Ameerikaan labsii wixinee UN Gaazaatti dhukaasa dhaabuu gaafatu kuffiste

Maxxanfame

Hoogganaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteeras, waraanni Gaazaa keessa jiru, nagaaafi eegumsa idiladdunyaaf yaaddoo cimaadha” jechuun, waldhabdeen kun gara “iddoowwa to’annoo jala jiran Weest Baank, Lebaanon, Sooriyaa, Iraaqifi Yaman” ce’uusaa eeruun dubbataniiru.

Kun dhimma hatattamaa xiyyeeffannoo mana maree nageenya kan barbaadudha jechuun Keeyyata 99 eegalsiisuun Jimaata Mana Maree Nageenya UN’tti sagaleen akka kennamu taasisaniiru.

Adeemsa kanaan miseensoti mana maree sagalee kennan 13 labsii wixinee kana yoo deeggaran, tokko sagalee kennuu dhiisuun, tokko wixinee kana mormeera.

Miseensota Mana Maree Nageenya UN keessa wiixinee kana kan mormite biyyi tokkittiin Ameerikaadha. Michuun ishee UK ammo sagalee kennuurra of qusatteetti.

Kanaaf labsiin wiixineen kun utuu hin raggaasifamiin kufeera.

Dhaabbatni Human Rights Watch US wiixinee waraana dhaabuu UN dhorkuun ishee “hirmaattu yaakkoota waraanaa” ishee taasisuuf deema jedhe.

Dhaabbata idil addunyaa Oxfam’tti hoggaanaa damee Ameerikaa kan ta’an Aabii Maaksimaan ammoo “dhimma mirgoota namoomaa irratti ilaalcha US dhageetti akka dhabu” waan taasisudha jechuun dubbataniiru.

Mootummaan Israa’el UN fi hoogganaa isaa hin jaallatu.

Israa’eel Aab Guteeras utuu ergamni isaa Hamaas balleessuuf taasisu hin xumuramiin waraana amma dhaabsisuuf yaaluun Hamaasiin gammachiisa waan jiruuf innumti (Aab Guuteras) nagaa addunyaaf yaaddoodha jechuun yaada inni dhiyeesse mormiteetti.

“Gaazaa keessatti sirni gargaarsa namoomaa guutummaatti kufu danda’a” yaaddoon jedhu guddaa akka ta’e Guteeraas dubbataniiru.

Filisxeemoonni kun waan Israa’eel barbaaddudha sababiin isaas Filisxeemonni hundi akka Gaazaa keessa ba’an barbaaddi jedhu.

Gazexeessotoonni akka Gaazaa seenaniif Isra’eel hin eeyyamtu, kanaaf gazexeessitooni BBC achi taa’anii gabaasu hin danda’ani, garuu waan suuraalee viidiyoo irraa agarruun, waan namoota haasofsiisnu irraa hubannuun wanti hoogganaan UN jedhan sirrii fakkaata.

Lammiileen nagaa Gaazaa duula waraanaa hamaaf waan saaxilamaa jiraaniif haalli isaan keessa jiran garmalee badaadha.

Isra’eel lubbuu namoota nagaa oolchuuf waan danda’u hunda gochaa akka jirtu himti garuu Hamaas namoota nagaa gaachana godhachuun lola kanaaf isatu itti gaafatama jechuu itti fufteera.

UN’tti Ameerikaan qofaa ishee labsii wiixinee akka waraanni dhaabbatuuf gaafatu dhorkuun ishee kanneen lakkoofsa namoota du’aa jiraaniif yaadda’iin waan hamaa fakkaata.

Ameerikaan Israa’el seeraa waraanaa ni eegna, du’a lammilee nagaa hin oolchina jedhu jetti. Garuu ammoo waan Israa’el jettuufi waan isheen hojjetu jidduu qaawwaan jira jedhu.

Hogganaan UN wiixineen kun akka dhorkamu utuu beekanii filannoof dhiyeessuun isaanii, Ameerikaan daftee murtee Isra’eeliin “si ga’a, yeroo ga’aa qabaatteetta, nama ga’aa ajjeefteetta amma yeroon kan waraana dhaabuudha” jechuurra akka geessu taasisuuf fakkaata.

Dippiloomaatotni BBC’n dubbise tokko tokko tarii Israa’eeliif yeroo ji’a tokko dabalataan akka kennuufi malan himu. Malli Guteeraas dhiibbaa idil addunyaa dabaluun, Ameerikaan eejjenoo kanaan akka fufuu hin dandeenye yaadde akka qaanoftu yaachisuun yeroo kana gabaabsuu yaaluu fakkaata.

Viidiyoon yemmuu Humni Waraanaa Israa’el (IDF) Filisxeemoota hedduu qullaa buusuun Gaazaa keessatti hidhee jiru mul’isu dhiibbaa kanatti dabalaa jira.

IDF kanneen haleellaa Onkololeessa 7 gaggeessaan eenyu kan jedhu adda baasuuf akka yaala jiru hima- kanas waraanicha irratti seera idil addunyaa eeguun raawwachaa akka jiru hima.

Namoota waan Israa’eel raawwatuuf deeggarsa xiqqaa qabaniif ykn kanneen sababa ajjeechaa Gaazaa keessatti taasifamuuf deeggarsa isaanii dhaabaniif, kun Israa’eel fayyaafi namummaa Filisxeemotaaf akka homaa hin gaddinee mallattoo agarsiisudha jedhu.

Waaqxiin kun yeroo qorraadha, kanaaf akka viidiyoo sana irratti arginetti qullaakee, gariin iji kee haguugamee, gariin harki kee duubaatti hiidhamee daandiirraa akka deemtuuf dirqisiifamuun, shakkii malee waan hamadha.

Israa’el kun wanta hafuu hin daneenye jedhu- kaan garuu kun waan hammeenyaati jedhu.