Kiloop jifataa carraa goolii hedduu qisaasuun adda duree ta'e Nuneez, Lewaandoskiin walfakkeessan

Maxxanfame

Leenjisaan Liivarpuul Yargan Kiloop jifataa isaanii bara dorgommii 2022/23 carraa goolii hedduu qisaasuun Piriimiyeer Liigii keessatti adda duree ta'een taphataa isaanii duraanii Robeert Lewaandooskiin walfakkeessan.

Carraan goolii qisaasaa jiru akka isaan hin yaaddessines dubbatan.

Gara dhumaa bara dorgommii 2021/2022' tti paawundii miiliyoona 64'n Beenfikaa irraa gara Liivarpuul kan dhufe Daarwiin Nuuneez bara dorgommii 2022/23 kana keessa carraawwan goolii 12 qisaasuun liigicha keessatti adda dureedha.

Waancaa addunyaa booda taphoota Liivarpuul Manchistar Siitii fi achiis Astoon Viilaa waliin taphate irratti carraawwan goolii nama gaabbisiisan bayyee qisaasee warri isa qeeqan ittuu akka isa yakkan carraa uumeera.

Garuu ammoo sochii gaarii agarsiiseen tapha Aston Viilaa waliin ture irratti taphataa cimaa dorgommichaa jedhameera.

Hedduu fiiga, carraa yaalii goolii hedduu godha, taphattoota ittisaa mudda.

Leenjisaan isaa Yaargan Kiloop dargaggoo ganna 23 kan bara kana goolii sagal galche kana taphataa isaanii duraanii kilaba Boruusiyaa Doortimuund Lewaandooskiin wal isa fakkeessaniiru.

Bara 2010'tti kilaba Lees Poznaan irraa yeroo isa mallatteesisan haala ammaa Nuneeziin walfakkaatu keessa ture jedhan.

''Dhugaa dubbachuuf walfakkeenya baayyeetu jira.''

''Lewiinis seenaadhuma walfakkaatu dubbata jedheen yaada. Sagantaa yaalii kubbaa gooliitti aggaamuu irratti homaa osoo hin lakkoofsisiin fa'a gala. Tirgaa Yuuroo 10 fa'a galla ture. Yoo 10 ol galchite ani yuuroo 10'n sii kenna yoo galchuu baatte situ naa kaffalan jedhaan. Kiisiin kiyya mala isaan guuta ture.''

Wanti guddaan yeroo dandeettiin jiraachuu hubattu tasgabbaa'anii eeguudha jedhan Kiloop.

Nuuneez bara dorgommii kana carraa goolii gurguddaa 12 qisaasee liigicha keessatti adda duree yoggaa ta'u, tibba gara Liivapuul dhufe Eerliing Halaand waliin sadarkaa waldorgomsiifamurra ture.

Halaand amma seenaa liigichaa keessatti jifataa saffisaan goolii 20 lakkoofsise ta'eera.

Bara kana carraa goolii torba qisaasuun sadarkaa saddeettaffaarra jira Halaand.

Moosaalaanis akkasuma carraa golii ta'an 11 qisaaseera.

Kiloop Nuuneez gara goolii galchuutti akka guddatu shakkii hin qaban.

Hundi keenyayyuu dandeettiin jiraachuu isaatti waliigalla jedhu.

Gareen guutuun gahumsa isaatti amanee yeroo kennaafii jira jechuun Nuuneez gahumsa isaa carraa argame gooliitti jijjiiruu akka fooyyessu gargaaraa jiraachuu dubbatan.