Siitiin Chelsii injifachuun garaagartee qabxii Arsenaal waliin qabu shanitti gadi bute

Maxxanfame

Maanchistar Siitiin Kamisa galgala gara dirree Chelsii Istaamfoord Biriijitti imaluu dura Arsenaal liigicha qabxii saddeetiin dursaa ture.

Miidhamni taphattootaa kan itti hammaate Chelsiin tarii deeggartoota isaa duratti Siitii qabxii dhabsiisee imala waancaa Arsenaalitti abdii caalu horaa abdiin jedhu muraasni ture.

Akka bara kaanii kan hin jirre Siitiin garuu goolii daqiiqaa 63'ffaarratti Riyaad Mahireez lakkoofsiseen garaagarummaa qabxii Arsenaal waliin qabu shanitti gadi buteera.

Siitiin boqonnaan dura rakkatus boqonnaa booda Peep Gaardiyoolaa Mahireeziifi Gireelish jijjiiree galchuun jijjiirama fide.

Kubbaa Gireelish mijeessee kenne Mahireez gooliitti jijjiire.

Leenjisaan Chelsii Girhaam Pooter taphattoota isaanii collee baayyee miidhamaan dhabuun isaanii carraa dhabeessa isaan godhus erga Siitiin injifatamanii booda gabatee liigichaarratti iddoo baroota hedduuf hin barre 10'ffaarra taa'aniiru. Istarliingiifi Kisristiyaan Pulisichis amma jalaa miidhamaniru.

'Maashiniin goolii'' warra Siitii Eerliing Haalaand goolii galchuu baatuus injifannoon Istaamford Biriij abdii Arsenaaliin qaqqabuu Siitii laliseera.

Taphataan paawundii miiliyoona 100 baasu Jaak Gireelish Astoon Viilaatii dhufee warra Shaampiyoonaatti madaquuf rakkachuu dubbateera.

Gireelish bara kana kubbaa goolii taatu sadii mijeessee kenneera.

Bara dorgommii isa dhumaa Aston Viilaaf tapahateen tapha 16'n goolii jahaafi kubbaa goolii ta'e 10 mijeesseera.

Kun ammoo ji'oota 18 Siitii tureen walbira yeroo qabamu isa olaanaadha. Tapha 10 irratti goolii afuriifi kubbaa goolii ta'e jaha dhiyeesse.

Wanti yaadee dhufeefi wanti Siitiitti isa mudate akka wal hin argine dubbate. Siitiitti madaquufis rakkachuu hime.

Chelsii gama kaaniin bara dorgommii baranaan rakkataa jira.

Nigooloo Kaantee, Ruubeen Looftus-Cheek, Eduwaard Meendii, Maasoon Maawunt, Rees Jaams fi Weeslii Fofaanaa dabalatee taphattoota sagal ta'an waldhaansisaa jira.

Dabalataan eda Rahiim Isterliingiifi Kirsitiyaan Pulisich itti ida'amanii gara 11 gahaniiru warrii miidhaman.

Chelsiif haalonni mijaawuu dura akkamalee hammaachuuf deemu jedhu warri kubbaa xiinxalan.