'Intallikkoo miidhamtee lubbuun oolteetti, kan lubbuun darbe haadha manaakooti' - Obbo Gutamaa

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Obbo Gutamaa Galatoo jiraataa Magaalaa Shaambuuti. Balaa konkolaataa guyyaa Kibxataa Godina Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Guddayyaa Biilaatti mudateen kanneen gaddarratti argama keessaa tokko.

Obbo Gutamaan balaa kanaan haadha warraa isaanii dhaban. Daa'imti haadha waliin konkolaaticha keessa turte ammo miidhaan qaamaa gahuun garuu lubbuun ooltee jirti.

Waa'ee taatee kanaarratti kan BBCn dubbise Obbo Gutamaan, ''intallikkoo miidhamte lubbuun hafteetti, kan lubbuun darbe haadha manaakoo Aaddee Ashiragaa Ahimad Mohaammad jedhamti'' jedhan

Intallii isaanii miidhaan irra gahee lubbuun oolte ammoo Ayyaantu Gutamaa ammalleen mana yaalaatti wallaansa irratti akka argamtu bakka gadda taa'anirraa BBCtti dubbatan.

Balaan kunis maatiisaanii kan mudate osoo Shaambuu irraa gara magaalaa Finfinnee imalaa turanii akka ta'e kan himan Obbo Gutamaan, ''akka nama karaa yeroo baayyee imalee beekuutti konkolaataa dedeebiisaa karaa kana imalu irratti nama namarratti fe'uun alatti meeshaalee hedduun illeen itti fe'amu'' jedhan.

Konkolaataan amma balaa irra qaqabee kunis ''akkan odeeffannoo qabuutti meeshaalee hedduufi namoota 65 hanga 70 ta'an fe'ee imalaa akka turen odeeffadha. Yeroo baayyee daandii kanatti balaan kan qaqabu sababii akkasiitiin'' jechuun madda balaa kanaa ta'u mala waan jedhan dubbatan Obbo Gutamaan.

Sirni awwaalcha haadha warraa saanii Roobii kaleessaa raawwatamu kan dubban Obbo Gutamaan, namoonni sadi balaadhuma kanaan lubbuunsaanii darbe gara biraas magaalaadhuma Shaambu keessatti kaleessa sirni awwaalchasaanii raawwatamu himan.

Itti dabalunis, ''dubbiinsaa dubbii lubbuutii, daa'imti, haatii daa'imaa keessatti du'aniiru. Kan koo fakkeenyaadha. Taateen akkasii deebi'ee akka hin mudanneef, osoo humnaan ol nama fe'amu baatanii, osoo biiroon tajaajilli geejibaa fi tiraafikoonnis osoo seera kabachiisanii,'' jechuun waamicha dhiyeessan.

Barsiisaa Makonniin Abdannaa namni jedhamanis osoo ilmasaanii waliin cidha ilamasaanii dhaquuf gara Finfinneetti imalanuu mucaasaanii waliin lubbuu dhabusaanii kominikeshiniin Aanaa Doongooroo fuula Feesbuukii isaanii irratti baaseera.

Namoota balaa kanaan miidhaan irra gahee 45 keessaa dubartiin Finfinneetti yaaliif ergamte turte tokkoo du'uun lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii 29 gahuu, Ajajaa poolisii Aanaa Gudayyaa Biilaa, Komaandar Zarihuun Maannaayyee BBCtti himaniiru.

Guyyaa balaan kun mudateetti kan dhageenye

Balaa konkolaataa har'a Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Guddayyaa Biilaatti mudateen namoonni yoo xiqqaate 28 ta'an lubbuunsaanii darbuu poolisiin beeksiise.

Konkolataan imaltoota 65 fe'ee Shaamburraa gara Baakkootti imalaa ture kun bakka Ganda Bonka Ijaa jedhamee beekamutti balaa mudateen lubbuun namoota kanneennii darbuu poolisiin Aanaa Guddayyaa Biilaa BBC'tti himan.

Ajajaa poolisii Aanaa Gudayyaa Biilaa, Komaandar Zarihuun Maannaayyee konkolaataan geejibaa kun har'a Guraandhala 11, 2025 ganama erga Shaamburraa ka'een booda Aanaa Guddayyaa Biilaa, Horroo keessaa bahee bakka ganda Bonka ijaa jedhamuutti laga keessa seenuudhaan balaan kun kan midate jedhan.

Komaandari Zarihun akka jedhaniitti, balaan ganama har'aa naannoo sa'aatii sadiitti qaqqabe kunis sababiinsaa rakkoo teekinikaa ykn fireeniin konkolaachiisaaf qabamuufii diduudhaan laga Jimaa jedhamuu fi tilmaamaan gadi fageenyisaa kan meetira shan ykn hanga jaha ta'u keessa seene.

Konkolaatichi daandiirraa maquun al sadii garagaluun laga keessatti kufuun namoonni 28 lubbuunsaanii yoo darbu namoota 45 irraa ammoo miidhaan qamaa cimaan irra gahuu Komaandar Zarihuun dabaluun dubbatan.

Namoonni miidhaan qaamaa balaa kanaa irra gahees wayita ammaatti buufata fayyaa Jareefi hospitaala Baakkootti wallaansa argataa jiru jedhan.

Namoota battalattii balaa kanaan lubbuu dhaban keessaa reeffa namoota 16 gara naannawa maatiinsaanii jiran Baakkootti fe'amuufi kaan ammoo erga hospitaala qaqqabanii booda lubbuunsaanii darbuu himan.

Qondaalli poolisii kun akka jedhanitti namoota lubbuunsaanii balaa konkolaataa kanaan dhaban keessaa daa'imti afur ni argamu.

Hawaasni naannichaafi qaamoleen nageenyaa walta'insaan namoota miidhamaniifi kanneen baraaraman maatiin akka wal arganiifi kanneen wallaansa argachuu qaban gargaaraa akka turan Komaandar Zarihuun dabaluun dubbatan.

''Akka namaatti taatee hamaa miirakoo na tuqeefi hanga ammaattuu miira sana keessaa hin baane,'' jedhen Ajajaan Poolisii kun, yeroo namoota miidhaman maatiif bilbilanitti haalli ture baayyee cimaa ta'u kaasan.

Waggaa kanas balaan konkolaataa wal fakkaatu bakka amma balaan itti mudate kanatti qaqqabee akka ture dubbatan qondaalli kun.

Komaandar Zarihuun balaa sukkaneessaadha jechuun ibsan akkasii kana hambisuudhaan konkolaattonni duloloman akkasii ganama osoo imalaa hin eegaliin dura osoo gahumsi teknikaasaanii ilaalamee balaa walfakkaatu hambisuuf akka gumaachu dhaaman.

Walumaa galatti abbootiin qabeenyaa fi konkolaachiftoonni konkolaataa ummataa qabatanii imala eegaluun dura waan gochuu qaban osoo bahanii kan jedhan Komaandar Zarihuun, konkolaachisaan ''konkolaataan koo dhaandii dheeraa oolee galaa? Ho'a dandamataa? jechuudhaan daandii irra ilamu hubannoo keessa galchuun qophii barbaachisu yoo taasisan namoonni akkasiin bahanii alatti hin hafan ture'' jedhan.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.