffaan akka hojjetu abbaan qabeenya miidiyichaa Obbo Lammii Taayyee himaniiru.
Aab Aliyyii Waariyoo bulchaan Taanaa Riiver duraanii sagantaa baniinsaa irratti argamanii, dur maqaa keenya guutuuyyuu himuun hin danda'amu ture jedhan.
''Keeniyaa keessa bakka hedduun maqaa jijjiranii nurraa fuudhan malee kan uummata keenyaati,'' jedhan
''Teettuu, Naayiroobii fi Mombaasaa maqaa jijjiiran malee keenyuma ture. Akkuma Finfinnee fi bakkeewan kaan maqaa jijjiiran sana ture.
''Miidiyaan hakiima nu wal'aanti. Waa'ee fayyaa nu barsiisti. Miidiyaan siyaasa. Akka falmannu nu hubachiisti.'' jedhan.
Uummanni keenya miidiyaa afaan isaan rakkoo isaa irratti dubbatu Keeniyaa keessaa hin qabu kan jedhan Aab Aliyyiin har'a miidiyaa FIB asitti banamuun uummata keenyaaf carraa guddaadha jedhan.
Abbaan qabeenyaa fi hundeessaan miidiyaa FIB, Obbo Lammii Taayyee miidiyaan riqicha. Miidiyaan meeshaa qabsootis jedhan.
Uummanni keenya hedduun Keeniyaa keessa jiraatu miidiyaa akka hin qabne hubachuun FIB asitti banuuf murteessine jedhan.
Uummanni keenya ittiin duula gaggeeffachuuf, aadaa isaanii ittiin wal barsiisuufi uummata Itoophiyaa keessa jiruu fi Keeniyaa keessa tokkoomsuuf FIB'n hojjeta'' jedhan.
Dr Abdullaahi Shongoloo har'a gammachuu guddaan qaba jedhan. Ijoollee keenya Oromoo qofa miti warra Kikuuyyuullee afaan Booranaa akka akka baraniif gargaara jedhan.
Dur Afaan Oromoo hin baratamu, ittiin hin barreessan jedhamaa ture jedhan.
Addunyaan afaan mataashee malee afaan ormaa dubbachuu hin feetu jedhanii uummanni keenyas afaan isaa jabeessuu qaba, aadaa isaa jabeessuu qaba jedhan.
''Namni afaan isaa lakkise afaan ormaa barbaada,'' jedhan Aab Abdullaahi.
FIB Oromoota biyyoota lamaanii tokkoomsa
Abbaan qabeenyaa miidiyichaa Obbo Lammii Taayyee uummata biyyoota lamaanii wal barbaadaa turetu wal argate jedhan.
Sagantaan FIB erga Finfinnee irraa oduun dubbifame kallattiin kan darbu kan Naayiroobii irraati jedhan.
Walitti qabaan boordii FIB Piroofeesar Guyyoo Waariyoo, uummata keenya walitti qabuuf, mirga isaaniif akka falmataniif yaadamuun miiidyaan kun asitti baname jedhan.
Afrikaa irraa afaanota gurguddoo dubbataman keessaa tokko afaan Oromooti.
Kanaafuu uummanni biyyoota lameenii walitti dhuhuufun walirraa barachuun afaan isaa jabeeffachuu qaba jedhan.
Keeniyaa keessa miidiyaa gurguddaan akka jiran ibsuun ijoollee keenya garuu aadaa fi afaan nuu barsiisaa hin jiran jedhan.
Ijoolleen keenya mana barumsaatti afaan Kiswaahilii baratu. Miidiyaa irraa afaan akka Ingiliffaa fi kaan baratu. Afaan keenya hin baranne. Ijoolleen keenya yoo dhagahanillee Afaan Oromoo hin dubbatan,'' jedhan.
Miidiyaa afaan Oromoon hojjetu banamuun ijoollee keenyaaf carraa guddoodha jedhan.
Keeniyaa keessa Oromoonni Booranaa kumaatamaan jiraatan miidiyaa Afaan Oromoo hin qaban ture.
Uummanni Booranaa afaan Oromoo barachuuf rakkoo akka ture himanii amma miidyaa FiB irraa aadaa fi afaan isaanii barachuuf akka isaan gargaaru himan.
Namoota saganticha irratti argaman keessaa tokko kan taate Biiftuu Guyyoo Afaan Oromoo dubbachuu akka hin dandeenye himte. Afaan Kiswaahilii fi Ingiliffaa dubbatti.
Hanqinni miidiyaa biyyicha keessaa aadaa fi afaan isaanii baruuf rakkoo akka ture himuun FIB Naayiroobitti banamuun bu'aa guddoo qaba jette.
Shamarree Xummee Godaanaa ani Boorana. Oromoodha. Afaanuma tokko qabna. Uummatuma tokko. Garuu afaan keenya hin beeknu ture. Carraa miidiyaa arganne kanaan afaan keenya guddisuufi barachuu qabna jette.
Kaashmoluu Duubaa, Oromoo Booranaati.
‘’Ijoolleen keenya yoo afaan Oromoo itti dubbanne callistee nu ilaalti. Deebii nuuf deebisuu hin dandeessu.
Haga afaan Kiswaahiliin itti dubbannutti nu hin hubatan. Kana booda miidiyaa Kanaan ijoollee keenyas afaanii fi aadaa barsiifachuu dandeenya’’ jedhan.
Uummanni Oromoo Keeniyaa keessaa naannoo Marsabeet, Taanaa River fi Meeggaa haga Boranaa hundaa afaan keenya barsiifachuu dandeenya jedhan.